Ajjeechaa Haacaaluu hordofuun hokkora uumameen lubbuun namaa darbe

Ajjeechaa Aartiisti Haacaaluu Hundeesaan walqabtee iddoowwan garaa garaatti hiriirri mormii gaggeeffamaa jiraachuu maddeen BBC'tti himan.

Magaalaa Cirootti dhukaasa namoota hiriira bahan irratti banameen, lubbuun namoota lamaa darbuu fi namootni "heddu" madaa'uu ogeeyyiin fayyaa Hospitaala Ciroo BBC'tti himaniiru.

Gama biraatiin ammoo ajjeechaa aartisti Haacaaluu kana ilaalchisuun hiriira mormii Magaalaa Adaamaatti taasifamaa jiru gara hokkoraatti geeddaramee gamoowwan waajjiraalee mootummaa gubataa jiraachuu BBCn mirkanneeffateera.

Gamoowwan waajiraalee motummaa magaalatiitti gubataa jiran keessa, kan bulchiinsa magaalaafi bulchiinsa gandootaa dabalatee gubachaa jiraachuu BBCn mirkanneeffatee jira.

Kana malees achuma magaalaa Adaamaatti namoonni gara waajjira OBN deemuun mormii dhageessisaa turan bittimsuuf rasaasa dhukaafameen namni tokko dha'amee madaa'uu maddeen naannoo sanarraa BBC'tti himaniiru.

Jiraattoonni Magaalaa Jimmaafi naannawa ishee, Beddellee, Ambo, Adaamaafi Naqamtee dabalatee magaalota gurguddoo hedduu keessatti hirriiri mormii taasifamaa jiraachu BBC'tti himaniiru.

Keesaattu jiraataan Magaalaa Holootaa BBC'n dubbisee haala halkanii kaasee jiruu akkasiin hima.

''Ummanni birmannaadhaaf godinaalee lixa Oromiyaa irraa dhufan hundu ni bohuu. Konkoolaataan namoota du'a gahiidhaaf dhufan qabatan erga halkaniitii gara Finfinneetti yaa'aa jiru.''

Namoonni uffata gaddaa uffatanii kaan ammoo duungo qabachuun gara magaalaa Finfinneetti darbaa akka turan dubbatu jiraataan kun.

''Magaalaa Amboo dukkana cimaa keessa jirti'' kan jedhaan jiraataan Magaalaa Amboo BBCn dubbisee ammoo, miira gaddaa cimaatu magaalattii keessatti mul'ata jedhaniiru.

Ummanni magaalaa Amboos gamaa gamanaa daandii dhaabbachuun simachuuf eegaa kan jira ta'u kan himan jiraataan kun, namoonni kaan ammoo daandiirratti simachuuf miilaan gara magaalaa Finfinneetti imalaa jiraachuus ibsan.

''Duraan daandiin gara Finfinneetti geessuu cufamee kan tureefi amma reeffi aartiisti Haacaaluu gara lafa dhaloota isaa dhufaa waan jiruufi sirni awwaalchaa nu biratti waan raawwatuuf'' jecha daandiin baname jedhu jiraataan kun.

Ajjeechaan aartiisti Haacaaluu galgala wayita dhagahameetti namoonni hedduun amanuu akka dadhaban kan himan jiraataan kun, hanga ammaattilleen du'aatiin isaa abjuu nutti ta'eera jechuun BBC'tti himaniiru.