Dubartoota sababa ajjeechaa Joorji Filooyid aangoof dorgamaa jiran

Namni gurraachi Ameerikaa jiraataa bulchiinsa Minisootaa ta’e Joorji Filooyid poolisii adiidhaan haala suukanneessaa ta’een ajjeefamuun addunyaarratti mormii guddaa kaaseera.

Yakki nama tokkorratti raawwatame akka mallattoo jibbiinsa sanyummaatti fudhatamuun mormiin addunyaa walga’e.

Lammiileen Ameerikaa gocha sana balaaleffachuu qofa osoo hin taane jijjiirama sirna poolisiis cichanii gaafachaa turan.

Namoonni kanaan dura osoo dandeettiisaa qabanii aangoo mootummaaf dorgomuuf fedhii dhabanii turan amma yakkoota akka Joorji Filooyid irratti raawwatamee kana qolachuuf jecha dorgomuuf murteessaniiru.

Kanneen keessaa dubartoonni afur ,’’wayita Filooyid hafuura ishee dhumaan haadhakoo jechaa ture sana dorgomuuf murteessine’’ jedhu.

Dubartoonni kunneen seeneetii kutaa biyyaa Minisootaa bakka ajjeechaan kun itti raawwatteefi kongireesii Ameerikaaf dorgomaa jiru.

Namoonni kunneen eenyufaadha? Maal dubbatan?

Marquita Stephens, Mana Maree Minisootaaf

Akkan kolleejjiirraa eebbifamee ba’een siyaasa keessatti haalaan hirmaachaan ture.

Waggoota hedduuf akkan dorgomee aangoo qabadhuuf gaafatamaan ture.

Garuu kaniin dorgomuuf murteesse haala suukanneessaan ajjeefamuu Filooyid ergan viidiyoodhaan argeeti.

Yeroo inni du’uu ga’ee hafuura ishee dhumaatiin ‘yaa haadhakoo’ jedhaa ture sana osoon birmadheeraaf ta’ee jedheen gaabbe.

Haalli kun kan halkan tokkotti mudate osoo hin taane waggoota hedduuf kan raawwatamaa as ga’eedha.

Kan alanaa garuu obsa na fixachiiseera, battala kana dirqama aangoo mootummaa fudhee bulchiinsa jiru sirreessuu keessatti hirmaachuuf murteesseera.

Biyya kana keessatti sirni sanyiidhaan nama qoodanii nama jibbuu akkuma itti yaadamee ijaarame itti yaadamee diigamuu qaba.

Akkaataa walqixxummaa nama hundaa eegeen ijaaramuu qaba.

Yoon mana maree seene imaammati kiyya inni ijoon sirna poolisii biyya kanaa sirreessuudha.

Heerri mootummaa waa’ee sirna mootummaa irratti jiru akka fooyya’u gochuudha.

Mul’ata hunda keenyaaf hojjetun qaba.

Asirratti adda kiyya miti jedheen amana.

Kan sammuu kiyya keessaa hin badne, wayita intalli Joorji Filooyid, Gianna Filooyid harkashee bal’istee samiitti ol qabdee ‘’abbaan kiyya addunyaa jijjiire’’ jettu animmoo,’’eeyyen sirriidha, sababnisaa anallee jijjiireera waan ta’eef’ jedhu namni siyaasaa kun.

Zina Fizer, Mana Maree Minisootaaf

Wayita Joorji Filooyid haadhasaa waammaterraa eegaleen dorgomuuf murteesse.

Ilma kiyya kan umriinsaa waggaa 24 ta’u bakka Joorji Filooyid buuseen ilaale.

Jilba poolisii adii sanaa jalatti ilmi kiyya natti mul’ate, onneen kiyya cabe.

Battaluma sanan teenyee namni biraa akka jijjiirama nuuf fidu eeguu akka hin qabne murteesse.

Minisootaan dubartoota gurraachota ta’an seeneetii ishee keessaa hin qabdu.

Amma dubartoota afur taanee aanaa jirru irraa dorgomaa jirra.

Afran keenya osoo filatamnee carraa guddaadha.

Madaa keenyarraa fayyuuf hawaasi minisootaa filannoo kana milkeessuu qaba jedheen yaada.

Haalli Minisootaa keessatti eegalame kun isteetota biro keessattillee itti fufuu qaba.

Yeroo dheeraaf duubaan deggerree aangoorra nama baasaa turre.

Garuu sun amma goolabamuu qaba, waan gochuu qabnuu fi akkamiin akka raawwannu bareechinee beekna.

Amma yeroon kan keenya.

Ameerikaan haala baratame keessaa ba’uu qabdi.

Laverne McCartney Knighton, Mana Maree Minisootaaf

Waamichi Filooyid dhumarratti haadhasaaf taasise, iyyannoonsaa akka dhagahamuufan dorgomuuf murteesse.

Duraan akkan dorgomuuf gaafatamaan ture, garuu waan natti hin fakkaanneef fedhii hin qabun ture.

Amma garuu waamicha Filooyid haadhasaaf taasiseef deebii kennuuf dirqama waanan qabuuf dorgomuuf murteesseera.

An akka dubartii gurraattii Ameerikaa tokkootti sagaleen kiyya akka dhagahamun fedha.

Jijjiiramni kan dhufu yoo keessatti hirmaattee qabsoofteedha.

Amma onnee godhanneerra, lammiileen Ameerikaa kumaa kitilaan ba’anii miidhama lammiilee gurraacharra ga’u morman jabina nuuf ta’aniiru.

Yeroon ammaa kan keenya, kan gurraachotaati.

Tarkaanfiin Minisootaatti eegalame kun kutaalee Ameerikaa biroos ga’uu qaba.

Minisootaan kana milkeessuuf cimtee hojjechuu qabdi, amma iji hunduu nurra jira.

Alberder Gillespie, Kongireesii US

Yeroo kamuu caalaa dubartoonni Ameerikaa gurraachota ta’an bara kana dorgomaa jiru.

Dubartoonni gurraachi Afrikaan-Ameerikaan ta’an oluma ka’uu qabu, yeroon ammaa keenya jechuu qabu.

Dubartoonni hedduun osoo dandeettii siyaasaa qabanii dorgommii didanii taa’u, ana dabalatee jechuudha.

Wayita Filooyid du’a jala ga’ee hafuura dhumaan haadhasaatti iyyatu garuu akka dorgomuu qabnu murteessine.

Haati iyya nama kanaa dhagahuufii hin barbaanne waan jirtu natti hin fakkaatu.

Yeroon itti iyyasaa dhageenyu amma, yeroo biraa eeguu hin qabnu.

Ana kanatu akkan siyaasa keessatti dorgomu na dirqamsiise.

Lammiileen Ameerikaa fi adunyaa guddaa-xiqqaa, dhiira-dhala, sabaa fi amantiin osoo wal hin qoodin hunduu ba’ee wayita yakka Filooyid irratti raawwatame mormu ammoo hamileen kiyya daranuu cimeera.

Ameerikaan wayita dubartoonni gurraachi biyyashee keessatti fuulduratti ba’an ni gammaddii fi ni jibbitiishee hinbeeku, garuu nuti qophiidha.

Ameerikaanis kanaaf qophaa’uu qabdi. Yeroon keenya amma, kana beekna.