Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saayintistotni dubartoota gurraachaa kitaaba barataarraa badaa jiru jedha qorannoon
Saayintistoota dubartoota gurraachaarratti qorannoon gaggeeffame akka mul’isutti kitaabi barataa maqaa saayintistoota adiitiin dhuunfatameera.
Ameerikaa keessatti Kitaaba barnootaa baayooloojii keessatti dhiironni torba maqaansaanii waamamee dubartii tokko qofa eeru.
Keessattuu dubartoonni gurrachota ta’an ammoo dameewwan barnootaa xiinxalaman keessatti tokkoyyuu maqaansaanii hin eeramne.
Haala amma jiruun kitaabi baayooloojii akkaataa fedhii dubbistoota gosa garaagaraa eegeen qindaa’uuf jaarrota hedduu itti fudhata jedhu qorattoonni.
‘’Homaa qabiyyee adda addummaa keessummeessu hin agarre. Fakkeenyaaf kitaaba barataa kam keessayyuu maqaan saayintistoota dubartoota gurraacha ta’anii tokkollee hin jiru’’ jedhan Yuunivarsitii Auburn kan Alaabaamaa keessatti argamu keessa kan hojjetan Dr Cissy Ballen.
Qorannoon kun maqaawwan saayintistootaa kitaabota baayoloojii barattoonni US damee Saayinsii fi Madiisinii hordofan torba irratti eeraman 1,000 caalan xiinxalaan qaaccesseera.
Namoota seenaa saayinsii keessatti akka mallattootti ilaalaman kanneen akka Charles Darwin fi Gregor Mendel irraa hanga warra addunyaa ammaa keessatti beekamanii kanneen akka Jane Goodall’tti qorannoo gaggeeffameedha.
Saayintistoota qorannoo kanaan xiixnalaman keessaa %13 dubartoota yoo ta’an kanneen keessaammoo %6.7 dubartoota gurraachota, Eeshiyaa fi saboota xixiqqoodha.
Qorannoon duraan dhimma walfakkaataa irratti gaggeeffames saayintistoonni seen-duubee garaagaraa qaban, kanneen hawaasa addunyaa garaagaraa waliin walitti dhiyeenya qaban akka jiraachuun bu’aa gaarii akka buusu ibsee ture jedhan Dr Ballen.
‘’Namoota akkasii kitaaba barnootaa bu’uraa akkasiii keessaa dhabuun miidhaa qaba’’ jedhan.
Qorattoonni kunneen, qaamoleen kitaaba maxxansan kitaabi seenaa qaama tokkoo qofa osoo hin taane qaama hundaa akka bakka bu’uu fi madaalawaa akka ta’uuf to’annoo cimsuu qabu jedhan.
Birkiiwwan barnootaa jiran keessaa baayooloojiin kornayaa hunda bifa madaalawaa ta’een keessummeessuun beekama.
Ameerikaa keessatti kanneen baayooloojiin eebbifaman keessaa dubartoonni %60
Garuu maqaansaanii argannoowwan saayinsii fi kitaabota barnootaa keessatti eeramuu dhabuun mufii kaasaa jira.