Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Osoo qondaaltonni dhorkanii siidaan Leeniin magaalaa Jarmanitti dhaabame
Paartiin Maarksisiit Leeninist Jarman (MLPD) jedhamu siidaa hogganaa koministii Raashiyaa Vilaadimiir Leeniin magaalaa 'Gelsenkirchen' keessa waajjira olaanaa isaa fuuldura dhaabe.
Qondaaltonni magaalichaa garuu siidaan kuni akka hin dhaabamne yaalaa turan.
Inumaa 'Leeniniif bakka hin qabnu' jechuun intarneeta gubbaa duula gaggeessuu eegalanii turanis hin milkoofne.
Manni murtiis ol iyyannoo isaanii duraa kuffisuun gaafa Sambataa siidaan paartii xiqqoo Jarman kanaan dhaabame eebbifameera.
Leeniin eenyudha?
Leenin hogganaa warraaqsa Raashiyaa kan bara 1917 yoo ta'u hanga du'a isaa bara 1924'tti biyyattii hogganeera.
Namni isa bakka bu'uun Raashiyaa bulche Joseef Istaaliinidha.
Haa ta'u malee, kanneen isa deeggaranifi bara bulchiinsa isaa sarbama mirga namoomaa raawwateef isa morman lamaan biratti mallattoo sirna kominizimii ta'ee addunyaa irratti beekama.
Biyyi Jarman mataan ishii Jarman Lixaafi Koministii Bahaa jedhamuun hanga dallaan Barliin bara 1989 jigutti adda qoodamtee turte.
'Yeroon amma jiraachaa jirru kuni yeroo biyyoonni hedduu miira isaanii yaadannoo irratti ibsaa jiranidha,' jedhaniiru kantiibaan magaalaa 'Gelsenkirchen' Firaank Baranowskii.
Kantiibaan magaalichaa siidaan kuni akka hin ijaaramne walitti aansuun viidiyoon ergaa dabarsaa turan.
Nama abbaa irree jaarraa 21ffaa yaadannoon yeroo dhaabatu arguun rakkisaadha jedhaniiru kantiibaan kuni.
''Haa ta'u malee, manni murtii isaaniif murteesse. Murtee kana ni fudhanna garuu yaada laachu ni dandeenya,'' jedhaniiru.
Walitti qabduu paartii Maarkisiist Leeninist Jarman kan ta'an Gaabi Fechinar garuu hogganaa koministii kana leellisu.
Inni nama yeroo isaa dursee hubateedha jechuun bilisummaafi dimookiraasiif kan qabsaa'e akka ta'e himuu isaanii AFP'tu gabaase.
Faallaatiin garuu, ajjeechaa lammiin Ameerikaa guraachi, Joorj Filooyid, poolisiin adii irratti raawwate booda kanneen mormiif daandiitti bahan siidaa koloneeffattoota waggaa dheeraaf ture jijjigsaa turan.