Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy Ahimad siidaa B/Janaraal Taaddasaa Birruu eebbisiisan
Ministirri Muummee Abiy Ahimadiifi Pirezidantiin I/aanaa Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Giddu gala aadaa Oromoo Salaalee fi Siidaa yaadannoo B/Jeneraal Taaddasaa Birruu magaala Fiicheetti ijaarame har'a eebbisiisan.
Galmi kun baasii birri miiliyoona 91.5 kan ijaarame yoo ta'u bara 2005'tti ture ijaarsisaa kan eegalame.
Keessoo isaatti galmoota walgahii maqaa gootota godinichaa B/ Jeneraal Taaddasaa Birruu, Agarii Tulluu, Magarsaa Badhaasaa(Abune Pheexiroos), Abbabaa Biqilaa, Hayilemaariyaam Gammadaa fi Abbichuutin kan moggaafaman qaba.
Galmi guddichi giddugalichaa kan B/Jeneraal Taaddasaan moggaafames namoota 2000 qabachuu kan dandahuudha.
Giddu galli kun sagantaawwan aartii hawaasummaa fi siyaasaa gurguddaa ni keessummeessa jedhamee eegama.
Mooraa giddu gala aadaa kana keessatti Birrii miiliyoona 3.8'n kan ijaarame siidaan B/Jeneraal Taaddasaa Birruus har'a MM Dr. Abiy Ahimadin eebbifameera.