Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hindiin dubbii barbaacha daangaarratti rakkoo uumte jechuun Chaayinaan himatte
Chaayinaan Hindiitin ''beekaa dubbii barbaadde'' jechuun lola biyyoota lameen gidduutti uumameef himatte.
Dubbii himaan Haajaa Alaa Chaayinaa Lijiyaan Zhiyaawo, ''loltoota Hindiitu daangaa biyyoota lameenii darbuun haleellaa jalqabee,'' jedhaniiru.
Haatahu malee dubbii himaan kun gama Chaayinaan namooti meeqni akka miidhaman hin himne.
Gaafa Jimaataa Ministirri Mummee Hindii Naarendiraa Moodii loltuun biyya alaa tokkoyyuu daangaa Hindii hin darbine jedhanii turan.
Moodiin barbaachisaa yoo tahe garuu biyyattiin daangaa ishee raayyaa ittisaan ni eegdi jedhan.
Dhukaasni idilee tahe otoo hin uumamiin naannoo sulula Gaalwaanitti loltoonni Hindii 20 ajjeefamaniiru. Hindiin garuu gama Chaayinaatiinis namoonni du'aniiru jettee turte.
Chaayinaa waa'ee dhimma kanaa maal jetti?
Barreeffama Tiwiitara irratti kaa'aniin Zhiyaawon sululli Gaalwaan Chaayinaatti aana, daangaan sun garuu sirriitti kan daangeffamee miti jedhan.
Lolli kun kan uumame erga Hindiin bu'uuraalee misoomaa lafa to'annoon daangaa jiran diigdeen booda dha.
Kunis waliigaltee biyyoota lamaaniin kan uumame yoo tahu muddamnillee hir'ateetu ture jetti.
Haa tahu malee, gaafa Waxabajjii 15 loltoonni Hindii sarara daangaa to'annoo darbuun haala naannoo sulula Gaalwaan tasgabbaa'aa jirutti 'dubbii jalqaban' jedhu.
Loltoonni Hindii dura bu'an qondaaltota Chaayinaa fi loltoota mariif achi deeman haleelaniitu haala achi ture hammeessan jedhu dubbii himaan Chaayinaa kun.
Hindiin sarara daangaa to'annoo kanatti karaafi riqicha ijaaraa turte jedhan Zhiyaawon.
Minsitirri Mummee Moodiin maal jedhan?
Ibsa televizyiniin kennaniin Moodiin Jimaata darbe daangaa Hindiitti humni darbe hin jiru jedhanii turan.
''Eenyuyyuu daangaa keenya hin dabarre, qubsuma keenyas kan tuqe hin jiru,'' jedhaniitu turan.
''Loltoonni Hindii barbaachisaa yoo tahe tarkaanfii akka fudhatan isaaniif eeyyamamee ture.''
''Biyyi keenyi tarkaanfii Chayinaan fudhatteen miidhaan irra gaheera, nagaafi michooma barbaanna garuu walabummaa kabachiisuun hunda ni dursa,'' jedhan.
Kana dura mootummaan isaanii dhukaasa uumameef Chaayina komachaa turan.
Sulula Gaalwaanitti maaltu uumame?
Gabaasoti miidiyaa immoo loltoonni lafa ol ka'iinsa meetira 4,300 qaburraa wal-lolaa turanii, loltoonni gariin laga Gaalwaan didichuu keessa kufaa turan jedhan.
Yoo xiqqaate loltoonni Hindii 76 kan miidhaman yoo tahu 20 immoo lubbuun darbeera. Gama Chaayinaan namoota miidhaman odeeffannoon hin baane.
Lolli biyyoota lameen gidduutti ta'e kuni rasaasni otoo hin dhukaafamiin raawwate. Kunsi sababa waliigaltee biyyoota lamaanii bara 1996 dhukaasa naannichatti taasifamu dhorkuuni.
Suuraan naannichaatii bahe akka agarsiisutti yoo tahe meeshaa sasalphaadha lolaaf fayyadaman.
Maaliif rasaasa hin fayyadamne?
Lagni Gaalwaan naannoo Laadaah haala qilleensaa hammaataa qabu, kan Hindiin kan kooti jettu Chaayinaan immoo to'attee jirtutti argama.
Daangaa kanarratti biyyooti meeshaa waraanaa niwukileera qaban kunneen kan wal lolan yeroo jalqabaaf miti. Sarara daangaa to'annoodhaan adda hin baafamneefi km3,440 dheeratu irratti morkii yeroo dheeraa qabu.
Kana dura dhimma kanarratti lolli kan uumame bara 1975'tti ture. Yeroos loltoonni Hindii haleellaa tasaa taasifameen kan du'an yoo tahu ergasii walitti dhukaasanii hin kaane ture.
Bara 1996tti biyyooti lameen kun gama lamaaniin wal waraaansi idilee akka hin taasifamne, sarara daangaa to'annoo irraa km2tti dhukaasni akka hin banamne waliigalanii turan.
Yeroo dhihoon as garuu naannoo daangaa kanatti muddamni mul'ateera.
Hindiin Chaayinaan loltoota kumaatamaan lakkaa'aman natti ergite jechuun yoo komattu, daangaa qofan qabadhe jetti Chaayinaan immoo.
Mariin waliigaltee dhabuu biyyoota lamaanii kana furuuf taasifame yeroo garaagaraa otoo hin milkaa'in hafeera.