Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qondaaltota Naannoo Amaaraa Aanaa Raayyaa Qoobboo ajjeesuUn kanneen shakkaman harka kennan
Torban tokko dura Naannoo Amaaraa Godina Kaaba Walloo qondaaltota Aanaa Raayyaa Qobboo irratti ajjechaa raawwachuun kanneen shakkaman lama harka isaanii kennuu poolisiin hime.
Bulchaan Aanichaa Obbo Siyyuum Masfiniifi Itti- gaafatamaan Bulchinsaafi Nageenya aanichaa Obbo Mangashaa Mollaa ajjeechaa A.L.I Caamsaa 23, 2012 raawwateen lubbuu dhabanii turan.
Komishinii poolisii Naannoo Amaaraa waabeffachuun miidiyaan naannichaa akka gabaasetti kaleessa Waxabajjii 01, 2012 to'atamanii qorannoon irratti taasifamaa jira.
Qondaalli kominikeeshinii aanichaa Obbo Ayyana Amaara BBC'f akka ibsanitti ajjeechaa raawwateen shakkamuun kanneen barbaadamaa turan lamaan obbolaadha.
Kunneen, erga ajjeechaan raawwate booda badanii turanis gaafa Dilbataafi Wiixataa [kaleessaafi dheengadda] Mana Amala Sirreessaa Waldiyaa deemuun harka kennuu isaanii himaniiru.
''Caasaan nageenyaa jalqabaa eegalee hordoffii cimaa waan taasiseef karaatti bahaniifi carraa biraa waan dhabanifi harka kan kennan,'' jedhaniiru.
Ammallee kanneen ajjeechaan shakkaman kunneen seera jala akka hin oolle akkasumas kan waliin badii raawwatan yoo jiraatan qorannoon itti fufuu himan.
Komishiniin poolisii naannichaa akka beeksisetti humni nageenyaa naannicha jiru ummata waliin cimee hojjetuun shakkamtoonni to'atamu ibseera.
Ajjeechaan akkamiin raawwate?
Qondaaltonni lamaan torban Dilbata darbee magaalaa Waldiyaa hojiirra oolanii gara magaalaa Qoobboo deebi'aa turan.
Yeroos karaarratti bajaajii [konkolaataa miila 3] dambii Labsii Yeroo Muddamaa koronaavaayirasii ittisuuf bahe cabsuun nama jaha qabatee yeroo imalu arguun dhaabsisuuf yero jedhanitti itti dhukaafamee ajjeefamuu isaanii qondaaltonni himanii turan.
Konkolaachisaan qondaaltota qabatee tureefi qondaalli biraa konkolaataa biraa keessa ture waan hin miidhamneef qaamolee nageenyaa magaalaa Roobit irraa yeroo fidanii dhufan shakkamtoonni bajaajii bosona keessa dhoksuun baduu isaanii beeksisaniiru.
Yeroo ammaa bulchaan itti aanaa aanichaafi ogeessi bulchiinsaafi nageenyaa aanichaa qondaaltota ajjeefaman bakka bu'anii hojjechaa jiru.
Ajjeechaa irratti raawwaten kan ajjeefaman qondaaltonni lamaan kan bultii ijaarratan yoo ta'u lamaanuu mucaa tokko tokko qabu turani.