Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Eegduun Paarkii Gaarreen Baalee badhaafaman eenyuu miidhaa irraangahee?
Reenjariin waggoota dheeraaf Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee eegaa turan dhihoo hojiirratti miidhamuu isaanii BBC'tti himaniiru. Obbo Hajjii Eebu eenyuniifi maalif miidhaman?
"Mataa na buruqsaniiru. Harka bitaa fi luka bitaas na dhahaniiru. Luka takkittii yeroo sadi natti deebisanii na jigsan. Qawwees na harkaa fudhatan" jedhu Obbo Hajji Eebu
Namni kun waggoota 41 darbaniif Paarkii Biyyaaleessaa Gaarreewwan Baalee keessatti hojii eegdoo fi to'anna hojjechaa turaniiru.
Obbo Hajji Eebu ciminaaf kutannoo hojii isaanii irratti agarsiisaa turanif bara 2019 badhaasa 'African Ranger Award' fudhataniiru.
Haa ta'u male Wiixata Caamsaa 24 bara 2012 halkan hojiif bahanii wanti isaan mudate miidhaa qaamaa cimaa irraan gaheera.
"Mataan koo hodhamera. Lukni koos lafee qofa rabbi na baraare malee foonsaa bilchaatee waan ibiddaan danfisan fakkaata" jedhu Obbo Hajji Eebu.
"Dugdarras na dhayanii lafeen dugdaakoo gadi taa'uu fi ol ka'uu na rakkisa" jechuunis himu.
Halkan Wiixataa Maaltu Ta'e?
"Wiixata halkan keessaa sa'aa shan irrattii hojii eegdoo fi to'annoo paarkichaaf baane. Sana boodas namoota paarkicha barbadeessuuf halkan horii itti oofanii tikfatan agarre qabne" jedhu Obbo Hajjii Eebu jalqabbii taatee Wiixataa yeroo ibsan.
Obbo Hajjii waahillan isaanii walin ta'uun horii tilmaamaan 300 ta'an fi seeraan ala gara paarichaa seensifamanii dheedan qabuu isaanii himu.
Namootni bifa kanaan paarkichatti loon gadhiisun dheechisan qonnaan bulaa naannoo paarichaa jiraatan osoo hin taanee namoota hojii horii bitanii gabbisanii gurguruu irratti bobba'an ta'uu bakka bu'aan hogganaa Paarkii Biyyaaleessaa Gaarreewwan Baalee Obbo Shaamil Kadir BBCti himaniiru.
"Sana booda namootni kun lola nurratti kaasan. Iyyanii namoota isaan gargaaran waamanii horii humnaan nu harkaa fudhatan.
Sana boodas akkamitti nagahaan galan jedhanii ulee fi dhagaadhaan nu reeban. Rasaasa gara samiitti ol qabnee dhukaasnus nurraa deebi'uu didan" jedhu Obbo Hajji Eebu.
Hojjetootni eegdoo fi to'annoo paarkichaa balaa walitti bu'iinsa garee lamaanin uummamuu danda'u hambisuuf baqachuuf jedhanis Obbo Hajjii fi eegdootni muraasni biroon haleellaa jalaa miliquu hin dandeenye.
Obbo Hajjin wanta uummame yeroo ibsan "balaa biraa keessa seenuf waan hin barbaadnef jalaa yeroo dachaanu nu biraa hafuu didan.
''Anas konkolaataa seenuu na hanqisanii addatti na qabanii na reeban. Namni 40 yookin 50 ta'u triikaa narratti ibsaa na marsanii ulee fi dhagaa narratti darbatan.
''Mataa na buruqsaniiru. Harka bitaa fi luka bitaas na dhahaniiru. Luka takkittii yeroo sadi natti deebisanii na jigsan. Qawwees na harkaa fudhatan" jedhu.
Bifa kanaan erga reebamanii booda namootni isaan beekan lafaa isaan kaasanii mana yaalaa akka isaan geessan Obbo Hajjii Eebu BBCti himan.
Namoota Obbo Hajjii miidhan keessaa namni tokko to'annaa seeraa jala ooluu fi namootni saddet immoo barbaaddamaa akka jiran bakka bu'aan hogganaa Paarkii Biyyaalessaa Gaarreewwan Baalee Obbo Shaamil Kadir BBCti himaniiru.
"Qawween Obbo Hajjii jala fudhatamees deebi'eera" jedhan.
"Kuni anaaf haaraa miti…"
Obbo Hajjii Eebu hojii eegdoo fi to'annoo Paarkii Biyyaalessaa Gaarreewwan Baalee hojjechuu erga eegalanii as yeroo garaagaraatti reebichi fi miidhaan irratti raawwatamaa akka ture himu.
"Waggaa 30 dura paarkii keessatti dhahameen ture. Lafa kiloomeetira 10 gahu osoo dhiigni kiyya jiguu mana yaalaa na geessan" kan jedhan Obbo Hajjii dhiigni baay'ee dhangala'uu isaarraa kan ka'e of wallaalanii akka turanis dubbatu.
Isa boodas bifuma wal fakkaatun reebichi irratti raawwatamuusaa himu.
Yeroo sanatti namoota miidhaa irraan gahan gama seeratti dhiyeessuurattillee hanqinni akka jiru kan himan Obbo Hajjii "amma garuu qaamni seeraa yakkamtoota kallattiidhaan hordofee seeratti dhiyeessaa jira" jedhu.
Reebichi namootaan eegdota paarkicha irratti irra deddeebin raawwatamus kan isaan gaddisiisu ta'uu dubbatan.
Rakkoo Addaan hin citne…
Paarkii Biyyaalessaa Gaarreewwan Baalee keessatti loowwan gadhiisuun marga dheechisuun rakkoo yeroo dheeraa ammallee hin dhaabbanne ta'uu Obbo Hajjii Eebu dubbatu.
Rakkoon kun beelladoota bosonaa fi qabeenya uummamaa paarkicha keessatti argamanif yaaddoo ta'uu isaas himu.
Bakka bu'aan hogganaa paarkichaa Obbo Shaamil Kadir qonni fi ijaarsi seeraan alaa rakkoolee ijoo ta'uu fi bara 2012 keessas manneen karaa seeraan alaatin paarkicha keessatti ijaarraman 400 ol akka diigaman taasisuu isaanii BBCti himan.
"Loowwan 700,000 ol paarkicha keessa akka dheedan ragaa qabna" kan jedhan Obbo Shaamil dallaa fi lafa qonnaa hektaara 450 ol ta'u irratti adeemsifamaa ture dhaabsisuu fi diigun tarkaanfiin fudhatamuusaa himan.
Miidhaa egdoota fi to'attoota paarkichaa irra gahu ilaalchisees "hojiin namootni kun hojjetan hojii eegumsaa fi olaantummaa seeraa mirkaneessuu ta'us eegdotni paarkichaa meeshaa waraanaa gahaa fi ammayyaa'aa hojii isaanii ittin hojjetan hin qaban" jedhan.
Obbo Hajji Eebu yeroo ammaatti umriinsaanii waggaa 59 ta'ee sooramatti dhiyaachaa jiranis fedhii fi jaalalli hojii isaaniitif qaban ammallee akkuma durii ta'uu BBC'tti himaniiru.