Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liibiyaa: Wal-ta’insi Mootummaa Biyyaalessaa Jeneraal Haftaar harkaa Tiriipoolii guutummaatti to’ate
Humnoonni Jeneraal Kaliifaa Haftaar Eebla 2019 irraa kaasee magaalattii qabachuuf marsanii turani.
Haatau malee, gargaarsi cimaan waraana Tarkii irraa mootummaa Liibiyaaf taasifame, humni Haftaar akka baqatu taasiseera.
Mariin diippiloomaasii haaraa dhukaasa dhaabuu akka geggeeffamuuf yaaliin taasifamaa jira.
Buufata xiyyaaraa tajaajilaan ala ta’ee yeroo dheeraa ture qabachuun mootummaa Liibiyaaf injifannoo guddaa dha jechuun gulaalaan BBC dhimmoota Arabaa Sebaastiyaan Ashar gabaaseera.
Muhaammaar Gaadaafii bara 2011’tti humnoota ‘NATO’n’ deeggaramaniin angoorraa buufamuun erga ajjeefamanii as, Liibiyaan jeeqamaa jirti.
2014 irraa kaasee Generaal Haftaar Magaalaa Guddittii Baha Liibiyaafi magaalaa guddoo 2ffaa kan taate Beengaazii irraa kaasee to’atanii turani.
Humna isaanii gara Lixaatti duulchisuun Tiriippoolii to’atanii mootummaa angoorra jiru buusuun biyyattii tokkoomsuuf yaalanii turani.
Jeneraalicha kan deeggaran ammoo, Raashiyaa, UAE fi Masrii dha.
Gabaasni UN keessaa Caamsaa darbe miliqee ba’e tokko, gareen ajjeestotaa loltoota hedduu qabte Waaginar Giruuppi jedhamu kan Yevgeenii Piroogziin durfamuufi Puutiin waliin hidhata qaba jedhamee shakkamu, Liibiyaa keessa sossoo’aa jiraachuu himee ture.
Caamsa 18 irra, beekamtii UN kan qaban humnoonni mootummaa Liibiyaa, naannoo buufata humna qilleensarraa Tiriippooliitti dhihoo jiru al-Waayitaa jedhamutti osoo waraana Generaal Haftaar waliin lolanii suuraan mul’isu ba’ee ture.
Akka wal-ta’iinsa mootummaa kanaatti, loltoonni Waagnar Giruuppi 1,000 ta’an erga loltoota mootummaan Kibbi Tiriippooliitti haleelamanii booda xiyyaara xiyyaara Raashiyaatiin akka baqatan himama.
Adeemsa miliqsuu sanarratti garuu gama waraana Generaal Haftaariinis ta’e Raashiyaadhaan wanti jedhame hin jiru.