Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aministii Intarnaashinaal: 'Gabaasa sirriitti qulqulleessuun mirkaneeffannee baasnedha'
Dhaabbanni Aministii Intarnaashinaal guyyoota muraasaan dura humnootiin mootummaa naannoolee Amaaraafi Oromiyaa keessatti sarbama mirgoota namoomaa geessisaa jiru jechuun gabaasa ballaa baasee ture.
Gabaasni kun erga baheen booda gama mootummaa, dhaabbilee siyaasaafi namoota adda addaa biratti ijoo dubbiita'eera.
Keessattuu, mootummaan federaalaafi kan naannoolee lamaanuu haala adda addaatiin gabaasichi kan ragaa gartokkee qofaarratti hundaa'eedha jechuun qeeqaniiru.
BBCnis komiiwwan ka'an kanneen irratti Dhaabbatichatti qorataa dhimma Mirgoota Namoomaa Gaanfa Afriikaa kan ta'an Obboo Fissehaa Takilee dubbiseera.
Komii gama naannoo Oromoiyaa
Biiroon Komunikeeshinii naannoo Oromiyaa gabaasni Aministiin baasee fudhatama hinqabuu jedheera ibsa kennee tureen.
Keessattuu sababiiwwan naannichi gabaasichi itti hinfudhannee keessaa tokko, godinaalee arfan Wallagaafi kan Guji lamaan keessatti humnootii hidhatanii socho'anin ajjeechaan osoo raawwatamaa jiru gabaasichi garuu kana osoo hinhammatiin hafeera kan jedhuudha.
Obbo Fissehaan komii kanaaf deebii wayita kennan, yakki namoonni dhuunfaas ta'e humnootiin hidhatan jedhaman kunneen raawwatamanis kan ilaalamu ta'a jechuun, garuu sarbamni mirgoota namootaa kan raawwatamu humnootii mootummaatiin akka ta'e himaniiru.
Waa'ee sarbama mirgoota namoomaa wayita dubbannu waa'ee mootummaa dubbachaa jirra kan jedhan Obbo Fissehaan, mirgoota namoomaa kabachiisuuf itti gaafatamummaan kan jiru mootummaarra waan ta'eef jedhaniiru.
Kana jechuun, yakka humnoonni mootummaa raawwatan qofa osoo hin taane kanneen dhuunfaanis ta'e garee barbaadeen raawwatamus kan itti gaafatamu mootummaadha.
Mootummaan itti gaafatama kana sirriitti bahuun dirqama isaati. Sababa walitti bu'insa qaama hidhateefi humna mootummaa gidduutti uumamuutiin nageenyi hawaasaa goolamuufi mirgoonni namoomaa sarbamuun itti gaafatamnni isaa mootummaadha.
''Yakka namoonni dhunfaas ta'e humnootiin hidhatan raawwatan ittisuu kan qabu mootummaadha. Gaaffii amma jiruuf mootummaan kana raawwateerammoo hinraawwannee kan jedhuudha. Kunis kan nu geessuu mootummaan hin raawwanne kan jedhuutti yoo ta'e mataan isaayyu deebiisee isaanuma itti gaafatamtoota kan taasisuudha.''
''Qaamooleen hidhatan wayita miidhaa qaqabsiisaniitti seeratti dhiyyeessuun gahee mootummaati. Akkasumas ajjeechaan namoota 86 hin caqafamne kan jedhudha. Kun mataan isaayyu kufaatii mootummaa kan agarsiisuudha,'' jedhaniiru.
Haaluma walfakkaatunis Aministiin bara 2014'tti DR Kongootti mootummaan biyyattiifi humnootiin nagaa kabachiftoota Dhaabbata Motummoota Gamtoomanii lammiilee sivilii haleellaa hidhattootaa irraa eegsiisuu qabaatu jechuun ibsa baafnee turre. Yugaandaattis kana dura gabaasa wal fakkaatu baafne jirra jechuun himu.
Haaluma walfakkaatunis, Itoophiyaa keessattis miidhaa humnootii hdhataniin raawwatamu yoo jiraate, lammiileerraa ittisuuf itti gaafatamummaan kan mootummaati. Nutis itti gaafatamummaa sana hin ba'anne jechaa jirra.
Komiin naannoo Amaaraa maal ture?
Naannoo Amaaratti Daarektarri Waajira Dhimmoota Komunikeeshinii naannichaa Gizaachoo Mulunee 'Gabaasichi guutummaan guutuutti fudhatama kan hinqabnedha. Beekamtiis hin kenniinuuf,'' jedhanii ture.
Sababii isaas wayita eeranitti, fedhii bulchiinsa of danda'ee hundeeffachuuf buulchiinsi saba Qimaanti qabuurraa kan ka'een walitti bu'insi umameera. Walitti bu'insichaanis saba Qimaantiifi Amaaraarras miidhaan gaheera jedhu.
Haata'u malee, Aministiin miidhaa ummattoota lamaanirra gahee ture ija walqixa ta'een hin ilaallee kan jedhan Obbo Gizaachoon, tarkaanfiin humnootiin mootummaa nagaa buusuuf fudhatan akka miidhaa taasifameetti fudhatameera jechuun balaalefataniiru.
''Walitti bu'iinsi mataasaatiin sarbama mirgaa miti'' kan jedhan Obbo Fissehaan, kan isaan ilaalan tibba sanatti tarkaanfiin mootummaan fudhate maal fakkaata kan jedhu ta'u himu.
''Ragaa arganneenis qaamootiin nageenyaa walitti bu'iinsa sana keessatti haala ifa ta'een qaama tokkoof looguun hirmaataniiru,'' jechuun hubachiisa.
Kana malees, kabachiftoonni nageenyaa mootummaa wanti gochuu qaban kan hin raawwanee jira jedhuu Obbo Fissehaan. ''Fakkeenyaaf, waraanni naannicha ture wayita waamameetti hin dhufne. Walitti bu'insicha dhaabuudhaaf fedhiin akka hin turre mullisa,'' jedhu.
Komiin gara biraa naannoonn Amaaraa dhiyeessee ammoo ragaan biroo nageenyaafi tika naannichaa irraa kennameefilleen haala barbaadamuun gabaasicha keessatti hinhammatamne kan jedhuudha.
Komii kanaaf deebii kan kennan Obbo Fissehaan, ''Qorannichi tibba gaggeefamuutti wantonni nutti himaman hedduutu jiru. Inni hundi ammoo hin hammatamu. Kan gabaasicha keessatti galchinees kan qorannichaaf ni fayyadu jennee amanne qofaadha,'' jedhaniiru.
Komiiwwan gabaasicharratti ka'an keessaa kan biraan ammoo walitti bu'insa naannoo Amaaratti umamee ture keessatti hirmaannaan TPLF hin ammatamne kan jedhuudha. Naannoon Amaaraas kana dura walitti bu'insa naannoo Gondariitti uumamee turee keessatti TPLF milishootaaf deeggarsa taasisa jechuun himataa ture.
Obbo Fissehaan garuu milishoonni Qimaanti qaama gara biraa irraa deeggarsa argachuu ilaalchisee ragaan argame hinjiru jedhaniiru. Deebiin namoota qorannicha keessatti hirmaatanii hubannoo waliigalaaf deebii guutuu kan kennu miti, jedhu.
Komiin gabaasa Aministiirratti ka'e kan biraan, yeroo namoota qorannicha keessatti hirmaatan waliin gaaffiifi deebii taasisanitti, warri qoratan hirmaattota qorannichaa sirriitti hin gaafanne kan jedhudha.
Fakkeenyaaf, namni qorannicha keessatti hirmaate tokko 'miseensa Shaneeti jedhameen miidhaan narra gahe yoo jedhe', gabaasicha keessatti namni qorannoo taasisu 'miseensa Shaneetii?' jedhee hin gaafanne. Kun ammoo warren gabaasicha dubbisan hubannoo waliigalaa akka hin arganne taasiseera kan jedhudha.
Obbo Fissehaan garuu haasawaan namoota qorannicha keessatti qooda fudhatanii guutummaa gaaffiifi deebii isaanii osoo hin taane kan keessaa waraabamedha [quotations] jedhan.
"Gaaffii gadi fageenyaa walitti fufinsaan gaafachuun qorannoo sanaaf galtee ta'a kan jedhamu qofa keessaa baafna," jechuun Aministiin sirna ittiin odeeffannoo guurratu, qindeeffatuufi xiinxalu baayyee cimaa ta'e akka qabu dubbatu.
Aministiin gabaasa baase keessatti namoonni 80 bakka gara garaatii galtee qorannichaa ta'uu ibseera. Gabaasicha irratti namoonni 80 ibsamanillee sirrummaa odeeffannoo namoonni 80 kunneen kennan mirkaneeffachuufillee namoota biroo dubbisneerra jedhan Obbo Fissehaan.
Dabalataanis, odeeffannoowwan galtee qorannoo sanaaf gargaaran kan namoota sirriitti isaan ilaallaturraa fudhatame ta'uu ibsuun baayyinaan kan keessatti hirmaatan ammoo namoota miidhaan irra gahedha jedhu.
Ogeessonni qorannoo kana gaggeessan, taatee tokko namoota sadiitii hanga afurii ta'anirraa akka dhaga'an ibsuun, kan tokko dubbate isa inni kaan dubbate waliin wal simachuufi simachuu dhiisuu isaa ilaaluun dhugaa jirtu adda baafatu jedhan.
"Gabaasa sirriitti qulqulleessuun mirkaneeffannee baasnedha. Haata'u malee, qulqulleefannoon mootummaan taasisu qaama walabaafi qajeelaa ta'een kan taasifame ta'ee yaadni dhiyaatu yoo jiraate fudhachuudhaaf qophiidha.
Kaayyoon keenya inni guddaanis mootummaan tarkaanfii sirreessuu akka fudhatudha."
Gabaasawwan erga ministirri mummee Abiy gara aangootti dhufanii dhiyaatan irratti mootummaan yaada foyyaa'aa qabaatu jedhanii abdataa turuu dubbatu Obbo Fissehaan.
Deebiiwwan mootummaarraa kennaman garuu kan bulchiinsa duraan turee kan fakkaatan ta'uu eeruun, "Ilaalchi isaan dhaabbileen mirgoota namoomaaf qaban jijjiiramuu qaba.
Wanta lafarratti mul'atu jijjiiruudhaaf kan gargaaru dhaabbaticha waliin miira qajeelummaan dubbachuudhaan," ta'uu himan.