'Gabaasni Aministii Internaashinaal dogoggora'- Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Sarbamni mirga namoomaa Itoophiyaa bara 2019 Aministii Internaashinaaliin guyyaa kaleessaa dhiyaate ''dogoggoraa'' jedhe Mootummaan Naannoo Oromiyaa.

Aministii Intarnaashinaal bara 2019 keessatti humnoonni mootummaafi qaamolee al-idilee isaan waliin hojjatan naannoolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti mirgoota namummaarratti miidhaa geessisaniiru jechuun Mootummaa Itoophiyaa yakkeera.

Hoogganaan Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetaachaw baalchaa ammoo ibsa miidiyaaleef Sanbata kennaniin gabaasni dhabbata Kanaan bahe ''dogoggora ta'uu isaa irra deddeebi'iin ibsinaa'' jedhan.

Dogoggora qofa osoo hin ta'iin ''gabaasichi fudhatama hin qabus'' jedhan.

''Uummatni ibsa dogoggoraa kanaan osoo hin burjaaja'iin ibsa mootummaan kennu hordofaa mootummaa waliin akka hiriiruu'' dhaaman.

Gabaasni kun akka dhiyaatu kan tumsan ''humnoota aangoo qircachuu barbaadaniifi mootumman ce'umsaa akka ijaaramu warra falmaa turan ta'uu raga qabnaa'' jechuuniis dubbatan.

Hanga ammaatti qaama mootummaa Federaalaa irraa kallattiin deebiin gabaasa Aministii Internaashinaaliif kenname hin jiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa isaa kanaan Oromiyaa naannolee tokko tokko keessatti sochii hiriira nagaa mootummaarratti bahuuf mul'achaa jirurrattis ejjennoo mootummaa naannichaa beeksiseera.

''Wayita werara COVID-19 to'achuuf labsiin yeroo muddamaa wayita labsamee jirutti hiriira nagaa bahii jechuun uummata dhumaatiif kakaasaa jirus'' jedhan.

Waamichi hiriira nagaa qaamota ''qaxxaamuraan aangoo qabchuu fedhan'' jedhaniin waamamaa jiru ''akka mootummaa naannoo Oromiyaatti fudhatam kan hin qabneedha'' jedhan.

''Mootummaa dirqisiisanii rakkoo fayyaa kanatti fayyadamanii aangoo qabachuuf warri yaalaniif karaa Kanaan aangoo qabachuun akka hin danda'amne akka hubatan ibsuu barbaannaa'' jedhan.

Caasaan nageenyaa naannoo Oromiyaas nageenya naannoo Oromiyaa mirkaneessuuf kan kaleessaa caalatti humna isaa ijaaree akka socho'us waamicha dhiyeessan obbo Geetaachoon.