Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koroonaavaayiras: Gaazexeessituu BBC awwaalcha durbii ishee ‘Facebook Live’n hordofte
Gaazexeessituu BBC, Mersii Juumaa: Qajeelfama mootummaan Keeniyaa awwaalcha yeroo weera koroonaavaayiras ilaalchisuun baase hunduu nibeeka.
Durbiikoo Kiriis awwaaluuf namoota 15 qofatu walitti qabame. Sagantaan hundis ganama sa’aatii 3’tti dhumuu qaba ture.
Ganama sa’aa tokkotti warreen mana jirru tamsaasa kallattii hiriyyaan isaa Feesbuuk irratti gadhiise ilaaluuf bilbilaafi koompiitara keenya fuuldura teteenye.
Kiriis nama uummataan jaalatamuufi sagantaawwan bashannanaa maatii kan bareechaa ture dha. Yeroo dhumaaf isa geggeessuuf namoonni dhibbaan lakkaa’aman tamsaasa kana daawwachaa turre.
Kolfi isaa bareedaan mooraa manaa osoo hin seenin fagoorraa nama ga’a ture.
Sagantaawwan cidhaa, awwaalchaa fi kaan irratti namoota kakaasuun dafee kan qaqqabu ture.
Guyyaa kanatti nutis isa geggeessuuf wal-geenye, garuu bakkichatti argamuu dhabuun miira wal-fakkaataa hin qabu.
‘Sirboota inni jaalatu banuu hin dandeenye’
Kiriis durbii kooti, ta’us mana tokkotti waan guddanneef, obboleessaa ol naaf ta’a.
Lixa Keeniyaa, Kisuummuutti torbanoota muraasaaf dhibee tiruutiin dhukkubsachaa turee, guyyaa ayyaana Faasikaa lubbuun dabarte.
Mootummaan dambii awwaalchaa nuuf kennee ture. Guyyaa sadii keessatti awwaalamuu akka qabu.
Hiriyoonniifi firoonnisaa hedduun Naayiroobii cufamtee jirtu keessa jiraatan garuu awwaalcha isaaf dhaqqabuu hin dandeenye.
Sagantichi gabaabaa, haasawa dheeressuun kan itti hin danda’amne ture. Faarfannaanis muraasa ture.
Kiriis muuziqaa baay’ee jaalata, mana kadhannaa ‘Saalveeshin Aarmii’ jedhamu keessatti dibbee taphata ture. Namni kamuu muuziqaawwan jaalatu geggeessa isaarratti taphachuu dhabuun hedduu nama dhukkubsa.
Hiriyoonniifi miiltoowwan hojiisaa tamsaasa kallattii kanarratti yaada yoo roobsan argaan ture.
‘Gadda diigitaalaan’, Kiriis nama gaarii akkamii akka ture ergaawwan ibsan kaa’amaniiru.
Tarii kuni barruu gaddi itti ibsatame akka ta’uuf maxxansee ol-kaa’uun qaba.
Wanti hunduu adda ture. Wal-hammachuufi imimmaan walii arguun hin turre. Yeroo saanduqni boollatti galu, biyyee hammaarree naquu hin dandeenye.
Namni jaalattu yoo du’u gadduu feena, nagaatti jechuunii barbaanna. Yeroo akkas hidhamnee jirru kanatti garuu akkamiin kana goona?
Baay’een aare. Naman akkasitti jaaladhu karaa miidiyaa hawaasummaan nan awwaala jedhee yaadee hin beeku. Nama hammachuu akkasitti barbaadee hin beeku. Ani taatee ta’uu koon alatti, filmiidhuma fakkaata ture.
Haala nama gaddisiisuun tamsaasni kallattii sun sababa neetworkiin waan adda citeef, haga dhumaatti nagaatti jechuufillee hin carroomne.
Barmaatileen sirna awwaalchaa yoo ibsaman
Namni yoo du’u kabaja guddaatu taasifamaaf. Geggeessaa dogoggora hin qabne gochuuf wantoonni taasifaman hedduun jiru.
Awwaalchi ariitiin hin geggeeffamu, keessumaa nama umuriin guddaaf. Duuti namaa gadduma walakkaatti nikabajama.
Ga’eessi tokko awwaalamuuf yoo xiqqaate torbee tokko fudhata. Boo’ichi guddaan, namoonni reebamuun guyyootaaf taasifama. Warra maatiin jalaa baddalame namoonni walitti qabamanii jajjabeessu.
Beeladoonni qalamanii nyaanni qophaa’ee osuma nyaatamuufi dhugamuu, awwaalchaaf guyyaan lama yoo hafu saanduqni reeffa qabate qe’eetti galee taa’a.
Kunis yeroo lubbuun dabartanittillee isin kabajna jechuu agarsiisa.
Lixa Keeniyaa kan jiraatan sabni Luwoo, sirnoota awwaalchaa beekamoo biyyattii keessatti argaman keessa tokko kan ta’e qabu.
Yoo xiqqaate sagantaawwan 10 namni yoo du’u hanga awwaalamutti kan taasifamu yoo ta’u, namoonni hedduun akka walitti qabaman taasisa. Yeroo weeraraa kanatti garuu, baraatilee kunneen geggeessuun waan hin yaadamne dha.
‘Gaddi nakeessaa hin baane’
Guyyoota lamaan du’aafi awwaalcha Kiriis gidduu turanitti, maatiin sagalee ol-kaasee boo’uun hin hayyamamneefi, kunis ollaan dhaga’ee birmachuu dhufa jedhamee sodaatameeti.
Guyyoota 40 booda sagantaa godhamu irrattis wal-ga’uu waan dandeenyu miti
Kanaafuu, gadda kiyya guutummaatti hin baafne, Kiriis akkasitti geggeeffamuu hin qabu ture.