Koronaavaayirasifi hojjettoota warshaa: Dukamitti hojjettoonni warshaa 'haala Covid-19f nu saaxilu keessa jirra' jedhan

Hojjettoota warshaa Magaala Duukam 'Eastern Industrial Zone' warshicha keessa bulaa jiran.
Ibsa waa'ee suuraa, Hojjettoota warshaa Magaala Duukam 'Eastern Industrial Zone' warshicha keessa bulaa jiran.

Magaala Duukam 'Eastern Industrial Zone' keessatti kan argamu warshaan uffataa 'Yong Wang' jedhamu erga hojjettootasaa warshichuma keessa jiraachisuu eegalee torbee lama darbeera.

Warshaan kuni ammaan dura yeroo weerarri dhibee COVID 19 Itoophiyaa keessatti mul'atetti hojjettoonni akka mana turan godhee turus dhiheenya garuu mala haaraan hojjettoota hojiitti deebise.

Hojjettaan warshichaa eenyummaasaa ibsuu hin barbaanne BBC'tti akka himetti haalli warshicha keessatti itti jiraachaa jiran dhibee kanaaf nusaaxila jechuun yaaddoo qabu hima.

"Bakka amma jiraannu kanatti akkuma nama mana adabaa jiranitti toora gallee rafna. Kutaan ani keessa jiru amma firaashii 12 ta'utu jira. Isarra nama 20 hangga 24 taane rafna. Kutaa nutti aanee jiru keessas akkasuma. Firaashii tokkorra nama lamaan rafna. Uffata qorraatis nama lamaan tokko uffadhaa jedhani "jedha.

Haala amma itti jiraachaa jiran Kanaan dhibeen COVID 19'f kan saaxilame waan ta'eef uffata qorraa qofaa qofaattis osoo nuuf kennaniis faayidaan inni qabu hin jiraatu, waluma keessa yaa'aa oollee bulla waan ta'eef jedha dargaggoon kun.

"Haalli amma nuti itti jirru baayyee niyaaddessa. Nuti asuma keessa oollee bullus namni haaraan dhaabbaticha seenu inuma jira. Namni haaraan kunimmoo dhibee inni fidee dhufu hin beeknu. dhibeen kuni nubira seennaan baayyee sodaacha jirra" jedha.

Hojjettoonni amma warshichi mooraasaa keessa jiraachisaa jiru baayinni isaanii hanga 150 akka ta'us hima.

Duraan konkolaataadhaan deddeebi'anii hojjechaa turuu kan eeru darggagggoon kun, karoorri haaraan mooraa warshaa keessa nujirachisuu kuni fayyaa keenyaaf yaadamee osoo hin taane, omishni warshichaa akka hin dhaabbanneef lubbuu keenya yaaddoo keessa galchani jedha.

"Haalli warshicha keessa ittiin jiraadhaa jedhame dhibee amma yaaddoo ta'e kanaaf kan nama saaxilu waan ta'eef achi keessa jiraachuurra jedheen hojicha dhiise" kan jedhu dargaggoon kan biraa tokkos warshichi lubbuu hojjettootaaf yaaduu qaba jedha.

Hojjettoonni dubartootaa fi dhiiraa mooricha keessa bakka adda addaa jiraatanis haalli qabiinsaa garuu lamaaniifuu saaxilamummaa guddaa kan qabu ta'uus hima.

Gama biraatiin erga warshaa kana keessa jiraachuu eegalanii sa'aatii dheeraadhaaf waan hojjetaniif nyaanni dhihaatuf kan madaalawaa hin taanee fi gama nyaataatiinis miidhaa nurra gahaa jira jedhu hojjettoonnni kunneen.

"Ganama daabboo gogaa kan shaayiillee hin qabne nuu kennanii sa'aatii tokkotti hojii eegalla. Hanga halkan sa'aatii 6'tti hojjenna. Nyaanni guyyaa fi galgala nuuf dhihaatus gadi bu'aadha" jedhan.

Hojjettoota warshaa Magaala Duukam 'Eastern Industrial Zone' warshicha keessa bulaa jiran.
Ibsa waa'ee suuraa, Hojjettoota warshaa Magaala Duukam 'Eastern Industrial Zone' warshicha keessa bulaa jiran.

Dhimma kanarratti kan dubbisne warshichatti itti gaafatamaan misooma namaa Obbo Sisaay, warshichi kan kana godhe hojjettoonni warshaa kana keessa yoo jiraatan irra saaxilamummaan isaanii hir'ata jenneeti jedhu.

" Guyyaatti yeroo sadii hojjetaan hunduu hoo'inni qaama isaa safarama. Ammammoo erga asitti galanii torbee lama waan darbeef yaaddoo guddaa hin qabu. Isaanuma qofa malee namni haaranais isaanitti hin dabalamu" jedhan.

Kutaan hojjettoonni keessa bulan fageenya eegnee firaashii fi uffata qorraas qofaa qofaatti kennineefii jirras jedhan.

Suurri hojjettoonni warshichaa BBC'f ergan garuu hojjettoonni walcinaa tarree galuun fageenya tokko malee heddummaatanii yoo rafan mul'isa.

Obbo Sisaay garuu waan kuni dhugaa miti jedhan.

Komii Hojjettoonni kunneen namni haaraan gara warshichaa guyyaa guyyaadhaan nidhufa kanaaf yaaddofna jedhaniifis, "Hojjettoota warshichaa jalqaba asitti galanin ala namni haaraan gara warshaa kanaa dhufu hin jiru. Nyaatnis asumatti qophaaha waan ta'eef warri nyaata qopheessanis asuma jiraatu" jedhan.

Hojjettoonni warshichaa 'baay'annee kutaa tokko rafna' yoo jedhan, warshaan ammoo 'faffagaatanii rafu' jedha. Hojjettoonni 'Firaashii fi uffata qorraa qooddannee rafna' yoo jedhan warshaan 'qofaa qofaatti kenneefiin jira' jedha.

Yaadota walfaallessoo kana lamaan gidduutti hojjettooni kunneen warshicha keessa jiraachuu itti fufaniiru.

"Duraan mirgi keenya akka kabajamuuf osoo gaafannuu amma yeroo lubbuudhaaf yaaddofnurra geenyeera' jedhan hojjettooni warshichaa.

Itoophiyaatti hanga gabaasni kun qindaa'eetti namootni 272 tahan koroonaavaayirasiin qabamaniiru.