Koronaavaayiras: 'Sochiin sababa weerara Covid-19f dhorkame namoota jimaa qama’aniif yaaddoo uume'

Xiyyaarri jimaa fe'atee gara Somaaliyaatti balali'u dhaabbachuun isaa namoota jimaa qama’aniif yaaddoo uumeera.

Kanaan dura guyyaa gara weeree irraa kaasee baalli magariisni Keeniyaarraa ka’ee Somaaliyaa, Moqaadishoo gahu dhiironni gara manneen jimaa yookiin manasaanii keessatti jimaa qama’uudhaaf deemu.

Jimaan Keeniyaatti 'miraa' jedhamuun beekkamu akka si’eessituu sammuutti fayyada.

Ji’a Bitootessa keessa mootummaan Somaaliyaa tatamsa’ina koronaavaayiras ittisuuf xiyyaarota jimaa dabalatee balaliiwwan idil-addunyaa dhoorkeera.

Yeroo uggurri labsame sanitti namoonni baay’inaan akka wal hin geenye waan taasifameef namoonni jimaa jaallatan akka hin qamaaneef dhoorkamaniiru jechuudha.

Jimaan harkaan waan tuttuqamuuf tatamsa’ina koronaavaayirasiifsababa ta'uu danda’a jedhu qondaaltonni.

Si’eessituun kun ammas karaa ittiin gara biyyattii seenuu barbaadaa jira.

Muraasnisaa imala daandiitiin Itoophiyaarraan gala. Muraasni ammoo dooniidhaan Keeniyaarraa gala. Kaawuntiin Meeruu, Keeniyaa keessatti iddoo qonnaan jimaa hedduminnaan jiruudha.

Daldaltoota

Hogganaan Waldaa Daldaltoota Nyambeenee Miraa kan ta’e Kimaatii Munuurii akka jedhetti miseensonni dhaabbatasaa jimaa $250,000 ta’u gara Moqaadishootti erganiru jedha.

Qonnaan bultoonni Gaanfaa Afriikaa walakkaa miiliyoonaa ta’an uggura kanaan miidhamuu danda’u.

Daldaltoonni jimaa Somaaliyatti argaman waan gurguratan hin qabn, muraasni hojii warqee baasuurratti bobba’aniiru.

“Weerara Covid-19 dura Keeniyaadha jimaa gaarii arganna,” jette dubartiin Moqaadhishotti daldala jimaarratti bobbaate tokko.

“Dhiheessiin isaa murtaa’aa waan ta’eef Kismaayoodhaa karaa seeran alaan arganna. Kiiloo tokko doolaara 20-25tti gurguraa ture amma garuu doolaara 120’tti gurgurra. Uggurri kun baay’ee gaarii nuuf ta’eera.”

“Dhiirri jimaan alatti akka quruxummii bishaaniin ala jirtuuti,” jedhe jimaa hedduminnaan kan qama’u Mahaammad Abdiin. “Wanti fedhe ta’ullee jimaa argachuun qaba. Gatiinsaa baay’ee qaalii waan ta’eef nu yaaddesseera.”

“Sababa gatiinsaa qaalii ta’eef jimaa qama’uu dhiiseera,” jedha Hasan Abdiiwaali.

“Hiriyyoonni kiyya muraasni wantootaa seeraan alaa akka alkoolii yookiin qorichaa fayyadamuu jalqabaniiru.

Muraasni ammoo maallaqa jimaan bitan argachuuf hanna jalqabaniiru. Namoota akka keenyaa jimaa jaallataniif yeroo kamuu caalaa rakkoo keessa jirra.”

Jimaan qabame gubate

Humnoota nageenyaa mindaasaaniitiin gatii qaalii kanaan jimaa bitachuuf rakkatan biratti jimaan baay’ee beekamaadha. Poolisoonniifi loltoonni muraasni jimaa bitachuudhaaf jecha hanna maallaqaafi bilbilaarratti hirmaatan jiru.

Jimaan Somaaliilaand keessatti baay’ee beekamaadha. Qondaaltonni akka jedhanitti walirraa fageenya hojiirra oolchuuf waan rakkisuuf ji’a Ramadaanaa booda haalasaa ilaalla jedhan.

Jimaan Somaaliilaand hedduun Itoophiyaarraa gala. Konkolaataan yeroo ugguraa kanatti qabame ni to’atama. Jimaan qabames ni gubama.

Daldaltoonni gurgurdoo Somaaliilaand fayyaa namootaaf dursa kennuu qabna jechuun walii galaniiru. Namoonni muraasni immoo gatii baay’ee guddaa ta’een gurguru.

“Namoonni muraasni karaa seeraan alaa jimaa gara biyya keessaa galchu jedhee amana,” jedhan pireezidaantiin Somaaliilaand Muusee Bihiin.

Namoonni muraasni akka Abubakaar Awalee jimaan akka hin qama’amne barbaadaniif uggurri kun oduu gaariidha.

“Uggurri kun barakaa Rabbirraa dhufe. Waldhabdee xiqqootu jiraa, namoonni wal hiikan muraasaa, akkasumas sababa abbaan warraasaanii maallaqa qoricha sammuu nama hadhoochurratti osoo hin taanee maatiisaatiif oolchuuf haadholiin warraa gammachuu qabu,” jedha.

“Dhiironni guyyaatti jimaa qama’uudhaan sa’aatii jaha waan hin balleessineef omishnis dabalaara.

Somaaliyaan yoo irra deebiin guddachuu barbaadde maallaqa doolara miiliyoonatti laakka’amu qoricha sammuu nama hadhoochurratti baasuu dhiisanii haalaan itti fayyadamuu qabu.”

Obbo Awaaleen jimaan fayyaa namaas ni miidha jedha. Ilkaan namaa waan miidhuuf carraan kaansarii afaaniitiin qabamuu jiraachuu danda’a jedha.

Doktoroonni muraasni yeroo dheeraadhaaf qama’auuf araadaafi maraattummaadhaaf nama saaxila jedhanis qorannoon UK’tti bara 2014 taasifame garuu jimaafi maraatummaan hidhata qabaachuusaaniin ragaan hin jiru jedha.

Obbo Awaaleen uggurri kun barabaraan osoo turee jedha. Ta’us garuu hagas turuu dhabuu danda’a. Asiin duras uggurri jimaa Keeniyaarraa galuu waggoota hedduuf hin turre.