Koronaavaayirasii: US Chaayinaan qorannoo koronaavaayirasii na jalaa hatte jechuun himatte

Haakaroonni Chaayinaa waliin hidhata qaban dhaabbilee qorannoo koronaavaayiras irratti hojjataa jiran xiyyeefataa jiru jedhan qondaaltonni US.

FBI akka jedhetti yaalii haakaroonni gareewwan US talaallii, yaalii fi qorannoo hojjataa jiran irratti yaalii haakarummaa argeera jedha.

US yeroo dheeraadhaaf yakka saayibariitiin Chaayinaa kan himatte ta’us Chaayinaan gamasheetiin haalaa turte.

Weerarri koronavaayiras biyyoota lamaan jiddutti sodaa jiru akka hammaatu taasiseera. Isaan lamaanuu weerara kana to’achuu dhabuusaaniitiif wal qeequ.

Addunyaarratti namoonni miiliyoona 4.3 ta’an vaayirasichaan yoo qabaman namoonni 83,000 fi 4,600 wal duraa duubaan US fi Chaayinatti du’aniiru jedha gabaasni Yuunivasriitii Joons Hoopkiinis.

Biiroo Qorannoo Federaa (FBI) fi Ejeensii Nageenyummaa Saayibarii fi misooma (Cisa) waliin ta’uudhaan gaafa Roobii akeekkachisa kennaniiru.

Isaanis “dhaabbileen fayyaa, qorichaa fi seektarri qorannoo Covid-19 keessatti hojjataa jiran haakrootaaf sadarkaa tokkoffaarratti saaxilamoodha” jedhan.

Hattoonni saayibarii “dhiheenyatti hanna eenyummeessaa, koppii raayitii fi kkf akkasumas ragaa fayyaa hawaasaa” yaalii koronaavaayiras irratti jiru fudhachuudhaaf hojjataa jiru jedhan ibsi kun dabalataan.

Chaayinaan irra deddeebiidhaan himannaa US saayibariirratti dhiheessite haaltee jirti.

Jalqaba torbee kanaarratti dubbi himaan ministira hajaa alaa Zhao Lijian akkas jedha: “Qorannoo fi talaallii Covid-19 irratti addunyaa dursaa jirra. Ragaa tokko malee Chaayinaan qeequun fudhatama hin qabu.”

Ibsa gaafa Wiixataa kennanii pireezidaant Tiruump hojiilee Chaayinaan saayibariirratti hojjatu eeraniiru.

“Chaayinatti wanti haaraan maaltu jira? Chaayinatti gammachuu hin qabu, dursitee hambisuu dandeetti ture,” jedhan.

“Hojii haakarummaa hojjataa jirti jettu. Kan biraa hoo? Dhiheenyatti hordofaa jirra.”

Qondaaltonni US hannaa fi haakarummaadhaan waggoota dheeraaf Chaayinaa himataa turan.

Bara 2009 US Chaayinaan jeettii Lookidhiid Maartiin F-35 jedhamurraa ragaa na jalaa fudhateetti jetti. Yeroo muraasa booda Chaayinaan jeettii wal fakkaata Sheenyaang J-31 jedhamu hojjataa akka jirtu ibsite.

Daayirektarri Jiddu gala nageenyaa fi intalagansii biyyaalessaa US kan ta’an Biil Evaaniinaan hanna Chaayinaan qabeenyaa akka koppii raayitii, eenyummeessaa fi kkf irra geessistuuf US waggatti doolaara biiliyoona 400 ta’u dhabdi jedan.