Koronaavaayirasii: Tiraamp imala Awuroppaa gara US taasifamu dhaabsisan

Pirezidantiin Yunaayitid Isteet Donaald Tiraamp rakkoo dhukkuba koronaavaayiras hammaate ittisuuf imala Awuroppaa irraa gara Ameerikaa taasifamu dhaabsisan.

Ergaa tamsaasa televijiniidhaan kallattiin darbeen akka jedhanitti, imalli biyyoota Awurooppaa irraa gara Ameerikaa taasifamu guyyoota 30 dhufanif akka dhaabbatu ta'eera.

Imalli dhorkame cimaas ta'u barbaachisaadha kan jedhan Obbo Tiraamp imalli UK irraa gara Ameerikaa garuu hin dhorkamne jedhan.

Yeroo ammaa namoonni 460 UK keessatti vaayirasiidhaan kan qabaman yoo ta'u Ameerikaa keessatti immoo 1,135 qabamuun isaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u 38 du'aniiru.

Lakkoofsi namoota dhukkubsatanii akka hin daballeef kan murtaa'e akka ta'e kan ibsame yoo ta'u lammiilee Ameerikaa hin ilaallatu jedhameera.

''Murteen kuni gaafa Jimaataa halkan qixxee eegalee hojiirra oola,'' jedhan Obbo Tiraamp.

Biyyoonni kaan maalitti jiru?

Guyyaa kaleessaa, Roobii galgala, daarektarri olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Tedroos Adihaanom dhukkubni koronaaavaayirasii weerara jechuun ibseera.

Dhukkubni kuni bakka hedduutti erga taakkaa baay'ee tamnsa'aa jira waan ta'eefi. Torban lama keessatti dhukkubni kuni Chaayinaan ala dachaa 13'n tamsa'e jedhameera.

Biyyoota dhukkubni kuni itti hammaate keessaa tokko Xaaliyaanidha. Hanga yoonaa namoonni 12,000 kan qabaman yoo ta'u 827 immoo du'aniiru.

Odeeffannoo dabalataa

Dhukkuba kana to'achuufis suuqii, mana dhugaatii, mana nyaataafi kaaffee maamiltoota gidduu fageenyi meetira tokko akka jiraatu hin taasifne hanga Bitootessa bultii 25'tti akka cufaman murteessiteetti.

Biyyi Denmaark immoo namoonni 514 dhukkuba kanaan waan jalaa qabamaniif Jimaataa eegalee manneen barumsaafi Yunivarsiitii cufuu murteessiteetti.

Hindiin iimmoo hanga Ebla 15'tti lammiilee biyya alaaf viizaa kennuu dhaabdeetti.

Guwaatimaalaan immoo gaafa Kamisaa eegalee lammiileen Awurooppaa biyya ishee akka hin seenne dhorkiteetti.

Taatoon beekamaa Ameerikaa Toom Hankis isaa fi Haati warraa isaa Riittaa Wilsan Awustiraaliyaatti koroonaavaayirasiin qabamuu isaanii beeksiseera.

Magaalaa Quwiinslaand keessatti warraabbii filmii irratti hojjaachaa osoo jirani akka qabaman kan himu Toom lamaan isaaniiyyu yeroo yeroof namarra adda ba'anii akka turan beeksiseera.

Waraabbiin filmichaa yeroof adda citeera.