Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaalaa Sabbaataa: Namni osoo farda qaluu harkaafi harkatti qabame to'atame
Magaala Sabbataatti Namni Farda osoo qaluu harkaafi harkatti qabamee too'annaa jala oolfamu qajeelchi poolisii Magaalaa Sabbataa BBC'tti hime.
Qajeelcha Poolisii Magaala Sabbataatti abbaan Adeemsa Qorannaa Yakkaa Komaander Taaddasaa Fufaa BBC'tti akka himanitti, shakkamaan kuni gocha kana kan raawwate Magaala Sabbataa aanaa 2ffaa naannoo Alamganaa jedhamuun beekamutti.
"Shakkamaan kun gaafa 01/09/12 guyyaa keessaa naannoo sa'aatii 7'tti Magaala Sabbataa Ganda 02 dallaa mana barumsaa tokko keessatti osoo qalaa jiruu eeruu uummataatiin too'atame" jedhan.
Namni gocha safuu uummataa cabsu osoo raawwatuu qabame kunis foon fardaa kana maaliif oolchuuf akka ture qorannaadhaan kan qulqullaa'u ta'uus himan.
Namni kuni yeroo poolisiidhaan too'atamutti qofaa isaa farda kana qalaa kan ture ta'uus himan.
Shakkamaan kuni yeroo ammaa too'annaa poolisii jala kan jiruufi adeemsi himannaa fi qulqulleessuu raawwatamaa jiraachuus eeran.
Namoonni faayidaa hin malle argachuuf jecha gochoota akkanaa aadaafi duudhaa uummataa miidhan kana irraa ofqusachuu akka qabanii fi uummannis qaama seeraa waliin ta'uudhaan namoota gocha akkanaa raawwatan saaxiluu akka qabanis dhaamaniiru.
Itoophiyaa keessatti gochi beelladoota kotte duudaa qaluus ta'ee nyaataaf oolchuu kan hin deegaramnee fi amma duras naannoo Magaala Bishooftuutti warshaan qalma harree fi alatti ergu banamuun mormii kaasuun akka cufamu ta'uun niyaadatama.