Koronaavaayiras: Naayijeeriyaatti dhukkubsattootni covid 19 hiriira mormii bahan

Dhiyeenya kana sochiin dhorkamullee namoonni Covid-19 irratti argammu dabalaa jira

Madda suuraa, AFP

Dhukkubsattootni covid 19 Hospitaala Barsiisotaa Federaalaa Gombee jedhamu keessa adda bahanii turan qabinsi keenya badaadha jechuun mormii dhageessisuuf bahaniin meeshalee waldhaansaa mancaasan.

Kanneen naannoodhuma sanitti iddoo biratti adda bahanii turan ammoo mormii isaanii dhageessisuuf daandiitti bahaniiru.

Hiriira Kibxata galgala gaggeessan kanaan kutaalee hawaasaa waliin kan walitti bu’an yoggaa ta’u, daandii guddaa magaala guddiitti waliin walqunnamsiisuus cufanii turan.

Komishinarri Fayyaa bulchiinsichaa Ahmaad Gaanaa BBC’tti akka himanitti, dhukkubsattootni kun mallattoo dhukkubichaa agarsiisaa waan hin jirreef qorichi hin barbaachisuun jedhan. Hanqinni nyaataa nu mudateera inni jedhaniis dhugaa mitii jedhan.

Hiriira namootni covid 19’n qabaman gaggeessan kun vayirasichi akka tamsa’u carraa baneera jechuun jiraattotni yaaddahaniiru.

Aanga’oonni naannichaa hawaasni naannoo kan mormitoota kanan walitti bu’an guyyoota 14’f adda of baasanii akka turan ajajaniru.

Gombeetti namootni vaayirasii kanaaan qabaman 100 ta’u.

Gama kaaniin Waldaan Hakiimootaa Naayijeeriyaa bulchiinsa Kaaba Kaanootti hakiimotni fayyaa 34 covid 19’n qabamuu beeksise.

Hogganaan Damee Waldaa Ogeeyyii Fayyaa Naayijeeriyaa Dr. Sanusii Baala akka jedhanitti Hakiimota Fayyaa vaayirasii kanaan qabaman keessaa tokko lubbuun darbeera.

Kanneen qabamn keessaa hedduun Hospitaala barsiisotaa Kaanoo keessa warra hojjetaniifi kanneen kilinika dhuunfa qabaniidhas jedhaniiru.

Meeshaaleen of eeggannoo hakiimota ‘personal protective equipment (PPE)’ jedhaman ogeeyyii fayyaa kanaaf akka guutamuus gaafatan.

Naayijeeriyaan hanga ammaatti namoota 2,950 ol irratti covid 19 argamuu kan beeksifte yoo ta’u kanneen keessaa 98 du’aniiru.

Uggura sochii laaffisuuf murteessuu ishee hordofees lakkoofsi namoota haaraa qabamaniis dabalaa jira.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa