Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baateetti haleellaa bakka gabaatti rawwatameen lubbuun namoota shanii darbe
Kibxata ar'aa Walloo godina addaa Saba Oromoo Baateetti gabaa daandii gara naannoo Affaar geessu bakka Adda Haaraa jedhamutti namoota gabaa deeman 7 rasaasaan rukutamuufi isaan keessaa 5 lubbuun darbuu bulchaan aanaa Baatee Obbo Mohaamman Abduu BBCti himan.
Namoota rasaasaan dhahaman lama gara hospitaalaa geeffamuun wallaansa argachaa jiraachuu bulchaan kun dubbataniiru.
Obbo Mohaammad namoonni kunneen gabaa walakkaatti itti dhukaafamee akka ajjeefaman ibsuun, "ajjeechaan kun kan irratti raawwatameef sababa eenyummaa isaaniitiinidha. Sababii Oromoo ta'aniif qofa," jedhan.
"Ar'a [Kibxata] bakka Muudee Hiinaa jedhamu gabaatu ture," kan jedhan bulchaan aanaa Baatee namoonni ajjeefaman kunneen magaalaa Baateerraa ta'uu isaanii dabaluun ibsaniiru.
Hidhattoonni daldaltoota kanarratti dhukaasa banan Affaar irraa akka dhufankan dubbatan Obbo Mohaammad, konkolaataa irraa buusanii haleellaa kana akka raawwatan ibsaniiru.
Sababiin ajjeechaa kanaa eenyummaa isaaniif qofa kan jedhan aanga'aan kun, yeroo ammaa kanatti walitti bu'insi rakkoo kanaaf geessisu hin jiru jechuun dubbatu.
Walitti bu'insi kan ture naannoo daangaa jechuun, "gabaan sun gabaa waloodha, namni hundinuu deemee itti daldalata. Ar'a garuu kun dhalateera," jedhan.
Reeffa namoota du'anii raayyaan ittisaa biyyaa seenee akka baase kan dubbatan Obbo Mohaammad sirni awwaalcha namoota ajjeefamaniis raawwatamuu addessaniiru.
Haleellaa raawwatame kanaan walqabatee kan poolisiin to'annaa jala oolche jiraachuu wanta beekan akka hin qabne ibsuun, aanga'oota naannoo Affaar waliin bilbilaan dubbatanis furmaata akka hin arganne ibsaniiru.
BBCn waa'ee namoota ajjeefamanii kanaa gama naannoo Affaariin odeeffannoo jiru qulqulleeffachuudhaaf irra deddebi'ee komunikeeshinii naannichaatti bilbilus argachuu hin dandeenye.