Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Somaalonni UK jiraatan lubbuunis dinagdeenis daran miidhamaa jiru
UK keessatti qofa lubbuu namoota 16, 500 kan galaafate Koroonaavaayiras, hawaasa Somaalee biyyattii jiraatan gama dingdee fi lubbuutiinis daran miidheera.
Lammiileefi dhallattootni Somaale biyyoota garaagaraa jiraatan waggaatti biyya dhalootaa isaanii Somaaliyaatti doolaara biiliyoona 1 erguu jedhamee tilmamama. Kana jechuun hamma maallaqaa biyyattiin gargaarsaan argattuun oli jechuudha.
Koroonaa Vaayiras garuu maallaqa Soomaaliyaan argattu kana irratti dhiibbaa guddaa uumee jira.
UK keessatti qofa lubbuu namoota 16, 500 kan galaafate Koroonaavaayiras hawaasa Somaalee biyyattii jiraatan gama dingdee fi lubbuutiinis daran miidheera.
Vaayirasichi umurii fi haala jireenyan osoo adda hin baasiin gaheessa ganna 48 konkolaachisuummaan maatii isaa bulchaa ture Nadiir Nuuriin da’ima isaa ji’a 10 irraa galaafateera.
Daa’mni ganna 13 Ismaa’eel Mohaammadis hospitaala keessatti lubbuun isaa dabartee, maatiin isaa guutuun adda of baasanii akka turan waan godhameef awwalcha maatiin irratti hin argamneen gaggeefame.
Gama kaaniin namni ganna 91 abbaa muuziqaa ammayyaa Somaalee jedhamuun kan beekaman Ahimaad Ismaa’eel Huseen Hudeeydii COVID-19’n qabamanii du’an.
Lakkoofsa Somaalotaa Landan jiratanii hangana jechuun dhibus, bara 2018’tti ragaan waajira staatistiksii biyyaalessaarraa argame akka ibsutti dhalattootni Somaalee UK jiran 108, 000 ta’u.
Lakkoofsi kun kanneen Somaaliyaatti dhalatanii UK jiraatan malee kanneen UK’tti dhalatan yookan biyyoota Awrooppaa biroorraa dhufan hin dabalatu. Sun yeroo itti dabalamu lakkoofsi isaanii 250,000 ta’a jedhamee tilmaamama.
Dhibee Sukkaaraafi Dhiibba dhiigaa
UK keessatti hawaasa COVID-19’n daran miidhaman keessaa Somaalonni tokko ta’uu isaaniif sababootni hedduun jiru.
Somaalonni umuriin isaanii dullumatti siiqe hedduun dhibeewwan biro akka sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa qabu. Hedduun isaanii bakka namni walitti siiqee jiraatu keessa jiraatu, manneen xixiqqoo keessa namoota hedduutus jiraata.
Somaalonni Landan keessa jiraatan hojiiwwan barbaachisoo garuu kaffaltii xiqqoo qaban hojjetu, kun immoo saaxilamummaa isaanii baldhiseera.
Landan keessatti sochiin hawaasaa erga dhorkamee fi manneen daldalaa cufamanii as dhaabbileen akka Dahaabshil kan maallaqa daddabarsan cufamuun isaanii mallaqa daddabarsuurratti rakkataniiru.
Matii isaanii biyya jiraniif ji’atti doolaara 150-300 kan ergan yoo ta’u sun jireenya maatii isaanii Somaaliyaa jiraniirratti jijjiirama guddaa fida.
Maatii hedduun Somaaliyaa jiru maallaqa biyyoota alaa irraa ergamuufiin jirata. Nyaata, kiraa manaa fi waldhaansa fayyaa dabalatee jechuudha.
Amma dhaabbileen daddabarsa maallaqa akka Dahaabshiil cufamuun maallaqa biyyatti erguurratti namoota hedduun danqamuu himu.
Hedduun ammoo hojii isaanii dhabuurraa kan ka’e maallqa biyyatti erguun dhabuu osoo hin taane ofiiyyuu rakkoo keessa galaniiru.
Dhibbaa fayyaa fi dinagdee COVID-19 irraan gahu fi weerara awwaanisaa ofirraa qolachuuf tattaafachaa kan jirtu Somaaliyaan hangi maallaqaa alaa galu jalaa xiqqaachuun ammo yaaddoo biraa ta’aa jira.
Vaayirasiin kun daandiiwwan Landan onsuu bira darbee Moqaadishoo, Hargeessaa fi Bosaasoos onsaa jira.