Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Human Rights Watch: 'Jijjiiramni seera kooluu-galuu Itoophiyaa mirga Ertiraanotaa sarba'
Jijjiiramni seera kooluu-galuu mootummaa Itoophiyaan taasifame, daa'imman Eertiraa kophaa baqataniif eegumsa kan hin kennineefi rakkoof kan saaxiludha jechuun Dhaabbanni mirga namoomaa 'Human Rights Watch' ibse.
Anga'oonni Itoophiyaa lammiileen Ertiraa hundi kooluu galuu akka danda'aniif seericha fooyyessuun jijjiirama kanas ifatti beeksisuu qabus jedheera.
Dhuma Amajjii 2020 keessa Itoophiyaan seera koolu-galtummaa lammiilee Ertiraa mara tajaajilaa ture dhoksaadhaan jijjiirtee jirti.
Eejansiin dhimma baqattootaafi kan baqa irraa deebi'anii 'ARRA' daangaa Ertiraa irratti baqattoota garee muraasa qofa galmeessaa akka jiruufi haala ifatti mul'atuun daa'imman kophaa jiran addatti foo'ee akka hin galmeessine, gabaasni dhaabbata kanaa kan mul'isu.
Itoophiyaan kana gochuu isheetiinis daa'imman kooluu galuuf dhufan haalota nageenya isaanii miidhuu danda'anitti deebi'uuf akka isaan dirqisiisuu malu ibsuun, kun ammoo seera baqattootaa idil-addunyaa cabsuudhas jedheera.
''Itoophiyaan yeroo dheeraaf baqattoota Ertiraa kumaatama hedduu hacuuccaa baqachuun dhufan simachaa turte, ammarra jijjiiramni guddaan Ertiraa keessatti osoo hin mul'atin, lammiilee biyyattii keessumaa daa'imman maatii malee kophaa isaanii baqatan kooluu galuu dhorkuu hin qabdu,'' kan jedhan daayirektara 'HRW' Afriikaa Bahaa kan ta'an Laayitiishiyaa Baader dha.
Dargaggoonni Ertiraa ganna 18 gadii manneen barumsaa sadarkaa 2ffaa keessa jiran waggaa waggaan sagantaa tajaajila biyyaalessaa irratti akka hirmaatan dirqisiifamu, tajaajilli kun baatii 18 qofa turuu kan qabu ta'us, mootummaan hanga wagga 10 ol tursiisuu danda'a.
Kun ammoo, daa'imman barumsaafi jireenya maatii waliin akka hin arganne isaan taasisa.
Itoophiyaafi Ertiraan Adoolessa 2018 waliigaltee nageenyaa mallatteessanus, Ertiraa keessatti qabannaan mirga namoomaa fooyya'iinsa hin agarsiifne. 2019 keessa lammiileen Ertiraa 6,000 ta'an ji'a ji'aan Itoophiyaatti baqachaa turani.
Yeroo ammaa kanatti lammiileen Ertiraa kuma 171 ol Itoophiyaa keessa baqattuummaan galmaa'anii jiru.
Kunis harka 3ffaa lakkoofsa baqattoota Ertiraa idil addunyaarra jiruuti. Baqattoota kaampiiwwan Tigraayi keessa jiran keessaa dhibbeentaan 44 daa'imman akka ta'an odeeffannoon UNHCR ni ibsa.
Paarlaamaan Itoophiyaa Amajjii 2019 keessa seera baqattootaaf mirgoota gara garaa argamsiisu raggaasisus, haala sababani isaa ifa hin taaneen gareewwan muraasa adda foo'uun galmeessuu dhorkaa jira.
Ummata baqatu kooluu galuu dhorkuun waan dabaafi seera kan cabsudha jedha HRW.
Inumayyuu daa'imman maatii malee baqataniif eegumsi adda ta'e taasifamuu qaba ture, mirga isaanii kana dhorkuun ammoo gara iddoo dhufaniitti akka deebi'aniif dirqisiisuun nageenya isaanii balaaf saaxiluu malas jedheera.
Mudde darberraa kaasee baqattoota daa'immanii Tigraayi ga'an keessaa %27 kophaa isaanii kan dhufanidha.
Guyyaa guyyaan daa'imman 30 ta'an kan maatiirraa gargar ba'an yookaan kophaa jiran daangaarra niga'u. Duraan Itoophiyaan daa'imman kunneeniif barumsa dabalatee kununsa gara garaa daftee kennaa turtus, tajaajiloonni sunneen dhorkamanii jiru.
Daa'imman kunneen eegumsaafi carraa kaampii keessa seenuu waan hin arganneef ofiisaaniitiin of-eeguuf dirqamanii jiru.
Akka hojjataan gargaarsaa Tigraayi keessa jiru tokko dubbatetti, ''daa'imman hin galmoofne taanaan, bakka jireenyaa, nyaata, eegumsaafi gargaarsa xiin-sammuu hin argatani. Sunis alatti rakkoon kan akka hojii humnaa olii hojjachuu akk irra ga'u isaan dirqisiisa.''
Bitootessa 27, 2020 gara eejansii baqattootaa Itoophiaatti waa'ee lammiilee Ertiraa ilaalchisuun jijjiiramni imaammataa yoo jiraate akka beeksisuuf xalayaa barreessus amma yoonaatti deebii hin arganne jedha HRW.
UNHCR baqattoota Ertiraa ilaalchisuun dambii 2011 ba'e kan hordofu yoo ta'u, hanga wanti qabatamaatti haala sana jijjiirsisu hin jirreefi sarbamni mirga namoomaa Ertiraa keessatti ammas yaaddessaa haala ta'ee jirutti seera haaraa baasuun sirrii akka hin taanedha dhaabbanni mirga namoomaa HRW kan ibse.
Itoophiyaan kaampii baqattootaa Hitsats kan Tigraayi keessa jiruufi baqattoota 26,600 ol kan qabu cufuuf akka jirtu beeksiftee turte.
Haata'u malee, yeroon isaa yoom akka ta'e ifa miti. 'Mirgi keenya maal akka ta'e, eessa akka deemnu, guyyaa kam akka ta'e fi dhimmoota biroos kan nutti himu hin jiru'' jechuun namni Ertiraatti ganna torbaaf seera malee hidhamee amma kaampii sana keessa jiraatu himeera.
Daayirektarri I/A eejansii baqattootaa Itoophiyaa sababa koroonaavaayirasiitiin baqattoota kunneen bakkaa bakkatti daddabarsuun haqameera jedhanii miidiyaaf ibsa kennanii jiru.