Koroonaavaayiras: 'Raagoti Booranaa waa’ee dhibee kanaa ganna 200 dura himaniiru' - jaarsa argaa-dhageettii

“Raagoti Booranaa waa’ee dhibee kanaa ganna 200 dura himaniiru” jedhu jaarsi argaa-dhageettii Aabba Kanuu Jiloo.

“Dhukkubni nama balleessu namarraa ni bade. Dhibeen of jijjiiree dhufa. Namnis ammoo dhukkubaan akka badu waan qara jiru” jedhu jaarsi kun waan raagoti Booranaa dubbatan yeroo himan.

Akka Aabba Kanuu Jilootti dhukkubni kun waaqni cubbuu namaatti gadduu isaatin dhufa.

“Kaan olgor jedha, tokko laalessa jedha, tokko arraabbii jedha maqaa kanaan gargar baasanii raagoti Booranaa himanii jiru” kan jedhan jaarsi argaa-dhageettii kun Koroonaa vaayiras dhibee raagotin Booranaa waggoota dura dubbatan akka ta’e himu.

“Akka jaarroliin himanitti dhibeen olgor dura laagaa seenee booda sombatti gadi bu’a. Dhibichi mataa nama tarsaasa, somba qabata, nama qufaasisa” jechuunis dubbatu.

Raagi Booranaa waa’ee dhibee kanaa dubbatan Areero Bosoroo akka ta’an kan himan jaarsi argaa-dhageettii Booranaa Aabba Kanuu Jiloo “dhibeen kun waalaya (fanjiirraa) ka’ee dhufee nama balleessa. Achi ga’e, achi ga’e, achi ga’e osuma jedhanuu tokkof lamaan ardaa lafaa cufa namaan baha jedhanii himan” jechuunis dubbatu.

“Waan akkanaa yeroo dhufu Booranni eebbifatee, horii qalatee, hanqisoo jedhanii ibidda bobeessan keessaa cilee muka tokkoo dhaamsanii, dhibaayyuu jedhanii malkaatti bahanii ‘waaq nurraa deebisi’ jedhanii kadhatan” jedhu Aabba Kanuu.

Qorichi dhibee kanaas baala fi hidda mukkeen akka Waldaa, Arkeen, Argeessa, Reerricha, Aarsaa, Awaachoo fi kkf irraa akka argamu kan himan jaarsi argaa-dhageettii kun qorichawwan kunneen dhukkuboota akka sombaa wal’aanuf tajaajilarra akka oolan dubbatu.

“Namni marroo shan cita, marroo sagal dhiphata…”

Booranatti “namni marroo shan cita, marroo sagal dhiphata,” jedhama.

“Uummatni sirna Gadaan bulu waggoota 280 darban rakkoo keessa darbe. Ganni 280 kun dhiyeenya wayita Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo ijoollee maqaa baasan xumurame” kan jedhan aadaa fi seenaa uummata Booranaa qorachuu fi kitaabilee barreessun kan beekkaman Aabba Jaatanii Diidaa “Citni shananuu la darbe. Dhiphuun saglanillee la dabarte” jedhu.

'Addunyaan tun qilleensaan baddi'

Qorataan aadaa fi seenaa kun yeroon rakkoo sun darbullee “qilleensi sodaannu jira” jedhu. Kun immoo himana jaarroliin Booranaa waggoota dura dubbatan walin kan walqabatu ta’uu Aabba Jaatanii Diidaa himu.

''Addunyaan kanaan dura waan lamaan miidhamte. Jalqaba namni heddun akkuma rafeetti dhume. Akkam bultan? jedhanii wal gaafachuun yeroo sanirraa kaasee aadaa taate.

Itti aansun namni bishaanin bade. Amma sadaffaarratti immoo namni qilleensaan bada. Qilleensi kun akka bubbeetti fuudhee namaan bada yookin immoo qilleensi dhukkuba ta’ee nama balleessa jechuun himameera,” jedhan.

Dhibeen Koronaavaayirasis himana “addunyaan tun qilleensaan baddi jedhuun wal fakkata” jedhu Obbo Jaattaniin.

Kana malees Obbo Jaattanin akka Aabba Kanuu Jiloo jedhanitti Koroonaaaayiras olgor miti jechuun mormu.

“Olgor dhukkuba namni tokko ofif ofitti waamu dha. Armaan dura namni heddun HIV dhaan olgor jechaa ture” jedhan.

“Olgor jechuun yaamicha jechuu dha. Namni tokko mana kee cinaa yoo bahe ebalu kootu gori jettee yaamta mitii? Kanaaf amala dhibichaa wajjin walbira qabnee yoo ilaallu olgor koroonaa ta’uu hin danda’u. Olgor HIV dha” jechuun himu.

Haa ta’u malee kuni kana jedhanii dubbachuun of eeggannoo guddaa akka barbaachisu kan himan Aabba Jaatanii Diidaa “argaa-dhageettii irratti tilmaama ofii dabaluun dubbachuun dhaloota dogongorsuu danda’a waan ta’ef nuyi waan kun kana jechuuf of eegannoo guddaa qabna” jedhan.

Koroonaavaayiras maali?

Akka Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)tti Koroonaavaayirasoonni maatii vaayirasootaa qufaarraa eegalee haga MERS (Middle East Respiratory Syndrome) koroonaavaayiras fi SARs (Severe acute respiratory syndrome) koroonaavaayirasoota jiran hammata.

Vaayirasoonni kunneen yeroo baayyee bineeldota gosa tokkorraa isa kaanitti daddarbuun beekamu. Haatahu malee gosoonni tokko tokko namatti daddarban jiru.

Koroonaavaayirasiin tibba kana addunyaa weerare kun maqaa COVID-19 jedhamu argateera.

COVID-19 vaayirasii sirna qaama hargansuu miidhudha.

Namoota vaayirasichaan qabaman irra jireessi isaanii mallattoolee dhukkubichaa kan hargansuu in hammaanne agarsiisu. Yaaliin addaa osoo isaan hin barbaachisin vaayirasicharraa bayyanatu.