'Mataa buufachuu': Sirna namaafi Waaqa walitti araarsu

Baatii tokko darbeef raawwataa kan ture jilli 'mataa buufachuu' Gadaa Booranaa xumurameera.

Sirna Gadaa keessatti jlli mataa buufachuu sirna namaafi Waaqa walitti araarsudha jedhu qorataan aadaa Aab Jaatanii Diidaa.

Namni ajjeese, kan hate, kan bara jireenya isaa waan namni jibbu, kan Waaqni jibbu hojjete sirna Gadamoojii kanaan araara gala jedhu.

Lammata ammoo akka hamtuu dhibii hin hojjenne Waaqaaf kaku gala jedhu.

Sirni kun 'mataa buufachuu' ykn ammoo sirna Gadamoojii jedhamee waamamuu danda'a.

Namni mataa buufatu kan Gadamoojii ta'e yoo ta'u waan Gadoomaa fixatee gara Jaarsa qulqulluutti kan itti ce'amudha jedhu Aab Jaataniin.

"Yoo mucaan kan kee gara Gadaa dhufu, ati Gadamoojii taatee kallacha dabarsitaafi, san booda mataa buufattee jaarsa taata," jedhu.

Namni tokko kan mataa buufatu erga ilmi isaa Gadaa qabatee waan Gadaa hunda irraa fuudheen boodadha.

Warri kun warra waggaa afurtama dura Gadaarra ture kan umuriin isaanii yoo xiqqaate ganna 80 ol ta'anidha.

'Kallacha hidhachuu'

Gadaa Booranaa keessatti abbaan Gadaa tokko baallii kan fudhatu abbaa Gadaa isa dura turerraa wayita ta'u kallacha kan fudhatu garuu Abbaa isaarraa akka ta'e dubbatu Aab Jaataniin.

Kallachii abbaa irraa gara ilmaa kan darbu ammoo wayita abbaan mataa buufatee Gadamoojii irraa gara jaarsaa cehudha.

Haaluma kanaan erga baallii fuudhanii ganna sadi kan guutan Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo abbaa isaanii mataa buufatan irraa kallacha fudhatanii jiru.

Erga baallii fudhatanii ganna sadi haa guutan malee amma dura Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo Kallacha hin hidhatan ture.

Amma booda garuu erga abbaan isaanii mataa buufatanii jaarsomanii booda kallacha hidhatu.

Eessatti jilatu?

Gadaamoojiin ardaawwan jilaa walumaagalatti hanga 24 ta'anirratti jila mataa buufachuu kana taa'u jedhu Aab Jaataniin.

"Gama Liiban kan godina Gujii keessa jiru fulaa 3, Boorana keessa fulaa 18, Keenyaa keessa akkasuma fulaa 3 walumaa galatti fulaa 24'tti taa'ama jedhu," jedhu.

Jili kun ji'a tokko darbeef mataa buufachuu ykn haaddachuu dabalatee sirnoota adda addaan raawwataa erga turee booda Dilbata darbe xumurame.

Kanneen amma mataa buufatan guyyaa soddoma ykn ji'a tokko booda ammoo ilmaan isaanii dabballee ta'aniif maqaa akka baasan aab Jaataniin dabalanii himaniiru.