Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aadaa: Abbaa Gadaa Gadaa Hawaas Abbaa Gadaa Karrayyuu tahuun baallii fudhatan
Sirna baallii walitti dabarsuu Gadaa Karrayyuu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee taasifameen, Gadaa Hawaas Abbaa Gadaa Karayyuu tahuun baallii fudhatan .
Sirna iddoo Xuxxuuxii jedhamutti geggeeffamaa jiru kanarratti waggaa saddeetiif kan aangoorra ture Gadaan Meelbaa Gadaa michilleetti baallii dabarsee kenna.
Abbaan Gadaa Karrayyuu amma aangoorra jiru Hawaas Roobaa abbaa Gadaa haaraa Gadaa Hawaasitti har'a baallii dabarsaniiru.
Sirni baallii walitti dabarsuu kun kaleessarraa eegalee kan geggeeffamaa jiru yoo ta'u, tuutni Gadaa Meelbaa Galma 127, karra 127 fi foduu 127 ijaaruun sirnichaaf qophaahaa turan.
Firrii fi ollaan gumaata qabatanii bakka jilaa kana qubatanii bulan.
Faaruun jilaa amayoo (faaruu dubartootaa) jedhamuu fi dambaleen kan Warra dhiiraa jila kanarratti ittiin faarfatan halkan ittiin dhiichifamaa bule.
Kormi buttaas ganama barii kan qalame yoo ta'u Gadaan aangoo dabarsu Meelbaan korma Gururaa erga qalatanii booda mataa buufatanii (rifeensa haaddachuu) sirni baallii walii dabarsuu kun gaggeeffameera.
Oromoon Karrayyuu gosoota gurguddoo lama kan qabu yoo ta'u, Dullachaa fi Baasoo jedhamu.
Dullachi hangafa yoo ta'u baasoon quxusuudha.
Karrayyuun ardaalee jilaa sirna Gadaa itti gaggeeffatu Tarree Luugoo fi Tarree Leedii jedhaman qaba.
Bakkeewwan kun lamaan bakka murtiiwwan gurguddoon itti darbuu fi heerri ittiin bulmaataa itti tumamu waan ta'eef kabaja guddaa qabu.
Haaluma kanaan gosti Karrayyuu Baasoo Tarree Leediitti, Warri Dullachaa ammoo Tarree Luugootti gaggeeffataniiru.