Koroonaavaayiras: Xaaliyaanitti taphattoonni waqtiin taphaa jalqabuu dura qorannoo Covid-19 taasisuufi

Kiristaanoo Ronaaldoo warra Juuventuusiifi Antooniyoo Kaandireevaa warra Inter Miilaan yeroo kubbaa irratti wallaansaa walqaban

Madda suuraa, Getty Images

Taphoonni Serie A Bitootessa 9 ture sababa weerara koronaavaayirasiif kan yeroo hin beekamneef achi siqan.

Hamma ammaatti garuu guyyaan taphoonni itti jalqabaman hin beekamne.

“Achuma haalli amma jiru fooyya’etti dorgommiiwwan ni xumurra,” jedhan Pireezidaantiin Federeshinii Kubbaa Miilaa Xaaliyaan Gabriele Gravina.

Sky Sport Xaaliyaan jirutti akka himanitti: “Yeroo dhihootti walgahii qabna. Achiin booda haala itti wal qunnamnu ni mijeessina.

“Jalqaba ji’a Caamsaa keessa taphatoonni dhukkubbicharraa bilisa ta’uusaanii mirkaneeffannee booda leenjii jalqabna jedheen abdii qaba.

“Ganna kana ni taphannaa? Ammaaf, guyyaasaa hin murteesine garuu yaanni jiru dorgommiiwwan xumuruudha.”

Xaaliyaan biyyoota weerara kanaan haalaan miidhaman keessaa ishee tokko yoo taatu, taphattoonni kilabii garagaraas koronaavaayiarsiidhaan qabamaniiru.

Juveentus dorgommii Serie A qabxii tokkoon Laaziyoo caaluudhaan yoo dursu, Inter Miilaaniin ammoo qabxii sagaliin caala.

Pireezidaantiin Brescia, Maasimoo Seelinoo kan gareensaanii sadarkaa dhumaarratti argamu akka jedhanitti taphoonni itti fufu taanaan gareensaanii qophii akka ta’e ibsaniiru.

Kilaboonni Jarman torbee darbe of eeggnnoo taasisaa gara leenjitti yoo deebi’an, liigota Awuroppaa keessaa kilaboota jalqabaa gara leenjitti deebi’an ta’aniiru.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa