Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Adaamaatti hojiin namoota Covid19n qabaman waliin tuttuqqaa qaban hordofanii adda baasuun maalirra jira?
Torban dabre keessa jiraataan magaalaa Adaamaa kan gannisaa 61 ta'e, koronaavaayirasiif qoratamee pozatiivii tahuu gabaafamee ture.
Namni kun dhihootti gara biyya alaa kan hin deemne yoo tahu, haalli hojiisaa lammiilee biyya alaa waliin kan walitti fidu ta'uu, odeeffanno dhukkubsataarraa argameen baramuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa ibseera.
Haaluma kanaanis namoonni isaan waliin walitti dhufan namoota 24 irrattis hordoffiin taasifamaa akka jiru himameera.
Guyyoota muraasaan boodas namoonni lama biro miseensa maatii nama kanaa tahan vaayirasichi irratti argamuu gabaafame.
Namoonni lamaan kun umuriin isaanii waggaa 14fi 48 yoo ta'u, nama kana dura magaalaa Adaamaatti vaayirasichi irratti argame waliin tutuqqaa qaban ta'uun isaanii ibsameera.
Namoonni kunneen mallattoon vaayirasichaa irratti mullachuu baatulleen, namoota kanan dura Adaamaarraa vaayirasiin irratti argame waliin waliitti dhiheenya waan qabaataa turaniif jecha adda baafamuun akka turan taasifamanii hordoffiin taasifamaafii ture.
Jarri kunis Bitooteessa A L I 19, 2012'ti qorannoo laaboraatorii taasifameefiin vaayirasichi irratti argamuun mirkanaa'eera.
BBCn hordoffiin namoota jara kana waliin tuttuqqaa qaban maalirra jira jechuun anga'oota magaalaa Adaamaa gaafateera.
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'
Ittigaafatamtuun kominikeeshinii magaala Adaamaa Aadde Rawudaa Huseen waan jedhan, 'Namichi jalqaba qabame suni faarmaasiitti qoricha gurguraa waan tureef, namoota baayyee wajjin 'wal tuttuqqaa' godheera''.
Namoota isaan walqunnaman adda baasanii beekuunuu hojii ulfaataadhaa. Hojiin barbaadanii adda baasuu itti fufeera namni haaraan argame garuu hin jiru,'' jedhu.
Gama biraan Aadde Rawudaan har'a magaalichatti keemikaalli biifamaa akka tureefi galgala kanammoo namoota harka qalleeyyii manaa bahuu hin dandeenyeef bulchiinsi magaalichaafi abbootiin qabeenyaa sagantaan irbaata dhiheessuufii akka taasifamuuf jiru BBCtti himaniiru.