Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee guddina Afaan Oromoof maal gumaachan?

Sheekh Mohammad Rashaad, abbaa isaanii Kabiir Abdullee Kabiir Muummayyaa fi haadha isaanii Faaxumaa Shurraa Ahimad irraa, bara 1934 Godina Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaa Ganda Laga Arbaa keeessatti dhalatan.

Umurii ijoollummaasaaniitti barnoota amantii hordofuuf fedhii guddaa agarsiisaa turan kan jedhan ilmi isaanii kan amma Sa'uudii Arabiyaa, magaalaa Makkaa jiraatan Kaaliid Rashaad, garuu abbaansaanii qe'eerraa fagaatee akka baratu iyyamaafii hin turre jedhan.

Boodarra Sheek Mohaammad Rashaad dandeettiisaatiin abbaasaa amansiise kan jedhan Sheek Kaalid Rashaad sanaan booda abbaanis akka fedhe Harargee bal'oo keessa imalee akka baratu iyyamaniif jedhan.

Bakkaa bakkatti imalanii namoota beekumsa qaban irraa waa barachuu kan aadeffatan Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee imallisaanii biyya keessatti qofa murtaa'ee hin hafne.

''Sheek Mohaammad Rashaad ijoollummaatti barnoota amantii, falaasama amantii fi seerluga afaan Aarabaa sirriitti waan barataniif gara biyyoota Arabaa imaluu yaadi dhufteef. Biyya keessatti aalimota jajjaboo kanneen Sheek Abuubakar Saaphaloo irraa falaasama jiruu fi jireenyaa, haala qabsoo fi barnoota amantii Islaamaa barateera'' jedhan Sheek Kaaliid Rashaad.

Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee dhalatee umurii waggaa 15tti bara 1949 biyyaa bahee gara biyyoota Arabaatti qajeele.

''Jalqaba gara Jibuutii imale. Jibuutiin Yaman seene. Achirraa Sa'uudii seenee bara 1950 hajjii godhe. Sa'uudiis osoo baay'ee hin turin gara Sooriyaa imalee magaalaa Damaasqoo keessa waggaa shan jiraate,'' Jedhan Sheek Kaaliid Rashaad.

Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee Sooriyaa keessatti mana barnootaa 'Fatul Islaam' jedhamutti waggaa shan erga baratanii booda 'Muftii' ta'uun beekamtii argatan.

Sooriyaa keessatti imaama masjiidotaa ta'uurraa hanga Jum'aa kuxbaa ykn dhaamsa barnoota amantii dhageessisuutti erga tajaajilanii booda bara 1956 gara Masrii imaluun carraa Yuuniversitii al-Azhar seenanii barachuu argatan.

Jiruu Yuuniversitii al-Azhar, Kaayiroo

Waa'ee Oromummaaf quuqamuun xiiqeffatee hojjetuu akkuma Yuuniversitii al-Azhar seeneen eegale jedhu ilmi isaanii Sheek Kaaliid Rashaad.

''Bara 1956 akkuma yuuniversitii al-Azhaar seeneen biyyoonni hunduu afaan fi aadaa akkasumas eenyummaansaanii wayita calaqqisan onnachuu eegale. Mana kitaabaa wayita deemu seenaan biyyoota garaagaraa haala nama hawwatuun katabamee jira. Kun hundi osoo qubeedhaan ta'eewoo jedhee yaaduu eegale,'' jedhan Sheek Kaaliid Rashaad.

Wayita sana abbaan isaanii ,''Nutis seenaa himamu qabna, afaan dubbatamu qabna, qubee ittiin qubeessinu qabna. Kana hunda miidiyaadhaan mul'isuu waan barbaannuuf miidiyaa nuuf iyyamaa,'' jedhee gaafachaa akka ture dubbatu Sheek Kaaliid.

Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee Yuunivarsitii al-Ahzar irraa bara 1962 qabxii ol'aanaadhaan eebbifamuun bulchaa Masrii yeroo Sanaa Jamaal Abdal Naasir harkaa waraqaa beekamtii fudhatan.

Yuunivarsitii al-Azhar booda…

Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee bara 1962 Yuunivarsitii al-Azhar irraa eebbifamanii achumatti ramadaman.

Hawaasa Itoophiyaa Masrii jiran waliin walargaa kan turan Sheek Mohaammad Rashaad hiriira qindeessuun sirna bulchiinsaa Haayilasillaasee mormaa turan.

Namoota wayita sana hiriira ba'aa turan keessaa kanneen gara biyyaa deebi'an adamsamanii hidhamaa fi ajjeefamaa waan turaniif miirri biyyattii deebi'anii barsiisuu Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee keessaa badee ture.

Yuunivarsitiin al-Azhar Sheek Mohaammad Rashaad akkaan kan kabajuu fi iddoo guddaa qabaachaafii waan tureef rakkootti erguu hin barbaanne ture.

Utuma kanaan jiranii wayita Somaaleen guutummaatti walabummaashee gonfattu Yuunivarsitiin al-Azhar bara 1963 Sheek Mohammad Rashaad Abdullee Somaaliyaatti erge.

Somaaliyaatti waggaa sadiif imaama masjiidaa fi barsiisaa amantii ta'ee erga hojjetee booda mootummaan Somaaliyaa hojjetaa mootummaa godhan.

Raadiyoo Afaan Oromoo - Moqadishoo

Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee wayita waajjira mootummaa Somaaliyaa keessa hojjechuuf carraa argatanitti dhimma Afaan Oromoo fi qubee irratti qiyyaafatan.

Bara 1965 sagantaan raadiyoo Afaan Oromoo Moqadishoo irraa darbuu kan jalqabe tattaaffii isaan godhaniin ta'uu dubbatu Sheek Kaalid Rashaad.

Raadiyoo sagantaa Afaan Oromoo jalqaba daqiiqaa 15 achiis gara 30tti achirraa ammo gara sa'atii tokkootti guddate.

Garuu qormaatis isaan mudateera jedhu Sheek Kaaliid Rashaad Abdullee.

''Wayita sana Raadiyoo Maqadishoo akkaan jaal'atamuu eegale. Isa booda Haayilasillaaseen Raadiyoo Afaan Oromoo kan biraa magaalaa Hararitti eegalsiise. Ergaa raadiyoo Moqadishoo irraa dhufte gufachiisuuf waan hedduu hojjetan.''

Wayita raadiyoo Moqadishoo keessa hojjechaa turetti artistoota garee Afran Qalloo hedduu akka utubaa turanis dubbatu.

Bara bulchiinsa mootii Haayilasillaasee wayita rakkoon gareen Afran Qal'oo hudhee qabetti kan Somaaliyaatti waamee da'oo ta'eef Sheek Mohammad Rashaad Abdulleeti jedhu ilmisaanii Sheek Kaaliid Rashaad.

''Yeroo jalqabaatiif Moqadhishootti garee Afran Qalloo simatee kan meeshaalee muuziqaa ammayyaa biteefii humna ta'eef Sheek Mohammad Rashaad Abdulleeti.''

Mootii Somaaliyaa yeroo Sanaa Ziyaad Barree biratti fudhatama guddaa kan qaban Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee wayita sana hundeessitoota dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo waliin qindoomuun waa'ee Oromoo fi Oromummaarratti xiyyeeffatanii hojjetaa turan akka Sheek Kaaliid jedhanitti.

Qubee fi Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee

Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee wayita Somaaliyaa turanitti hojii guddaan isaan hojjetan keessaa tokko Afaan Oromoo guddisuu ture.

Aadaa fi Tuurizimii biyyattii keessa wayita hojjetaa turanitti hayyoota biyyattii waliin ta'uun afaan Somaaleetiif qubee moggaasan.

Wayita kana hojjetan garuu kaayyoon dhokataan isaanii keessa Afaan Oromoo fi qubee babal'isuu ture.

Hawwiin Sheek Mohaammad ittumaa milkaa'aa deemee bara 1973 kitaaba Furaa Afaan Oromoo jedhamu qubee Afaan Oromootiin barreessanii dhiyeessan.

Qabsaa'onni isaan booda dhufan kitaaba isaanii kana bu'uura godhachuudhaan qubee Afaan Oromoo guddisuu, ittiin barreessuu fi ittiin hojjechuu eegalan.

Kitaabni Mohaammad Rashaad Abdullee Furtuu jedhamu miseensota gameeyyii Adda Bilisummaa Oromoo harka seenuun Somaaliyaa, Sudaan, Jibuutii fi Itoophiyaa keessa naanna'ee ittiin barsiifamaa ture jedhu Sheek Kaaliid.

Gara biyyoota Arabaatti maaliif deebi'an?

Sheek Mohaammad Rashaad Abdullee osooma karaa Raadiyoo Somaalee dhimmoota amantii barsiisanii bara 1983 Hagayya keessa gara biyyoota Arabaa ergaman.

Wayita sana haala amantii Islaamaa naannawa biyyoota Baha Afrikaa qorachuuf akkasumas seenaa ummata Somaaliyaa qorachuuf biiroo aadaa Somaaliyaatiin gara Sa'uudii, Kuweet, Iraaq fi Yaman ergaman jedhan Sheek Kaaliid.

Sheek Mohaammad garuu dalagaa deemaniif cinaatti waa'ee ummata Oromoo biyyoota Arabaatti beeksisuu fi seenaa Oromoo qorachuun barreessuu eegalan jedhu.

Erga hojiisaanii geessaniis gara Moqadishoo deebi'uu dhiisanii Sa'uudiitti hafanii waa'ee Oromoo kana itti fufe jedhan.

Ergasii mootummaa Somaalee waliin waldhabanii Sa'uudii Arabiyaa turanii kitaaban Afaan Oromootiin barreessuu fi kan Afaan Arabaan barraa'an gara Afaan Oromootti hiiku eegalan.

Hiikaa Qur'aanaa…

Uummanni Oromoo akkamiin afaan isaatiin amantii Islaamaa barachuu akka danda'u kan hojjechaa turan Sheekh Mohammed Rashaad yeroo jalqabaaf qur'aana guutuu Afaan Oromootti hiikuudhaan nama milkaa'aniidha.

Qur'aana guutuu Afaan Oromootti hiikuun waggaa 25 itti fudhate kan jedhan Sheek Kaaliid Rashaad namni kan ittiin isaan beeku Qur'aana hiikuudhaan ta'ullee isaan garuu kitaabota amantii 29 Afaan Oromootiin qopheessaniiru jedhan.

''Hanga ammaatti kan uummata bira ga'e hiikaa qur'aana qofa. Kanaan booda kitaabolee isaanii biro kan hanga ammaatti hawaasa bira hin geenye dhiyeessuuf jirra. Kitaabilee amantii, kan seenaa Oromoo, hiikaa jechootaa kan Afaan Arabaa irraa gara Afaan Oromootti hiiku hedduutu jiru.''

Qur'aana Afaan Oromootti kan hiikanirratti dabalataan sagaleedhaanis waraabuudhaan kaasetaan qopheessaniiru.

''Bara 1990 magaalaa Madiinaa keessatti qur'aana guutuu kaasetaan maxxansan. Baruma sana fuudhanii kaaseta biyya galchanii raabsan.''

Kitaaba amantii malees tooftaawwan riphee lotummaa, Seenaa gaanfa Afriikaa, Geerarsa Oromoo, Seenaa Ahmad Giraanyi, Akkaataan qubeen Afaan Oromoo itti taa'urratti kitaaba hedduu barreesaniiru.

Qur'aana Afaan biraatti hiikuun akkaan kan ulfaatuu fi humna dandeettii fi maallaqa guddaa kan gaafatu ta'us Sheek Mohammad Rashaad garuu hamilee fi fedhii qabuun of utubee milkaa'eera.

Gargaarsa tokko malee ifaajee waggoota kurna saditti siiqu booda waan guddoo kana uumatasaaniif gumaachan.

Ifaajeesaanii kana qormaanni hedduun mudateera, Afaan kun Qur'aana ittiin hiikuuf ga'umsa hin qabu ittiin jechaa turan.

Sheek Mohammad Rashaad Abdullee Qur'aana barreeffamaanis ta'e sagaleedhaan Afaan Oromootti kan hiikeef irraa fayyadamuuf osoo hin taane uummatasaa wal'aalummaa jalaa baasuuf ture.

Hojiisaas erga maxxansiisee booda tola uummatasaaf hire.

Afaan Oromootiin waan gurguddaa hojjechuun akka danda'amu ifaajee mataasaatiin addunyaatti mul'iseera.

Akkuma olitti ibsametti, Sheekh Mahammad Rashaad nama barnootaa ti. Hayyuu afaan Oromoo, Soomaalee fii Arabaa ti. Amantii malees, Falsafaa, taligaa haala namaa, heera taliga`aa, Ilminnafsi, Joograafii fii barnoota miya lolaa nama barate. Sheekni barruu leexaa malees nama

Kitaabota waa'ee Amantii Islaamaa Afaan Arabaa fi Afaan Oromootiin barreessuun akkasumas hojii aartii fi guddina Afaaniirratti hojjetaniin giti digirii lammaffaa(MA degree) kennameeraaf.

Dandeettiisaanii akkuma cimsataa deemaniin akkasumas tajaajila barnootaa bilisaan akkuma hawaasaaf kennaa deemaniin hojiisaanii kanaaf Yuuniversitii biyya Ingiliiz irraa digirii sadaffaa(PhD) argatan.

Sheekh Mohammad Rashaad Abdullee bara 2009 jiruu baqqaa guutummaatti dhiisanii biyya Sa'uudii irraa gara biyyaa galan.

Waggoota Afuriif magaalaa Adaamaa erga jiraatanii booda bara 2013 ji'a 5ffaa guyyaa 25 tti magaalaa Dirree Dhawaatti imalanii turban lama keessatti umurii waggaa 79tti aakiraman.

Haala maatii...

Sheek Mohammad Rashaad ijoollee dhiiraa afurii fi dhalaa tokko walumatti abbaa ijoollee shanii turan.

Sheek Mohammad Rashaad erga gara biyyaa deebi'aniis ejjennoosaanii duraaniirraa duubatti hin jenne.

Waan itti dhagahame dubbachuu, waan dabe dubbatanii sirreessuu fi mirga namaaf falmuu ittuma fufan.

Keessattuu wayita mootummaan amantii keessa seenee laaqaa ture jedhametti yaadasaanii gumaachuun dogoggora ta'uu dubbachuusaaniitiin akka hacuucamaa turan himu Sheek Kaaliid Rashaad.

''Gumaacha Sheek Mohammad Rashaad Abdulleef bakki malu hin kennamne''

Ijoollee Sheek Mohammad Rashaad Abdullee keessaa lammaffaarratti kan dhalatan yeroo ammaa magaalaa Makkaa kan jiraatan Sheek Kaaliid Rashaad gumaachi abbaasaanii galata malee hafe jedhan.

''Kitaabban isaanii fi seenaa isaanii akkan olkaa'ee uummata Oromoof qoodu amaanaa natti dhiisanii du'an. Uummanni keenya garuu nama waan guddaa gumaacheef kana maqaasaanii kaasuu waan barbaadan hin se'u. An garuu hojiisaa olkaa'een jira waan ta'eef uummata biraan ga'uuf qophaa'aan jira.''

Akka namoota Oromoof waa gumaachan kan biroof xiyyeeffannaa kennu maatii Sheek Mohammad Rashaad Abdullee mootummaan iyyaafachuu dhabuusaatti ni komanna jedhan Sheek Kaaliid Rashaad.

Keessattuu haati warraa Sheek Mohammad Rashaad isaan amma magaalaa Adaamaa jiran akkaan gargaarsa barbaadu jedhan.

Kanaafuu mootummaa naannoo Oromiyaas ta'e uummanni Oromoo nama seenaa boonsaa qusateefii darbe kana yaadachuun akka maatiisaa gargaarun gaafadha jedhan Sheek Kaaliid Rashaad.