Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waldhabdee Karrayyuufi Ituu fala hin arganne
Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaallee keessatti waldhabdeen gosa oromoo lamaan Ituu fi karrayyuu gidduutti erga uumamee bubbuleera.
Jiraattonni naannichaa akka dubbatanitti waldhabdee baatii Muddee keessa eegale jedhame kanaan lubbuun namootaas darbeera. Kan qe'ee isaanirraa buqqa'anis jiru jedhu.
Waldhabdeen kun akka furamuuf jarsummaan yaalaa kan jiran maanguddoon Aanaa Boosat Obbo Qumbii Waaqayyoo hanga ammaatti gosa lamaan irraa namootni 23 ta'an ajjeefamuu hubanneerra jedhu.
Qondaalli nageenyaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Habtaamuu Bantii namonni qe'eerraa buqqa'aan akkasumas kanneen du'an akka jiran mirkaneessu. Garuu, lakkoofsa namoota du'anii 'adda hin baafanne' jedhan.
Maddi waldhabdee maali?
Obbo Qumbiin ka'uumsi waldhabdee kanaa dhimma sirna gadaa akka ta'e himu.
Warri Ituudhaa Odaa Bultuum jala kan jiran yoo ta'u Karrayyuun ammoo Odaa Nabeeti.
Aanaa Fantallee keessa baay'inaan kan jiru jedhamee kan amanamu warra Ituu ta'anis sirna gadaa karayyuu jala jiru,. Garuu, asiitii adda ba'anii ofiin gadaa biraa dhaabbachuu barbaadu kanatu waldhabdee kana uumee jedhu.
Kana furuuf Abbootiin Gadaa Odaa Bultum fi odaa Nabee irraa wamamanii "Gadaan ja'a ta'uu hin danda'u Gadaan Shanidha. Baayyatanniis kun hin geeddaramu," jechuun deebii akka kennaniif himu.
Ta'us garuu hanga ammaatti "waarri Ituu 'Karrayyuu gara Boosat galchina, warri Karrayyuu ammoo warra Ituu Awaash gamas ceessisna" jechuun walitti dhaadatu jechuun Obbo Qumbiin BBCtti himaniiru.
Jaarsoliin Boosat irraafi Arsii Jajuurraa seennee jarsummaan kana yeroo ilaallu dhibbaan duuba akka jiru hubanneerra jedhu Obbo Qumbiin.
"Namootni baratanii sadarkaa ofii foyyeeffatanii ofii magaalaa jiraatan hawaasa kana kakaasuun gara hin taanetti kan kaaseefi waraanatti kan gashe isaani" jechuun komii isaani himu.
Sochiin mootummaan gochaa jiru "waraanarratti waraana dabaluudha malee wanti qabbaneessa deeman tokkollee hin jiru" jechuun himatu.
Waldhabdeen kun erga eegale bubbuleera kan jedhan Hogganaan Itti - Aanaa waajjira Bulchiinsaa fi Nageenya Godina Shawaa Bahaa Obbo Habtaamuu Bantii hanga ammaatti dubbiin kun karaa nagaan akka hiikamuuf manguddoota gosa lamaanii waliin mariin gaggeefamaa jira jechuun himu.
Dabalataanis "waldhabdeen kun akka jiraatuuf sababa kan ta'u ummata osoo hin taane duubaa ta'uun faayidaa addaa addaaf warreen gosa kana walitti buusanidha," jedhu Obbo Habtaamuun.
Furmaanni maali?
Waldhabdee kana karaa nagaan furuuf yaaliin baayyee taasisame akka tures dubbatu.
"Akka furmaatatti motummaarraas ta'e Abbootii Gadaa irraa yaadni dhiyaateru warreen walitti dhukaasan akka dhaaban, kan buqqa'an qe'eetti akka deebi'an, kanneen gosa lamaaniirra ajjeefamaniif ammoo akka aadaa Oromootti araarri bu'ee gumaadhaan haa xumuramu kan jedhudha" jedhu Obbo Habtamuun.
Kanaan dura gosti lamaan waldhabdee hin qaban turanii kan jedhan maanguddoon naannichaa Obbo Qumbiin gosti lamaanuu walirraa fuudhee, walirraa dhalchee waliin soddummaan jiraatu turani jechuun dubbatu.
"Nama bifaanu kana jennee addaan baasu hin dandeenyedha," jedhu.
Dhufteen gosa Ituu gara Harargee irraa ta'us dhalootni Ituu amma Aanaa Fantallee keessa jiru achumatti dhalatee guddate jedhu.
Muddee keessa maanguddooti Boosat fi Jajuu irraa walitti qabamnee deemne warra Ituus warra Karrayyuus dubbisne turre jedhu Obbo Qumbiin.
Ta'us yeroo sanatti nuti lamaan Oromoodha wal loluu hin qabnu jedhanis boodarra itti waan deebi'aniif dhugaasaa osoo aggarruu waanuma qabannu dhabnee rakkannee keessaa baane jedhu.
Obbo Qumbiin ammatti maanguddoonnifi Abbootiin Gadaa walitti qabamnee dhimma kana maaliif callistanii Ilaaltu jechuun komii keenya Pirezidantii Naannoo Oromiyaaf dhiyeessuuf karoorfannee jirra jedhu.
Hanga ammatti garuu isaan argachuu akka hin dandeenye himaniiru.