Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Majlisa Itoophiyaa: "Mootummaan miidhamtoota Mooxaa cinaa hin dhaabbanne"
Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa haleellaa naannoo Amaaraa magaalaa Mooxaatti Mudde 10 bara 2012 A.L.I raawwateen warra miidhamaniif deeggarsa taasifame ilaalchisuun har'a ibsa laateera.
Manni marichaa ibsa kenne kanaan mootummaan federaalaas ta'e kan naannoo miidhamtoota Mooxaa cinaa hin dhaabbanne jechuun komateera.
Manni marichaa miidhamtoota halleellaa Mooxaa deeggaruu fi masjiidota miidhaman deebisanii ijaarsisuuf tumsa galii sassaabuu taasifameen biyya keessaa qofa birriin miiliyoona 208 ol walitti qabamuusaa beeksiseera.
Dabalataan lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraataniin deeggarsi meeshaalee tilmaamni isaanii birrii kuma 700 ol ta'u taasifamuun isaa ibsicharratti himameera.
Ibsicharatti kan argaman Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Mufti Haji Umar Idriis "wanti Mooxaatti mudate musliimota qofa osoo hin taanee kiristaanotallee kan rifachiise ture" jedhan.
"Tumsi deeggarsa walitti qabuu taasifames dinqisiisaa fi kan uummatni Itoophiyaa aadaa walgargaarsa isaa itti agarsiise" jechuun kan himan Mufti Haji Umar Idriis hojiin maallaqa walitti qabu har'arraa eegalee akka dhaabbatu beeksisaniiru.
Barreessaa Olaanaan Mana Marichaa Sheek Qaasim Mahaammad Taajuddin "kanaan booda haala kamiinuu maqaa miidhamtoota Mooxaa fi mana marichaatiin sochiin deeggarsa sassaabuu kan hin taasifamne ta'uu ni beeksifna" jedhan.
Hojiin itti aanus maallaqa sassaabameen hojiin miidhamtoota deebisanii dhaabu fi masjiidota diigaman ijaarsisuu akka ta'e Sheek Qaasim Mahaammad himaniiru.
"Qaamni mootummaa miidhamtoota cinaa dhaabbate hin jiru…"
Manni Maree kun "miidhamtootni gochaa shororkaa kanaa miidhaa diinagdee, hawwaasummaa fi xin-sammuu ifatti mul'atu osoo qabanuu mootummaa federaalaas ta'e mootummaa naannoo akkasumas dhaabbilee gargaarsaa miti-mootummaa irraa deeggarsa gochuu fi miidhamtoota cinaa dhaabbachuf kan yaale hin jiru" jechuun komateera.
Dabalataan manni marichaa mootummaan naannoo Amaaraa masjiidota gubatan akka ijaarsisu fi namoota miidhaman deebisee akka dhaabu gaafateera.
Mootummaan naannichaa deeggarsa gochuuf waadaa seenuu isaas barreessaa olaanaan mana marichaa Sheek Qaasim Mahaammad Taajuddin himaniiru.
Kana malees mootummaan namoota balleessaa raawwatan irratti tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu abdii qaban himaniiru.
Gara fulduraattis mootummaan nagaa fi tasgabbii lammiilee eegsisuun itti gaafatamummaa isaa akka bahatu fi taateen akka magaala Mooxaatti raawwatame akka irra hin deebinef hojjechuu akka qabu dhaaman.
Dhummarrattis manni marichaa namoota fi dhaabbilee tumsa gargaarsa waliti qabuu keessatti qooda bahatan galateeffateera.