Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mana Maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa: 'Haleellaan masjiidota Mooxaa karooraan raawwatame'
Manni maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa haleellaa torbee tokko dura masjiidota magaala Mooxaatti raawwatame ilaalchisuun ibsa laatera.
Manni marichaa haleellaan 'gochaa shororkeessummaadha' jedhee kun kan qophii fi karoora yeroo dheeraan raawwatame akkasumas kan poolisootni fi hooggansi magaalichaa irratti hirmaatan ta'uu hime.
Manni maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa gochaa magaalaa Mooxaa keessatti raawwatame akka qulqulleessu fi hordofuf koree namoota sagal qabu hundeessee sana boodas jilli namoota afur qabu gara magaala Mooxaa akka imanu taasisuu isaa ibsicharratti himamera.
Jiilli kunis hawaasa musliimaa magaala Mooxaa fi angaa'ota mootummaa naannoo Amaaraa walin mari'achuufi dabalataan manneen amantaa fi dhaabbilee daldalaa haleellichaan miidhaman daawwachuusaa himameera.
Gabaasa kana miidiyaalef kan dhiyeessan Ustaaz Badruu Huseen gocha raawwatameen xiinsammun hawaasa musliimaa magaalichaa miidhamuusaa taajjabne jedhan.
"Dhimmichi yakka karoorfatamee poolisootni fi angawootni mootummaa irratti hirmaatanii kan raawwatamedha jechuun hirmaattotni marichaa nutti himaniiru" jedhan.
Gama biraatin daawwii masjiidota haleellaan irratti raawwatame ilaalchisee masjiidni tokko guutumaam guututti ibiddaan barbadaa'uu isaa, kan biroo sadi ibiddaan yemmuu miidhaman masjiidni kan biraa tokko immoo dhagaadhaan miidhamuu isaa Ustaaz Badruu himan.
"Gamoowwan lama, suuqiwwan 167, konkolaataa fee'umsaa tokko fi konkolaataawwan abbaa goommaa sadii lama gubachuu isaanis taajjabneerra" jedhan.
Dabalataan kitaabileen amantaa gubachuu isaanii gabaasni garee gara naannoo Amaaraa imalee ni hima.
Haleellaan magaala Mooxaatti raawwatame karooraan raawwatamuusaa kan himu ibsi garichaa humni addaa naannichaa magaala Baahirdaar irraa gara magaala Mooxaa akka hin seennef iddoowwan garaagaraatti daandiwwan cufamanii turan jedha.
Kana malees wayita haleellaan raawwatamutti musliimootni masjiidota fi dhaabbilee daldalaa haleellaa irraa akka hin dhorkineef qaamolee nageenyaan manaa akka gadi hin baane dhorkamanii turan jedha.
Akka waliigalaattis tilmaamni gatii qabeenya haleellichaan barbadaa'e birrii miiliyoona 450 akka ta'u gareen qorataa gara naannoo Amaaraa imale himeera.
Gaafii hawaasa musliimaa fi marii angawoota mootummaa walin taasifame
Hawaasni musliimaa magaala Mooxaa qaama nageenyaa magaalichaa irraa amantaa akka hin qabne kan hime gareen mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa mootummaan naannichaa hawaasa musliimaa magaalichaaf eegumsa amansiisaa akka taasisu gaafateera.
Dabalataan kunneen balleessan tarkaanfin seeraa akka irratti fudhatamu, mootummaan naannichaa beenyaa hamilee fi qabeenyaa akka kaffalu akkasumas musliimotni guyyaa Dilbataa hojii akka hin hojjenne dhorkamuun yaa dhaabbatu jechunis gaafateera.
"Mirkaneessi abbummaa qabiyyee lafa madrasaa fi iddoo awwaalchaa akka nuuf kennamu ni gaafanna jedhaniiru" jechuunis Ustaaz Badruu himan.
Hogganaa waajjira pireezidantii naannoo Amaaraa kan ta'an Obbo Zalaalam Lijaalam fi hogganaan biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannichaa Obbo Tatakkaa Baqqala walin mari'achuu isaani kan himan Ustaaz Badruu Huseen angaa'ota kunneenin haala gaarin keessumeeffamuu isaani himan.
"Hooggantootni kunnen gaaffiwwan dhiyeessineef mara deebisuuf fedhii akka qaban nutti himaniiru."
"Mootummaa naannichaarraa amantaa dhabuu akka hin qabnes hubachiisaniiru. Preezidaantichi amma biyya keessa akka hin jirre fi qabxiilee ka'an akka itti himan fi deebin akka itti kennamu waadaa seenaniiru" jedhan.
Callisni preezidaantii naannichaa (yeroo ammaatti biyya alaa kan jiran) hawaasa musliimaa gaddisiisuu isaas Ustaaz Badruun dubbataniiru.
Gaafiiwwan Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa
Manni marichaa ibsa miidiyaalef har'a laateen hawaasni musliimaa iddoowwan biyyattii garaagaraatti dhiittaan mirgaa irratti raawwatamaa akka jiru hime.
Akka fakkeenyaattis naannoo Amaaraatti haleellaa meeshaa waraanaan deeggarame, naannolee Amaaraa, Oromiyaa, naannoo Kibbaa fi magaala Finfinnee keessatti diigamuu fi gubachuu masjiidotaa akkasumas dhorkamuun iddoo kadhannaa fi awwaalchaa naannoo Tigraay furmaata akka argatanif gaafateera.
Kana malees miidiyaaleen odeeffannoo haqa qabeessa ta'e gabaasuu irratti hanqina akka qabaniifi kanas akka sirreessan gaafatera.
Qaamoleen federaalaa akka waajjira ministira mummee, ministeerri nagaa fi kunneen biroon rakkoolee hawaasa musliimaa kunneen hubachuun furmaata akka laatan manni marichaa gaafateera.
Kana malees ibsi mana marichaa "dhaabni musliimota Itoophiyaa majliisni yeroo gabaabaa keessatti qaama seerummaa argatee labsiidhaan akka dhaabbatu gaafanna" jedha.