Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jawaar Mahaammad: Eegdotnisaa ka'uun nageenya isaaf yaaddessaadha?
Xiinxalaan siyaasaa fi miseensi KFO, Obbo Jawaar Mahaammad eegdotni mootummaan ramadeefii ture afur akka ka'an poolisiin federaalaa murteessuu BBCtti himan.
Jawaar erga poolisiin federaalaa murtoo kana irra gahuu natti himee eegdota koo waliin irratti mari'anneerra jedhe. Isaanis isa dhiisanii deemuu akka hin barbaanneefi isuma biratti hafuuf akka murteessan natti himan jedhe Jawaar.
Rogeessa beekamaa fi dhiyeenya ammoo paartii KFOtti makamuun sochii duula filannoo gaggeessaa kan jiru Jawaar osoo baadiyyaa keessa jiruu Komishinii poolisii federaalaa irraa bilbilameefii eegdota isaa kaasuu akka barbaadan itti himamu dubbata.
Haa tahu malee baadiyaa keessa waanan jiruuf yeroon deebi'u mari'anna jedheen itti himee ture jedha. Kanumaan erga eegdota koo waliin irratti walii gallee booda qondaala poolisii federaalaa kan tahan komaander Indashaaw jedhaman waliin mari'anne jedhe.
Eegdotni koo ''maqaa fi suuraan isaaniis bakka hedduutti ibsamaa waan tureef nageenya isaaniifis sodaachisaa akka tahe fi kanaaf anuma bira turuu akka barbaadan natti himan.''
Anis kanuma irraa ka'uun dhaqeen maal irratti akka walii galle poolisii federaalaatti hime jedha Jawaar.
Dhimma kana irrattis ergan qondaala poolisii federaalaa komaander Indashaaw jedhaman waliin mari'adhee isaanis eegdotni koo akka miseensa poolisii keessaa baafamaniif akka murteessaniifi anuma biratti hafan waliigalle jedhe.
Kanumaan kaleessa eegdotni isaa meeshaa mootummaa isaan bira jiru hundaa deebisanii isa biratti hafuu isaanii hime Jawaar.
Eegdota dhuunfaa fi carraa eegdota Jawaar
Jawaar kanaan duras mootummaan ''diinota baay'ee qabda, nageenyi kee nageenya biyyaa waliin wal qabata, kanaaf eegdota siif ramaduutu barbaachisa' jedhaniiti kan naaf ramadani jedhe.
Ammas murtoon fudhatan murtoo siyaasaa tahuu mala jedhe. Kunis uummata keessa socho'uun duula gaggeessaa jirru kana yoo eegdota isaa kaasne sodaatee hafa jedhanii tahuu mala jedhe.
Jawaar kana boodas uummata koo keessa waanan jiruuf hojii dhaabaa akkuman jalqabettan itti fufa jedhe. Waanti na sodaachisus hin jiru jedhe.
''Qofaa koos yoon tahe uummata koo keessa socho'een cimsee hojjedha malee kun waan duubatti na deebisu miti.''
Gama biraan eegdotni isaa miseensummaa poolisii keessaa yoo bahan miindaan mootummaa irraa argatan hin jiru. Kanaaf carraan isaanii maal taha? gaaffii jedhuuf Jawaar, 'anuma waliin itti fufu' jedhe.
Kanaan dura halkan walakkaa eegdotni Jawaar akka ka'aniif poolisiin federaalaa murteessuu waliin wal qabatee wal dhabdeen uumame ture. Kanaanis hiriirri mormii magaalota Oromiyaa bakka garaagaraa keessatti gaggeeffameera.