Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Dubartii tahuukoo mirkaneessuuf poolisiin uffata akkan baasuuf na dirqisiise'
Dubartiin Keeniyaa konkolaataa uummataa irratti gargaartuu taatee hojjettu sababa areeda akka dhiiraatti qabduuf jecha poolisiin uffata ishee baastee saala ishee akka agarsiiftuuf ishee dirqisiisuu himte.
Tereesaa Mubaayi BBCtti akka himtetti poolisiin tiraafikaa magaalaa Naayiroobii dubartoota biroo waliin ishee adabuun mana hidhaa akka ishee galchan himte.
Poolisoonni lama dhufanii akka uffatakoo ofirraa basuuf na ajajan jette. Ergan of irraa baasee na ilaalanii maal akka argan hin beeku. Garuu akkan gara kutaa mana hidhaa sanatti deebi'u qofa natti himan jette.
Waan bara 2018 keessa ishee mudate kana ammayyuu akka waan haaraan amma ishee mudateetti akka isheetti dhagahamu dubbatti.
Ragaawwan agarsiiftee akka mana hidhaatii baate himte.
Waan ishyee mudate kana irraa ka'uun mirga dubartootaaf falmuu akka jalqabdes himtee dubartootni seenaa wal fakkaataa qabanii fi poolisiidhaan miidhaan isaan irra gahu as bahanii dubbachuu akka qabanis himti.
Mubaayiin akka areeda baastu kan godhe hormooniin qaama ishee keessaa wal madaaluu dhabuu isaa irra kan ka'e akka tahes himteetti.
Akka shamarree tokkootti yeroo hundumaa akka of irraa haadaa turte himuun booda irra garuu gogaan ishee waan rifateef akka dhaabde himte.
Kunis yeroo hundumaa haaduu irraa kan ka'e akka gogaa isheerra miidhaa geessise himte. Areedni ishee waan guddataa adeemeef akka namootni ishee hin argineef galgala qofa suuqii deemtee waan barbaaddu bitattee galaa akka turte himte.
Jireenyi waan itti cimeef gargaartuu konkolaataa deddeebisaa uummataa taatee hojjechuu jalqabde.
Amma Mubaayi miseensa waldaa dubartoota Keeniyaa areeda qabaniiti. Shammarran areeda qaban akka ofitti hin qaanofneef jajjabeessiti.