Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barreessaan beekamaa Keeniyaa Binyaavaangaa Waayinaayinaa du'e
Barreessaan beekamaa lammii Keeniyaa Binyaavaangaa Waayinaayinaa du'e.
Barreessaan kuni du'u isaa obboleessi isaa Jeemis jedhamu gaazexessaa BBC'tti himeera.
Barreessaa Afrikaa keessaa beekamaa keessaa tokko kan ta'e lammiin Keeniyaa kuni dhukkubsachaa turu maatiin himaniiru.
Barreessaan kun kitaaba 'How to Write About Africa' barreesseen beekama.
Bara 2015'tti dhukkuba istirokiin dhibamaa ture.
Binyaavaangaan mirga namoota 'LGBT'f mormuun beekama. Badhaasota kaan dabalatee bara 2014 badhaasa Kaayen (Caine Prize) fudhateera.
Barreessaan umurii 48'n du'e kuni bara 2014 namoota dhiibbaa uuman addunyaa keenyaa 100 barruu Taayimin filataman keessaa tokko.