Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maraatoonii Dubaayirratti atileetonni Itoophiyaa dhiiraafi dubaraan mirgaan galan
Fiigicha Maraatoonii Dubaayitti halkan gaggeeffameen dhiirotaan Oliiqaa Adunyaa Biqilaa yoo injifatu dubartootaan ammoo Warqinesh Dagafaa mo'ateetti.
Atileet Oliiqaan sa'aatii 2:6:15n xumuruun sadarkaa 1ffaan yoo xumuru Atileetotni Itoophiyaa biroon ammoo 3ffaatii hanga 10ffaatti sadarkaa jiru qabachuun mo'ataniiru.
Atileetiin lammii Keeniyaa Elud Kipchoogee waliin shaakalaa ture Erik Kiptanu dorgomaa cimaa taha jedhamee eggalamaa ture. Erik dorgommii kana sadarkaa lammaffaani kan xumure.
Salamoon Deeksisaa dorgommii kana irratti ni mo'ata jedhamee tilmaamni kennameef ture. Salamoon fayyaa gaarii irratti akka argamuufi dorgommicha mo'achuuf qophii tahuu himus atilet Oliiqaan ol aantummaan xumureera.
Dorgommii dubartoota gidduutti gaggeeffameen ammoo Atleet Warqinash Dagafaa sa'aatii 2:19:37n 1ffaa bahuun xumurte.
Warqinesh kaleessa gaaffif deebii BBC waliin taasifte irratti dorgommii kanaaf qophii tahuu ishee ibsiteetti. Dabalataan Dubaay anaaf bakka mijataadha jechuun ture kan dubbatte.
Dorgommii kana irratti sadarkaa 2ffaan kan xumurte ammoo atleet Guutanii Shoomee sa'aatii 2:20:11 dorgommicha xumurte.
Atleet Badhaatuu Hirphaa sa'aatii 2:21:54 sadarkaa 3ffaan yoo xummurtu, Atleetonni Ityoophiyaa biroos sadarkaa 4ffa hanga 9ffaatti jiru qabachuun olaantummaan xumuraniiru.
Dirree kana irratti Warqinash Dagafa bara Faranjootaa 2017 injifachuun ishee kan yaadatamudha.
Maaraatooniin Duubaay erga eegalamee atleetonni Ityoophiyaa walii gala dubartootan yeroo 15, dhiirotaan yeroo 14 injifataniiru.