Haleellaa Awutoobisii Keeniyaa: 'Imaltoonni kiyyaa akkuma obbolaawwan kiyyaati'

"Ani goota miti," jedha konkolaachisaan baasii imaltootasaa haleellaa garee al-Shabaab irraa baraare Raaymoon Jumaan.

Konkolaachisaan kun imaltoota isaa 47 ta'an Baha Keeniyaatti haleellaa milishoota al-Shabaabirraa baraaree ture kan kana dubbate.

"Imaltoonni kiyyaa akkuma haadha kiyyaa, obboleessaafi obboleettii kiyyaati."

"Ani akkuma namni kamiyyu lubbuu ofiifi namoota jaallatu oolfachuuf taasisun godhe," jechuun BBC'tti hime.

Obbo Jumaan baasiiwwwan dhaabbata Mobaasaa Raahaa lama keessaa tokko konkolaachisaa ture yeroo namoonni hidhatan gaafa Amajjii 2 daandii magaalota Mombaasaafi Laamuu gidduutti haleellaa irratti raawwatan.

Namoonni uffata loltuu uffatan kunneen duubaan dhufuudhaan dhuukaasaa dhukaase konkolaataa akkan dhaabu na ajaje jedha Raaymoond.

"Wantichi waan filmii sodaachisaa irratti aggarru fakkaata" jedhe. Ta'us garuu ittuma fuufee konkolaachise.

"Yeroo ani konkolaachisuu itti fuufe kallattiidhaan gara konkolaataakootti dhukaasani. Yoon konkolaaticha dhabee anaafis ta'e imaltoota kiyyaaf akka dhumun bare."

"Akkuma rasaasni dhukaafameen namoonni iyyaa turan. Daawwitii xiqqoo qabuun wantoota lafarratti kufaan arge."

'Jireenya kiyya keessatti akka yeroo sanaa sodaadhee hin beeku'

Rasaasni dhukaafame konkolaataa cinaan goommaa dhahuun imala isaanii gufachiiseera.

"Yeroon dhaabbadhu.... namoonni karaa foddaa konkolaataa utaalanii baqachuu jalqabani. Namoonni gara bosonaa dabalatee gara iddoo garagaraatti fiigaa turan."

Namni ganna 46 ta'eefi abbaan ijoolleen afurii kun akka jedhutti hanga konkolaachisaan baasii biraa isa argee dhaabuufitti gara saatii tokkoof fiige.

"Taateen kun jireenya kiyya keessatti yeroo baay'ee sodaadhedha, " jechuun miira sodaan sagalee isaa hollachaa dubbata.

"Rabbitu nu gargaaree, konkolaataanis hin garagaliin hafee lubbuun baraaramuun keenyaa carra qabeeyyiidha."

Konkolaachisaan konkolaataa kan lamaffaa, Abuubakar Heemeed, garuu carra qabeessa hin turre.

'Gargaaraan kiyya ajjeefamee ture'

Isa dura maaltu akka mudatee ture utuu hin beekiin, wanta hidhattoonni isa ajajan mara ni raawwate. Namoonni hidhatan qaamolee nageenyaa se'ee konkolaataas dhaabsise.

Imaltoonni 41 hundi akka bu'an ajajaman.

"Imaltoota hundi Shahaadaa Musliimaa akka qabatan itti himame. [Shahaadaa jechuun amantaa fudhachuu agarsiisuu jechuudha.]

Innuu hedduu sodaatee Musliima ta'us ofiis Shahaadaa sana raawwachuu eegale.

Namoonni konkolaataa keessa turan 3 garee al-Shabaabiin ajjeefamaniiru. Namoonni heddus mada'anii kan turan yoo ta'u ammatti hospitaala galuun dandamachaa jiru.

"Wanta akkasii keessa darbuun akkamiin sammuukee gadhiisa?"

"Gargaaraankoo hidhatootaa kanaan ajjeefame. Bayyee laphee nama cabsa. Ibsuu hin danda'u."

"Leenjisaan kiyya namoota hidhataniin ajjeefameera. Baay'ee nama sodaachisa. Ibsuu hin danda'u."

Namoonni muraasni utuu hidhatoonni itti dhukaasanii fiigaanii baqachaa turan garummaan isaa namni tokkollee rasaasaan hin dhahamne jedha.

"Akka konkolaachisaa tokkotti seenaa haleellaa al-Shabaab daandii kanarratti ta'uu heddu ni dhageessa ta'us garuu taatee akkanaaf wanti si qopheessuu tokkollee hin jiru, " jedha Obbo Heemeed waggoota shaniif daandii kanarra kan konkolaachisaa turan.

Al-Shabaab haleellaa torbee darbe konkolaataa ummataa irratti taasiseef itti-gaafatamummaa fudhatuu baatus daandii kanarratti waggoota muraasaaf haleellaa walfakkaatu raawwateera.

Keeniyaan al-Shabaab loluuf Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii gargaaruuniifi Gamtaa Afriikaa waliin ta'uun loltooshee Soomaaliyaa keessaa qabdi.