Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaa: Boombii daandiirratti dhoheen poolisoonni hedduun du'an
Boombii kaleessa Keeniya daangaa Somaaleetti konkolaataa poolisootaarratti dhoyeen yoo xinnaate poolisoonni saddeet du'aniiru.
Konkootichi wayita boombiicha irratti dhohuu namoota 11 fe'ee ture. Kanneen du'aaniin alattis hereen warra hafanii hin baramne.
Hanga amaattis boombicha hidhuudhaaf itti gaafatamummaa kan fudhate hin jiru.
Namni maqaan isaa hin eeramiin tokko AFP'tti akka himeetti, poolisoonni milishoota al-Shabaaba kanneen motummaa Somaaliyaa fi deeggartoota isaa Keeniyaa keessatti dabalatee waraanaa jiru shakkuun adamsuutti akka turan himeera.
Gareen al'Qaa'idaa waliin hidhate qabu kunis waggootaaf motummaa Somaaliyaa fonqolchuuf yaalii taasisaa tureera.
Riphee loltoonni kunneenis maagaalaa guddittii Somaaliiyaa, Moqaadishoo dabalatee bakkeewwan to'annoo isaanii jala turan hedduu dhabaniiru.
Haa ta'u malee, qarqarawwan baadiyaa Somaalii heddu qabachuun aanga'oota gandootaa irratti waraana riphee taasisuu ittuma fufaniiru.
Keeniyaan AMISOM waliin nageenya Somaaliyaa tasgabeessuuf hirmmaachu isheen walqabatee alshabaab irraa haleellaa fi ukkaamsa hedduun irratti raawwachaa jira. AMISOM humna Gamtaa Afriikaa cimaa loltoota 20,000 Somaaliyaatti erguun qaama mootummaa gargaaraa jiruudha.
Gama biraan ammoo, boombii Moqaadishoo keessa dhiheenya Paarlaamaa Somaalii biratti lafa sakkata'insaatti dhohee yoo xinnaate namoota saddeeti ajjeeseera.
Al-Shaabaab halleelaa kanaafi kan bira daandii gara buufata xiyyaara magaalatti geessu irratti dhohee garuu miidhaa hin geessisiin hafe raawwachu himeera.