Jastin Biiber: Weellisaan lammii Kanaadaa Jastin Biiber dhukkuba akkamiin akka qabameeru dubbate

Jastin Biiber

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Biber yaalii sirriin akka dafee bayyaannatu akka isa taasisu hime.

Weellisaan lammii Kanaadaa Jastin Baayiber dhukkuba Laaym jedhamuun qabamuu isaa hime.

Weellisaan kun kanaan duras dhibee faalama ykn infeekshiniidhaan qabamuu isaa karaa inistagiraamii [ Instagram] isaa ibsee ture.

Namootni baay'een karaa miidiyaa hawaasaa rakkoo fayyadama qoricha sammuu hadoochuu akkan qabu barreessaa turan. Kun ammoo gogaa qaama koo irratti mallattoowan argan irraa ka'uuni jedhe.

Dhukkubni kun baakteeriyaa silmiin daddarbituun kan dhufudha.

Dhukkubni kun mallattoowwan akka dhukkubbii maashaa, dadhabbii fi hooksisuu agarsiisa.

Jastin Baayiber maal jedhe?

Fuula Instagramii isaa irratti nama araada ''baala sammuu hadoochuu hamaa irra jirun fakkaadha'' garuu warri akkasitti yaadan akkan infekshinii cimaa gogaakoo, hojii sammuukoo fi fayyaakoo guutuu miidhaa jiraachuu hubachuu hin dandeenye.

Dabalataan dhukkuba silmiin dhufu Lyme' jedhamuun qabamee akka jiru ibseera.

Jastin Baayiber yaalii gaarii argachaa akka jirus ibseera. Fuulduratti dookimantarii hojjetamu irratti waa'een jireenya isaa akka ibsamus himee yeroo sana waan akkamii waliin qabsoo gochaa akkan jiru hubattu jedheera weellisaan ganna 25 Baayiber.

Fayyee isa kanaan duraa caalaa cimee nan deebi'a jechuun hordoftoota isaa Inistaagiraamii miliyoona 124 tahaniif ergaa dabarseera.

Dhukkubni Lyme kun maali?

  • Dhukkubni kun baakteeriyaan kan darbu yoo tahu silmiidhaani kan namatti darbu. Lammiileen UK 13% tahan dhibee kanaan qabamaniiru.
  • Nama irraa namatti hin darbu.
  • Mallattoowwan: Gumaa ijaa hooksisuu, dadhabbii, ho'a qaamaa- erga silmiin baattoo dhibee kanaa nama ciniintee aduu torban sadii keessatti nama irratti mul'atti.
  • Namootni baay'een dhibee kanaan qabaman yoo torban sadii keessatti farra baakteriyaa dhibee kanaa fudhatan fayyuu danda'u. Yoo sana irra darbe immoo hanga waggaa tokkootti irra turuu danda'a.
  • Namni kamiyyuu bakka marga dhedheraan jiru yoo deeman of eeggannoo gochuu qabu.