Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Giinii-Bisawu mo'atan: Ministirri muummee duraanii filannoo pirezidaantummaa mo'atan
Ministirri muummee duraanii Giinii-Bisaawu Umaaroo Sisookoo Embaaloo filannoo pirezedaantummaa biyyattiin gaggeessite mo'atan.
Umaaroo Sisookoo Embaaloo ministira muummee duraanii kan biraa waliin dorgomuun ture kan mo'atan.
Ga'eessi umuriin isaa ganna 47 ta'e kun morkataa isaanii Doominigos Simoo'es Pereeraatiin %54 fi %46 akka mo'ate komishiniin filannoo beekiseera.
Obbo pereeraan garuu "filannoon waliin dhahameera" jechuun bu'aa filannichaa akka hin fudhanne dubbataa jira.
Obbo Embaaloo erga mo'achuu isaa baree boodas rokkoo fonqolcha motummaa biyyattii keessatti irra deddebiyuun mul'atu kana nan fura jechuun waadaa galaniiru.
Biyya Afirkaa Lixaatti argamtu kana keessatti erga bara 1974 as yaaliin fonqolcha mootummaa marroo sagaliif gaggeeffameera.
Pirezedaantiin yeroo ammaa aangoorra jiran Joozee Maariyoo Vaaz filannoo marsaa duraa Sadaasa keessa gaggeeffameen mo'atamanii keessaa bahaniiru.
Pirezedaantiin amma biyyattii buolchaa jiru kun waldhabdee siyaasaa keessaafi yakkawwan malaammaltummaa hedduudhaan himatama.
Yeroo Sadaasa darbe filannoo keessaa injifatamuun bahee tures gareen isaa duula filannootti isa deggeraa turan filannoon hatameera jechuun himatanillee gamtaan Lixa Afrikaa Ecowas jedhamu himannaa kana kuffiiseera.
ECOWAS himannaa sana kuffiisuu qofa oso hin taane schiin al-seerummaan kamiyyu yoo jiraateef jecha humna kana qolatu qopheeffadheeera jechuun dhaadateera.
Taajabdoon filannoos himannaan filannoo hatameera ykn waliin dha'ameera jedhuuf ragaan akka hin jirre himuun komii Obbo Pereeraadhiyeessan fudhatama dhabsiiseera.
Obbo Embaaloon kanaan dura gaggeessaa waraanaa biyyattii akkasumas bara 2016 hanga 2018tt' ministira muummee biyyattii ta'uun tajaajilaniiru.
Morkataa isaa caalaa deggersa argachuu kan da'aeef ammoo biyyattii gara tokkummaati fiduuf waadaa galaa tureen yoo ta'u, kan duraan morkataa isaa kan tureefi yerpoo ammaa biyyattii bulchaa kan jiru Obbo Vaaz dabalatee akka isa deggeran taasisaniiru.
Kana malees Obbo Embaaloon Giinii-Bisawu akka hammayyeessuuf hojjetan abdachiisaniiru. Biyyattiin biyyoota akka addunyaatti hiyyummaa hamaa keessa jiran keessaa tokko yoo taatu ummata miliyooona 1.6 qabdi.