Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Angoolaan qabeenyi intala pirezedaantii duraanii Isaabeelaa Saantos akka qabamu ajaje
Manni Murtii Angoolaa qabeenyi intala pirezedantii duraanii Angoolaa, Joosee Iduwaardoo Dosaantos, qabdu akka hin sochoone ajaje.
Maallaqni lakkoofsa baankii isheerra jiruulle akka hin sochooneef qabameera.
Biyya gaazii boba'aan badhaate kanatti sochii farra malaammaltummaa mootummaan gaggeessuun walqabateetu qabeenyi horatte kun kan akka qabamu ta'e.
Bulchiinsi Pirezedanti Joho Lorensoo doolara Biliyoona tokko Isaabel liqeeffattee hin deebisne jedhamte.
Isaabeel garuu wayita abbaan ishii aangoorra turan balleessaan raawwadhe hin qabu jechuun waakkatteetti.
Yeroo hedduu dubartii dureetti Afrikaa jedhamte waamamti. Barruun Forbis doolara biliyoona 2.2 akka qabdu ragaa baheera.
Dubartiin ganna 46 kun Angoolaa baqattee biyya hambaa kan jiraattuufis nageeenyasheef yaaddoofteetu.
Hojii bizinasii kaampanoota bal'aa qabu biyyoota Angoolaafi Poorchugaal keessatti sochoofti.
Manni murtii lakkoofsa baankiif dabalatee, kaampanota biyya keessa qabdu, kaampanii telekoomii Unitel fi Baankii Fomento De Angoolaa qabdu jalaa qabameera.
Isabeel gochi kun 'haleellaa sababa siyaasaarraa maddee' jechuun balaleffatte.
'Icciitiin dhaddachi himannaa kun Angoolaatti ta'uu qabeenya koo qabuufi' jetti.
"Ogeeessi seeraa bakka koo bu'ees hin jiru, Dareektarri Kaampanootas hin turre. Murtoon kun dabarfamuu qofaa dhageenye," jette.
Haqni amma argamutti seerota idila-addunyaafi Angoolaa fayyadameen falmadhaas jechuun dubbatteetti.
Isabeel bara 2016 irrraa eegalee hawaasa keessatti beekamtii gonfatteetti. Kunis yeroo abbaan ishii dhaabbata mootummaa boba'aa Sonaangol akka hooggantu muudees ture.
Lorensoon aangootti dhufnaan waggaa tokko booda aangoorraa ariyatamte.
Obbooleessi ishees Joose Filomenoo Dos Saantoos haaluma walfakkaatuun dhimma malaammaltummaan walqabatuun himatamaa jira.
Wayita hoogganaa fandii Sovereign Wealth jedhamu hooggane maallaqa Doolara walakkaa Biliyoonaa dhoksuun himatamus balleessaan dalage hin qabu jechuun waakkateera.