Dhaabbileen Itoophiyaa miidiyaa hawaasummaa isaanii to’achuu maaliif rakkatu?

Guyyaa kaleessaa, Kibxata A.L.I Bitootessa bultii 01, 2012 suuraan miidiyaan Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa fuula Fesbuukii isaa irratti gadhiise komii guddaa kaaseera.

Dhaabbatichi nama kana dalage jedhe yakkee hojiirraa akka dhorkeefi dhimmicha poolisiin qorataa jira jechuun Walitti Qabaan boordii dhaabbatichaa Obbo Kaasaahun Goofe ibsaniiru.

Obbo Kaasahun wanta raawwate 'fokkisaadha' jechuun fuula fesbuukii isaanii irratti ibsaniiru. Dhaabbatichis kanaaf dhiifama gaafateera. Namni kanaan shakkames amaneera jedhameera.

Haa ta'u malee, wanti akkanaa haaraa miti. Erga dhihoo as fuula miidiyaa hawaasummaa miidiyaalee Itoophiyaa irratti dogongorri amanuuf nama rakkisu irratti mul'achaa jira.

Kunneenis, miidiyaa hawaasummaa irratti dubbii ijoo yeroo ta'an kanneen miidiyaalee xiinxalan immoo gaaffii guddaa akka kaasan dirqeera.

Akka fakkeenyaatti, baatii Muddee darbe yeroo Itoophiyaan saatalaayitii furguggiste suuraan saatalaayitii miidiyaaleen mootummaafi qondaaltota mootummaa fayyadaman kan sirrii hin turre.

Miidiyaan Waaltaa fuula Fesbuuki irratti pirezidantiin I/Aanaa Naannoo Tigraay du'aniiru jedhee boodarra oduu sobaa ta'un isaas komiifi qeeqa guddaa kaaseera.

Midiyaan OBN immoo baatii Muddee keessa suuraa MM Abiy Ahimad badhaasa Nobeelii yeroo fudhatan eeyyama malee fayyadame jennaan dhaabbatni Fesbuukii torban tokkoof fuula Fesbuukii isaa akka hin fayyadamne dhorkeera.

Dogongoroonni mudatan ammallee rakkoon hubannoo akka jiran akka agarsiisu hayyuuleenis ta'e kanneen damee miidiyaa hawaasummaa miidiyaa kanneen hogganan ni himu.

Rakkooleen akkanaa miidiyaa hunda ibsuu baatanis yeroo adda addaattii rakkoowwan alaalaa mul'atan irraa ka'un yoo ilaalamu rakkooleen miidiyaaleen hedduu qooddachuu danda'an akka jiru mul'isa.

Rakkoowwan ijoo mudatan keessaa dhimma to'annoo miidiyaa hawaasummaa, oduu sobaaf saaxilamuufi abbeentaa qabeenya dhuunfaaf xiyeeffannoo isaan kennanidha.

''Itti fayyadama [miidiyaa hawaasummaa] irratti dadhabinni ni jira. Rakkooleen amma mudatan calaqqee sanaati'' jechuun yunivarsiiti Finfinneetti barsiisaan gaazexeessummaa Obbo Eliyaas Warquu himu.

Oduu Sobaa

Miidiyaan Waaltaa fuula Feesbuukii isaa irratti oduu Pirezidantiin itti - aanaan Naannoo Tigraay du'aniiru jedhu erga bahe booda dhiifama gaafachuun akka qoratu himeera.

Gabaasni kuni televijinii gubbaa bahu baatus ijoo dubbii ta'e Naannoon Tigraay ibsa akka baasu dirqee ture.

Rakkoon miidiyaalee, keessumaa kanneen mootummaa rakkoo oduu sobaa tamsaasan baay'eedha jechuun hin danda'amu yaada jedhu qaba gaazexessaa Eliyaas Masarat.

''Beekanis ta'e osoo hin beekin miidiyaaleen oduu sobaa dhiheessanis fuulawwan fesbuukii tokko tokko waliin yeroo walbira qabamu hami isaa xiqqaadha,'' jechun ibsa gaazexessaan miidiyaa AP'f hojjetu kuni.

Ta'us, rakkoowwan akkanaa yeroo garaa garaatti ni mul'atu. Yunivarsiitii Finifnneetti barsiisaan onlaayin Jornaalizimii Eliyaas Warquunillee kana mirkaneessu.

''Tokko tokko dogongoreera jedhanii dhiifama kan gaafatan jiru. Kan gabaase sana balleessee callisus jira. Kan immoo akkana jechuuf jenneeti jedhaniis jiru,'' jechuun hunduu dhiifama gaafatu jechuun akka hin danda'amne himu.

Oduun Waltaa kuni dafee akka badu ta'us namoonni garuu 'screen shot' suuraa isaa kaasun akka waliin gahu taasisaniiru.

Miidiyaafi Kominikeeshinii Waaltaatti Hogganaan websaayitiifi Miidiyaa Hawaasummaa Obbo Abbaba Dassaalany garuu kanaan hin gammadne.

Miidiyaan hin dogongoru hin jedhamu kan jedhan Obbo Abbabeen, dogongorri yoo jiraates dhiifama gaafachuun barbaachisaa akka ta'e himu. Wanti goones kanaa jedhan.

Obbo Abbabaan dogongora ta'un erga ibsamee booda wanti akka afarfamu ta'e garuu sirrii akka hin taane kaasun qeequ.

''Miidiyaan tokko yeroo dogongora raawwatu miidiyaadhuma sana irratti dhiifama yoo gaafate eergasii booda akkaataan miidiyaan kana walharkaa fuudhan maalif barbaachise?'' jechuun gaafatu.

Kanaafis, ''Amma maaltu ta'aa jira yeroo miidyaan tokko dogongoru inni 'screen shot' godhanii waan jiruf baay'ee of eeggachuun barbaachisa,'' jechuun dhaamu. Kanaaf, falli mirkaneessanii gabaasuun akka barbaachisu dhaamu.

Sababni gabaasa oduu sobaa fuula Fesbuukii Waaltaa irratti bahe kan qoratamaa jiru yoo ta'u namoota hojii kanatti hidhata qabu jedhamani shakkaman afur dhaabbatichi hojiirraa dhorkeera.

Dhimma oduu sobaa gabaasuun walqabatee furmaanni jarjarsuun gabaasurra suuta qulqulleeffatanii gabaasuun fala akka ta'u Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa Onlaayin Joornalaizimii kan ta'an Barsiisaa Eliyaas Warquu ni dubbatu.

''Dursani baasanii waan hin mirkanoofne gabaasurra, takka obsanii oeeffannoo amanamaa kennuu wayya.''

Dhimmi biroo miidiyaaleen biyya keessaa itti himataman keessaa tokko kan ta'e mirga abbeentaadha.

Gabaasaalee akkasumas suuraafi viidiyoo baka biraatii fuudhun abbichaaf beekkamtii kennuu dhabun yeroo akka ofiitti gabaasan ni mul'ata.

Gaazexessaa Eliiyaas Masaratillee kanuma hubachuu hima.

''Kuni miidiyaa dhuunfaafi mootummaa irratti rakkoo bal'inaan mul'atudha. Intarneeta yookiin miidiyaa hawaasummaa gubbaa suuraa yookiin viidiyoo akka ofiitti fayyadamuun ni jira.''

Gama kaaniin, OBN fuula Fesbuukii isaa Afaan Oromoo irratti suuraa Ministirri Muummee Abiy Ahimad Nobeelii badhaafaman mirga abbentaa osoo hin kenniin maxxanse jennaan rakkoo seenee ture.

Dhimma kana irratti kan gaafanne Daarektarri I/Aanaa OBN Obbo Bojaa Gabbisaa kanuma mirkaneessu.

''Suuraa Dr Abiy badhaasa Nobeelii fudhatani sani. Suuraa san kan hojjeechisiise immoo nuyi miti,'' jechuun mirga abbentaa malee maxxanfamuu isaa himu.

Sababa kanaanis, torban tokkoof fuula Fesbuukii isaanii kan Afaan Oromoo irratti maxansuun akka hin danda'amne himan. Kan isaan adabe immoo dhaabbata Fesbuukii akka ta'e dhaaman.

Yeroo kuni ta'u garuu kuni kan duraa miti. Kana durallee sababoota garaa garaan akeekkachiisi itti barreeffame akka ture yaadatu.

Kanaaf akka falaatti of eeggannoon akka taasifamuu qabu akeeku. Yoo fayyadamanis mirga abbeentaa kennuun akka barbaachisu dhaamu.

To'annoo Miidiyaa Hawaasummaa

Rakkoo Waaltaa mudate booda dhaabbatichi lakkoofsa namoota fuula Feesbuukii dhaabatichaa to'atan akka hir'ise gabaafamus, dhabbatichi garuu kana irratti ibsa kennuu hin feene.

Obbo Abbabaan akka jedhanitti rakkoon kuni gaafa xumurame ummataaf ifa godhu. Rakkoo mudate ogeeyyonni dhaabbata Eejansii nageenya Odeeffannoo [INSA] irraa dhufanii akka qorataa jiran himan.

Gaazexessaa Eeliyaas Masarat immoo namoonni fuula Fesbuukii dhaabbilee to'atan baay'achuun rakkoof saaxiluu akka danda'u amana. Yaada kana irratti garuu Obbo Ababeen waliin galan.

Furmaata

Erga rakkoon jiraateefi dhaabbileen akkasumas kanneen dhiheenyatti hordofan erga dubbatanii booda wanta fala ta'u kaa'un barbaachisa.

Rakkoon rakkoo hubannoo erga ta'e rakkoon kunis deeggarsa kennuun akka furamu danda'u himu akka ta'e himu Obbo Ababaan.

''Miidiyaa hawaasummaa irratti miidiyaaleef leenjin kennamuu qaba. Kuni waan bu'uuraati,'' jedhan.

Obbo Bojaanis yaada kanaan walii galu. Keessumaa, miidiyaalee idil -addunyaa kanneen akka BBC fi kaan irraa muuxannoo qooduun osoo jiraate fala ta'u akka danda'u himu.

Haa ta'u malee, hanqinni hubannoo gama dijitaalaa miidyaalee keessa qofaa osoo hin taane dhaabbilee barnoota olaanoo keessattille hanqinni qabiyyee barnootaa dijitaalaa akka jiru eeru barsiisaa Eliyaas.

''Gama pirofeshinaalaafi gama akkaadaamikii yoo ilaalle dhimma kanaan ganaa jalqabbiirra jirra,'' jedhan.

Miidiyaa hawaasummaa irratti hanqinni hubannoo jira isa jedhaniifis furmaanni leenjiifi deeggarsa garaa garaa taasisuu akka ta'e BBC'tti himaniiru.