Labsii paarlaamaa: Seerri waldaalee hawaasaa haarofti jijjiirama akkamii fida?

Manni maree bakka bu'oota uummataa Itoophiyaa labsii waldaalee hawaasaafi dhaabbilee gargaarsaa Abbaa Alangaa Waliigalaatiin qophaa'e raggaasisee jira.

Labsiin kanaan dura ture sochii waldaalee hawaasaa daran kan daangessudha jedhamee dhaabbilee mirga namoomaafi rogeeyyiin qeeqamaa ture.

Labsii haaraa manni maree bakka bu'oota ummataa raggaasise kana kan qopheesse koree gorsitoota seeraa Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaan ijaarame wayita ta'u, koreen kun rakkoolee labsiin armaan duraa qabu erga qoratee booda labsii haaraa kana qopheesse.

Labsiin haaraan kun wayita qophaa'u sadarkaa duraatti mirga ijaaramuu lammiilee kabachiisuufi jedhu miseensa koree kanaa kan ta'an Obbo Abdulaxiif Kadiir.

"Mirgi gurmaa'uu sadarkaa idil-addunyaatti maal maal dabalata kan jedhu wayita xiinxallu labsiin armaan dura ture rakkoo akka qabu hubachuu dandeenyeerra," jedhu.

Labsiin ture waldaaleen hawaasaa hojii mirga namoomaan wal-qabatu hojjetan galii isaanii keessaa dhibbeentaa 10 ol biyya alaatii argachuu hin danda'an ture jedhu.

Darbees walabummaan waan barbaadan akka hin hojjennes ni daangessa jedhu.

"Sababuma labsii kanaatiin, keessumaa kallatiin mirga namoomaa irratti waldaaleen hawaasaa hojjetan baay'ee laafanii, kan cufamanis jiru. Amma kan jiran sadi afur hin caalani jedhu." Jedhu Obbo Abdulaxiif.

Waldaalee hawaasaa diimokiraasiif...

Waldaaleen hawaasaa laaffachuufi dhabamuun isaanii rakkoo siyaasaafi hawaasummaa waggoota darban biyyattii mudateef sababa guddaa ta'uu himu rogeeyyiifi falmitoonni mirga namoomaa.

Uummanni mirgaafi dirqama isaa akka baru gochuu keessatti gaheen waldaalee siyaasaa olaanaadha jedhu hayyuun saayinsii hawaasaa Dr. Birhaanuu Magarsaa.

"Diimokiraasii ijaaruun jara kana malee hin danda'amu, isaan dhabamuu isaaniin ijaarsi diimokiraasii biyyattii duubatti harkifachuu isaa argaa turre" jedhu.

Yeroo filannootti deemamu kana dhaabbileen hawaasaa kunneen babal'achuun isaanii, uummanni mirga isaa akka baru, nama isaaf ta'u bilisaan akka filatu gochuuf faayidaa olaanaa qaba jedhu Dr. Birhaanuun.

Mirga namoomaaf falmuufi barsiisuun alatti waldaaleen hawaasaa, lafa mootummaan hin geenye gahuun hawaasni tajaajilawwan hawaasummaa adda addaa akka argatus ni hojjetu jedhu Dr. Birhaanuun.

Laaffachuun waldaalee hawaasaa lammileen mirga isaanii akka hin baranne, bifa ammaayyaa'eenis akka hin gaafanne taasiseera kan jedhu ammoo falmaa mirga namoomaafi barreessaa Bafiqaaduu Haayiluuti.

"Kunis namni karaa nagaa dhiisee humnaan mirga ofii kabachiifachuuf akka ka'u taasisee jeequmsa biyyattii keessa tureefuu sababa ta'eera" jedha.

"Jijjiiramni ammaan dura biyyattii keessatti argaa turre fedha aanga'oota siyaasaan kan dhufedha, amma ammoo fedhiin sun bu'uura seeraa qabachaa akka jiru agarsiisa," yaada jedhus qaba Bafiqaaduun.

Amma maaltu jijjiirame?

Waldaaleen hawaasaa hojiin isaan hojjetan seera qabeessa hanga ta'etti, akkasumas maddi galii isaaniis seera qabeessa hanga ta'etti, daangaa malee hojii barbaadan irratti hirmaachuu akka danda'an labsii haaraan tumameera.

Akka seeraa haaraa kanaatti waldaaleen hawaasaa biyya alaa kallattiin paartilee siyaasaa irratti dhiibbaa uumuufi lammilee biyyattii waa'ee filannoo barnoota kennuu hin danda'ani.

Kuni waldaalee hawaasaa biyya keessaaf qofa kan dhiifamedha jedhu Obbo Abdulaxiif.

Waldaaleen biyya keessaa hojii kana maallaqa maddeen alaa irraa argataniin hojjachuu garuu ni danda'u jedhu.

Kanaan dura mootummaan dhimma bulchiinsaa waldaalee kanneenii jidduu galaa ture, amma garuu sun akka daangeffamu ta'eeras jedhu.

Boordii sochii waldaalee hawaasaa to'atu keessatti qoodni waldaalee hawaasaa gadi aanaa ture kan jedhan Obbo Abdulaxiif, labsii haaraan boordichi mootummaa irraa nama sadi waldaalee hawaasaa irraa nama sadi akka qabaatu tumameera jedhu.

Labsiin armaan dura ture qabiyyeenis ta'e hojiirra oolmaa isaan mirga bu'uuraa kan ta'e mirga ijaaramuu lammilee daangessee ture jechuun Abbaan Alangaa waliigalaa Itti aanaa Dr. Geediyoon Ximootewoos BBC'tti himaniiru.

Labsiin haaraan wayita qophaa'us, bifa fooyyee qabuun mirga ijaaramuu lammiilee kan tiksu akka ta'u yaalameera jedhan.