Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyoota harka-qalleeyyii hir'inni nyaataafi furddinni akka malee miidhaa jira
Biyyoonni harka-qaleeyyii ta'an rakkoo hir'ina nyaataafi furdina akka mlateetiin rakkaachaa jiraachuu qorannoo bahe tokko agarsiiseera.
Akka qorannoon 'The Lancet' jedhamu agarsiisetti rakkinni kun nyaataaf dhugaatii qopha'aaanii gabaarratti gurguraman (ultra-processed foods,) kanneen akka chokkoleetii, karmeellaafi mi'eessituun nam-tochee itti dabalamanii gurguraman soorachuufi sochii qaamaa dalaguu dhiisuutu rakkoo kana fide.
Barrreessaan dhimma kanas, "sirni soorata addunyaa ammayyaa' rakkoo kanaa sababa ta'e jijjiramuu qaba jedhe.
Rakkoon garmalee gabbachuuf huuqqachuu kun biyyoota gammoojjii Sahaaraan gadi jiraniif Eeshiyaa baayinaan miidha.
Gabaasichi akka jedhutti ,addunyaarratti daa'immanif ga'eeyyiin biln 2.3tti dhiyaatan ulfaatiina garmaleen qabu.
Daa'imman mil 150 guutan immoo guddinni isaanii quucaruuti ibsame.
Biyyoonni galii gadaanaaf giddugaleessaa qaban yeroo walfakkaataatti rakkina kanaaf saaxilamuu akkasiin 'double burden of malnutrition' jedhaniin. Ba'aa dachaa soorata gahaa dhhabuun dhufu akka jechuuti.
Kana jechuun uummata biyyooni kun qaba keessaa harki 20 ulfaatina garmaleen rakkatu, daa'imman harki 30 umriin isaaani afurii gadii sirnaan hin guddatan, Dubartoonni harki 20 qaqal'oodha.
Maatiin,namni dhuunfaaf hawaasni soorata hin madalamne dhabuun jiruu isaa keessatti hubamu danda'a jedha gabaasichi.
Akka gabaasni kun ibsutti, biyyoota 123 keessaa 45 bara 1990 keessa rakkoo kanaan hubaman. biyyoota 126 keessaa 48 immoo bara 2010 keessa dhiibba kana jala seenuu ibsa.
bara 2010 booda biyyooni guddataa jira 14 rakkina garlmee kanaaf saaxilaman.
Sirna Soorataa kufaati keessa jiru
Dhaabbanni biyyoota Gamtoomanii, biyyoonnifi beektonni haalli sooraa akka jijjiramu hubachisuu qabu jedha gabaasichi.
Daa'immaan guddinnisaanii quucaruun soorata qabiyyee barbaachisoo hin qabne soorachuutti hidhata qabachuu gabaasni kun ni mul'ata.
Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daarektarri sooranni fayyaaf guddinaa kan ta'an Dr. Firaansiskoo Biraankaa biyyoota galii xiqqaa ykn guddaa qaban jennee rakkoo furdina garmalee addaa hiruu hin dandeenyu jedhu.
Sirni soorata hin madaalamne namoonni fayya buleeyi akka hin taane fi soorata ittifufinsaa argachuurratti danqaa ta'uu himan. Kanaafissirna sooratarratti jijjiramni akka barbaachisu kaasan.