Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fayyaa: Cireen soorata kaan caalaa qaamaaf barbaachisaa laata?
Namoonni fayya-qabeessaa fi haala qaama gaarii qaban kenneen ciree isaaniitti qoosa hinbeekneedha jedhama. Kana jechuunis ammoo ciree nyaachuun qofti gutummaa gutuutti fayya-qabeessa nama taasisa jechuu miti.
Haa ta'u malee meeqa kenyatu ciree sa'aatii sirriitti nyaata?
Ciree nyaachuun barbaachisaa ta'usaatiif sababiiwwan dhiyaatan keessa tokko, qaama alkan guutuu nyaata malee ture nyaataa keennuufiin barbaachisaadha kan jedhuudha.
Kana malees qaamni keenya kan guddatuufi kanneen miidhaman kan fayyan wayita rafnuutti ta'uunsaa humna guddaa akka fixnu ni taasisa jechuudha.
Kanaafuu, sa'aatii cireetti nyaata nyaachuu qofa osoo hintaane, soorata madaalamaa nyaachuun baayyee barbaachisaa ta'usaa ogeettiin sirna nyaataa Saaraa Eldar ni dubbatti.
Haa ta'u malee, hanga ammaattuu cireen soorata guyyaa keessaa isa barbaachisaadhaa? gaaffii jedhu irratti walii hingalamne.
Cireen barbaachisaadha moo miti?
Qorannoowwan adda addaatiin ciree nyaachuu fi dhiisuun walitti hidhamuun kan ka'u furdina barbaachisaa hintaane waliiniidha. Dhimma kanarratti yaadonni adda addaa jiraatanillee, walitti dhufeenyi isaa maal laata?
Qorannoo namoota kuma 50 hirmaachisuun waggoota torbaaf gaggeeffameen namoonni sa'aatii cireetti nyaata madaalamaa fi gaarii sooratan kanneen laaqanaa fi irbaataaf nyaata gaarii nyaataniin walbiratti yoo ilaalaman haalli ulfina qaama isaanii sadarkaa gaarii irratti akka argaman agarsiisa.
Qorrattoonni akka jedhanittis, namoonni ciree isaanii sirriitti nyaatan kunneen beelli guyyaa gutuu itti dhagahamu kan hir'ate ta'uusaa fi baayyinni soorata nyaatanii gadaanaa ta'uusaa mul'isu.
Namoonni nyaata madaalawaa sa'aatii sirriitti nyaachuu hindandeenye ammoo qaamni isaanii humna alkan balleessaa bule bakka buufachuu waan qabaatuuf, nyaata biraa nyaatan illeen guyyaa guutuu miiri guufuu itti hindhagahamu. Kanaafuu nyaata baayyee nyaachuuf dirqamu.
Haa ta'u malee, namoonni ciree hinnyaannee furdiina hinbarbaachifneef saaxilamu yaada jedhu ammoo mirkaneessuu hindandeenye.
Gaaffii kanaaf deebii kennuuf ammoo qorannoon dubartoota furdinni garmalee mudate 52 hirmaachise torban 12f gaggeeffameera.
Hundaafuu nyaanni kennamu kan haala qabiyyee walfakkaatu qabu yoo ta'u, gartookkeen ciree akka nyaataniifi gartokkeen ammoociree akka hinnyaannee taasifameera.
Haaluma bu'aa argameettis, hirmaattoonni ulfina qaama isaanii akka hir'atu kan isaan taasisee ciree osoo hintaane, wantoonni irra deebiin raawataa turan dhaabachu isaatti.
Dubartoonni qorannoo duraan ciree nyaataa turan osoo ciree hin nyaatiin torban 12 erga turaniin booda kiloo 8.9 kan hiri'san yoo ta'u, qorannicha durayyuu kanneen ciree hin nyaannee ammoo torban 12f ciree akka nyaatan taasifamanii kiloo 7.7 hir'isaniiru.
Ciree nyaachuu ykn dhiisuun furdina hir'isuuf ragaa erga hintaaneetti, walitti dhufeenya dhimmoota kanneen lamaan jidduu jiru maalii jechuun keessan hin oolu.
Yunivarsitii Aberdaniitti pirofesara sirna nyaataa kan taate Aleksaandaraa Joonsitoon akka jettuutti, namoonni ciree nyaatan hedduun amala sochii qaamaa raawwachuufi araadawwan garaa garaa irraa fagaachuu qabu.
Haala qorannoo baruma faranjota kana keessa gaggeeffame kan biraa tokkotti ammoo, sa'aatii ciree dabarsuun baayyina sukaaraa qaama keenya keessatti argamuufi dhiibbaa dhiigaa hir'isuuf akka gargaaru mul'iseera.
Bu'aan qorannoo kanaa gutummaatti ifa ta'u baatulleen, ragaan ogeessoonni yunvarsitoota Sareyii fi Aberdan irraa walitti babahanii akka mul'isutti, ciree cimaa nyaachuun ulfina qaamaa to'achuuf ni gargaara.
Gama biraatiin ammoo namoonni ciree isaanii hin nyaannee carraan dhukkuba onneetiin qabamuusaanii %27n kan dabalu ta'u, dhukkuba sukkaaraa gosa 2 (type-2) jedhamuun qabamuuf caraan harka 21n kan dabalu ta'uu qorannoowwan biraa ni eeru.
Kana malees ciree nyaachuun dadammaqina sammuu uumuuf akka gargaaru himama. Kana jechuunis namoota gaheessootaaf xiyyeeffannaa kan dabalu yoo ta'u, daa'imman haala salphaatti afaan akka barataniif ni gargaara jechuudha.
Ciree nyaachuun mataa isaaniin murteessaa osoo hintaane, garaa garummaa kan umuu nyaata sa'aatii cireetti soorannuudha jechuun kan morman jiru.
Ciree madaalawaa nyaachuun dhimmoota baayyeef gargaarulleen, sa'aatii soorataa kamiyyuu kabajuun nyaachuunii fi wantoota qaama keenyaaf barbaachisaniif xiyyeeffannaa kennuun soorachuuf yaaluun barbaachisaa ta'uusaa ogeettiin sirna nyaataa Saaraan Eledar ni gorsiti.