Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Beenishaangul: 'Aanaa Yaasootti maatii koo na jalaa dhuman awwaallachu hin dandeenye'
Haadha warraa isaanii dabalatee ijoolleen isaanii afur bakka tokkotti aanaa Yaasootti torbee darbe kan jalaa ajjeefaman jiraataan naannichaa Obbo Hinsarmuu Anbasaa awwaallachuuf hiree hin arganne.
Rakkoo nageenyaa Naannoo Benishaangul Gumuz fi daangaa Oromiyaatti bara kana uumameen kumaatamni qe'ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa'uun kaanis bifa suukaneessaa taheen ajjeefamuu jiraattotni BBCtti himaniiru.
Obbo Hinsarmuu Anbassaa waggota 21 oliif aanaa Yaasoo keessa qotachaa maatiis horatanii jiraachaa turan.
Obbo Hinsarmuun haadha warraa sadii kan qaban yoo tahu ishee sadaffaa aadde Dinqee Dhibbarraa achuma aanaa Yaasootti fuudhanii ijoollee shan waliin godhataniiru.
Kaan ammoo Godina Wallagga Bahaa aanaa Haroo Limmuu keessa jiraatu.
Obbo Hinsarmuun ayyaana Masqalaaf ilmaa isa angafaa aadde Dinqee irraa argatan waliin gara aanaa Haroo llmmuu deeman.
Kana gidduutti naannoo Beenishaangul keessatti walitti bu'insi jalqabuun uummanni Oromoo fi Amaaraa naannicha jiraachaa turan baqatanii bahan.
Dhukaasnis ni hammaate. Isaanis maatii koo ilaaluun qaba jechuun yommuu qajeelan akkamiin deemta namni ajjeefamaa jira daandii irratti waan jedhamaniif achuma taa'anii lubbuun jiraachuu maatii isaanii osoo hin bariin dhiphinaan jireenya itti fufan.
Waggoota 21 oliif yommuu achi jiraachaa turan saba Gumuz waliin waliin nyaachaa dhugaa gaddaa fi gammachuutti wal bira dhaabachaa turaniiru.
Isaan keessaa dura taa'aa Goxii ganda isaanii nama ta'eefi walitti dhiyeenya qabaniif bilbiluun waa'ee maatii isaanii yommuu gaafatan, ''ana bira jiru rakkoon tokko iyyuu hin jiru anatu waa'ee lubbuu isaanii itti gaafatamummaa isaa fudhata,'' naan jedhe jedhan.
Haaluma kanaan sagalee maatii isaanii osoo hin dhagahiin turan. Booda garuu bilbila jalaa kaasuu akka dide BBCtti himan. Maatiin isaanii kunneen akka achii hin baaneef daandiin dursee itti cufameera.
Kanumaan kaleessa namni isaan beekan bilbileefii maatiin isaanii hundi akka ajjeefaman itti himee, ''akkasumatti bohii gadda taa'i dhumaniiru,'' naan jedhe jedhan Obbo Hinsarmuun.
Mucaa ilmaa tokkoo fi shammarran sadii akkasumas haati warraa isaanii akka jalaa ajjeefaman kan himan Obbo Hinsarmuun reeffa isaanii argadhee illee awwaallachuu hin dandeenye jedhan.
Maatiin isaanii kunneen torbanoota darban keessa kan ajjeefaman yoo tahu akkuma jedhame reeffi isaanii bakkeetti gatame tahee eessa akka jiru hin beeku jedhan.
Dabalataan oomishni hektaara 13 irra jiru bakkeetti hafe kan jedhan Obbo Hinsarmuun saawwaan 21 ammoo warri ollaakoo turan sabni Gumuz akka harka isaanii jiran natti himaa turanis amma akkam akka godhan hin barre jedhan.
''Duuti nama tokkoo duriyyuu waanuma jirudha, nama shan al takkaatti dhabee akkamittan jajjabaadha?'' Obbo Hinsarmuu.
Itti Gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Benishaangul Gumuz Obbo Ahimed Muusaa waan Kanaan dura ture irraa waanti fooyya'e hin jiruu jedhan.
''Daandiin Kanaan dura cufame hanga ammaatti hin banamne. Humni waraanaa kaamaashii duraan gale achuma jira. Humni isaanii immoo rakkoo achitti uumame waliin wal hin simu.sakatta'insa bosona keessa humni gaggeessu gahaan achitti hin bobbaane,'' jedhan.
Namootni ajjeefaman akka awwalamaa turan odeeffannoo qabna, akkasumas kan hin awwaalamiin jiraachuu danda'u jedhanii nuyi garuu odeeffannoo hin qabnu, daandiinis waan hin jirreef jechuun BBCtti himan.
Dabalataan namootni naannichaa buqqa'an qabeenya isaanii waggaa guutuu itti dadhabanis akka dhaban himanii deegarsi nuuf deebisuuf taasifame hin jiruu jedhan.
Kana ilaalchisee mootummaan tasgabbii naannichatti deebisuuf raayyaa ittisa biyyaa bobbaseera kan jedhus hanga ammaatti adeemsa irra jira malee humni gahaan galeeru hin jiru jedhan Obbo Ahimed.
Kana irraa kan ka'e qabeenya saamame deebisiisuufis tahe oomisha sassaabuuf hojiin jalqabameeru hin jiru jedhan.
Dhukaasa naanichatti uummata nagaa irratti gaggeefamu ilaalchisee daddabarsi meeshaa waraanaa seeran alaa naannicha jira kan jedhan obbo Ahimed, qaamni hidhatee rukuttaa gaggeessu gama Gumuziin jira kan jedhamu odeeffannoo dhageenya malee waan mirkaneessine hin qabnu jedhan.
Xumura irrattis yoo xiqqate ammas guyyaa sadiitti namni tokko akka ajjeefamu odeeffannoo qabna jedhan Obbo Ahimed.
Pirezedaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa saba keenyaaf yeroo qaqqabuu qabnutti waan hin dhaqabneef miidhaaf saaxilamaniiru jechuun dhiifama gaafachuun isaanii ni yaadatama.