Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aanga'oonni ol-aanoo Beneshaangul Gumuz to'ataman
Naannoo daangaa Beneshaangul Gumuziifi Oromiyaa gidduutti walitti bu'insa uumamee tureef shakkamtoota kan jedhaman aanga'oota ol-aanoofi sadarkaa giddu galeessaa shan to'annaa jala ooluu Poolisiin Federaalaa beeksiseera.
Akka EBC'n gabaasetti humni Poolisii Federaalaa ergama shakkamtoota to'annaa jala oolchuutiif bobba'ee tureen shakkamtoota kunneen kan ta'annaa jala oolche.
Kanneen to'annaa jala oolan kana keessaa Itti-aanaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa naannichaa kan ta'aniifi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Asoosaa duraanii keessatti akka argaman humni poolisii kun beeksiseera.
Akka Poolisiin Federaalaa jedhutti, shakkamtoonni kunneen walitti bu'insa yeroo darbe magaalaa Asoosaatti uumamee tureef akkasumas akkasumas walitti bu'insa naannoo Oromiyaafi beneshaangul Gumuz gidduutti uumame ture kan shira rakkoo kanaa kan uuman jedhamuun shakkaman.
Gareen humna poolisii Federaalaa kun shakkamtoota to'annaa jala oolchuun cimee kan itti fufu ta'uullee beeksiseera.