Jeequmsa Libanoon: Hiriira magaala Beeruutiin hedduun mada'aan

Hiriira mormii magaalaa guddoo Libaanos Beerutitti bahamerratti poolisoonnif mormitoonni walitti bu'uun namootni hedduun mada'uu isaanii dhaga'ame.

Jeeqmsi kan eegalames hiriirtoonni fuulatti haguuggatanii taa'aan gara dirree paarlaamaa biyyatti cinaatti argamu tokkootti deemuu wayita eegalanitti hiriirtonni gochasaanii morman biroo waliin walitti bu'uun ture.

Kana booda hiriirtonni dhagaa darbachuu eegalan, poolisiin gaazii imimmmansuu fi rasaasa pilaastikaa itti dhukaasuu eegale.

Sababii jeequmsa kanaatiin mormitootaan alatti, yoo xiqqaate qondaaltoonni poolisii 20'n mada'aaniru.

Hiriirri mormii kun kan jalqabaa hin turre, ji'a Onkololeessaa darbe qondaaltonni biyyatti bulchan dinagdee Libaanos qisaasseessa jiruu jechuudhaan eegalame.

Hiriirri mormii kun harka caalu nagaa ture Sanbata dura garuu, jeequmsa hamaatti geeddarame. Hiriira mormiitu MM biyyatti Sa'ad al-Hariirii aangoorraa buusulle, Manni marii mootummaa ce'uumsa hundeessuu waliigalteerra hin geenye.

Moonaa Fawaaz, hiriira mormii kana keessaatti hirmaate BBC tti akka himetti ,hiriira nagaa akka tureef boodarra dargaggoonni muraasni dallaa mormiitoota addaan qoodu dhiibu eegalani jedhe.

Sana booda poolisoonni hedduun hiriirtota bittumsuuf gaazii imimmaansuu dhukaasuu kan hime Moonaan, sababni humna ammasii akka fayyadaman isaan dirqisiisu garuu hin turree jedhe.

Poolisoonni magaalaa Beeruut keessatti bobbaafaman hiriirtota ariyachuu, reebuuf muraasaa isaaniis hidhuu Rooyitarsi gabaaseera.

Hiriirtonni muraasni sibiilaa karaa paarlaamaaf gamoowwan mootummaatti akka hin darbineef ka'aame dhiibu eegalan. Sanbata duraa galgalas walitti bu'iinsi itti fufeera.

Qaamni lammilee nagaa balaarra ittisu namoota 54 miidhaman yaalu ibse. Harki caalaan isaanii hoospitaalatti yaalamuusaanii ibsuus, hundisaanii garuu namoota nagaa ta'uusaanii hin mirkaneessine.

Waggoota kurnan darban keessatti hiriira mormii guddatu yeroo duraaf biyyatti mudate. Bara 1975-1990 gidduutti walwaraansa tureen asitti namoonni kutaalee hawaasaa garaagaraa hundarraa walitti dhufanii mormuun kan baratame miti.

Hiriirtonni mormii dinagdee biyyatti qorreef(guddachuu dideef), qaala'iinsa jireenyaa, hojii dhabdummaa fi malaammaltummaa biyyatti keessatti jabaachuu dadhabbina hooggantoota biyyattitu fidee jedhaniitti dallansuu qabu.

Kanaafis mootummaan malaammaltummaas akka ittisu, sirna siyaasaa biyyattis akka qorate sirreessuuf kaabine gartummaa hinqabne akka hundeessu gaafatan.

Wixata boruu mariin pirezedant Awuuni gartuu paarlamaa biyyatti wajjiin marii taa'amu booda muudamni MM haaraa akka raawwatamutu eegama.