Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Seerri 'farra Musliimaa' maaliif hawaasa Assaam mormiitti baase
Assaam, naannoo Kaaba Bahaa Hindiitti argamti. Jiraattoni bulchiinsa oomisha shaayiitiin beekamtu kana jiraatan kunneenis seera lammummaa haaraa kan hawaasni lakkofsaan xiqqaa Musliimaa hin taane biyyoota ollaa sadiirraa haala salphaadhaan lammummaa Hindii akka argatan gargaaruu mormaa jiru.
Kanaanis, bakkichatti loltoonni kumaatamatti laakkaa'aman bobbaafamaniiru. Sa'aatiin namoonni ala turuu danda'anii murtaa'eera akkasumas tajaajilli interneetii addaan citeera.
Kunis, hiriira lakkoofsa guddaa qabu naannichatti bakkeewwan muraasa keessatti bahameeru addaan kutuuf kan taasifamedha.
Poolisoonnifi kanneen hiriira bahan qaruuraa walitti darbataniiru. Walitti bu'iinsa kanaan yoo xiqqaate namoonni lamaa yoo du'an poolisoonni torba madaa'aniiru.
Erga seerri kuni bahe kan morme jiraattota Assaam qofadha.
Yaaddoosaanii guddaan kaaniin liqinfamna kan jedhudha.
Sababni yaaddoosaanii kun ummanni Assaam biyya Hindii keessaa hawaasa gosa hedduufi walxaxaa qaban waan ta'aniifi. Hawaasni Hinduu afaan Assaamiifi Beengaalii dubbatan achi waan jiratanii hawaasa aadaa walmalkaa qaban ta'an.
Hawaasa miiliyoona 32 keessaa tokko saddaffaansaanii Musliimaadha, kunis Kashmiirota Hindiitti aanee lakkoofsa guddaadha.
Sababni biraa immoo naannolee Hindii keessaa naannoo rakkinni itti baay'atuudha.
Naannooleen Kaaba Baha naannichatti argaman afur Assaam irraa yoo cituun gareen hawaasa aadaan bulan sadi kan achi jiraatan immoo fottoqanii naannoo mataasaanii hundeeffachuu kan barbaadaniidha.
Jiraattoonni lammummaafi eenyummaa afaaniirratti wal dhabaniiru.
Dubbattoonni afaan Assaamiifi Beengaalii to'annaa qabeenyaafi carraa hojiitti fayyadamuuf jecha hawaasa jaarraa hedduuf achi jiraatanii tuffachuufi abbaa lafummaa hawaasa biroof carraa hin kennan.
Kanarraa kan ka'e yaaddoon baqattummaa seeraan alaa waggoota kudhanii oliif biyya ollaa Baangilaadish irraa taasifamaa tureera.
Ta'us garuu waggoota soddoma darbaan keessatti jijjiiramni dhufe waan hin jirreef manni murtii olaanaa Hindii dhimmicha keessa seenuun lammiileen alaa akka galmaa'aan taasiseera.
Ji'a Adooleessa keessa galmee lammiilee bifa haaraan baheen lammiileen miiliyoona lama ta'an lammummaasaanii dhabaniiru.
Paartiin Hindii bulchu 'Bharatiya Janata Party' bara 2016 Assaam bulchuu jalqabe. Kunis gargaarsa warra Hinduufi hawaasa aadaa bulurraa argate.
Hawaasni afaan Assaam dubbattan walakkaa ol paartii 'Bharatiya Janata Party' tiin akka sobamanitti amanu- kunis kan baqattoota seeraan alaa adda baase gara biyyasaaniitti deebisa jedheeniidha.
Musliimonni immoo seerarratti dallansuu qabu.
Sababni isaas suuta suuta sababa amantiisaaniitiin akka jiraattota seeran alatti laakka'amanii biyyaa hin baafamne sodaatu.
Kanneen Afaan Bengaalii diubbatan afaan irra caalansaanii paartiin 'NRC' isaaniifi warroota Musliimaa akka lammiilee biyya biroo ilaalan jechuun komatu.
Yaaddoon biraas ni jira. Seera bakkeewwan Assaam muraasa kan hawaasa aadaa bulaniin qabataman akka baqattoonni seeraan alaa hawaasaa biraarraa dhufan achi qubatan godhurrattis dallansuu qabu.
Hedduusaanii garuu seerri kun bakkeewwan hunda miti, baqattoota Musliimota hin taanee kan "eeggannoon" achi jiraatan Assaam keessatti iddoo biroo deemanii akka jiraachuufi gargaarsaa iyyachuu danda'u.
"Paartiin 'BJP' seera lammummaarraa deebii kana eega jedhee hin yaadu. Kunis gara waldhabdee guddaatti geessa, "jedhu hayyuun dhimma kaaba-baha Hindiirratti hojjatan Suubiir Bhaayumii'n.