Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Teeknolojiin miira namaa dubbisu seeraan dhorkamuu qaba'
Wiirtuun qorannoo beekamaa seerri haaraa teeknoloojii miira namaa beeku dhorku akka bahu gaafate.
Institiyuutiin 'AI Now' jedhamu qorannoon gosa akkanaa 'bu'uura jabaataa hin qabu' jedha.
Haa tahu malee teeknolojiiwwan hojii hakiima horii barbaaduuf, nama yakkaan shakkame addabaasuufi gatii inshuraansii murteessuudhaaf gurgurtaa irra jiru.
Dhaabbatichi sooftweeriiwwan akkanaa murtoo barbaachisaa namootaa irratti dhiibbaa uumuufi carraa isaaniis waan daangessaniif dhorkamuu qabu jedha.
Dhaabbatni teeknolojii Ameerikaa UK irraa deeggarsa qabu- teeknolojii miira namootaaf deebii kennu hojjechaa jira.
Institiyuutiin AI Now immoo teekinolojii dhimma kana irratti hojjetu maqaatiin waamee waan komataa jiruuf gabaasa waggaa isaa irratti dhiibbaa qabaachuu ni mala.
Dhaabbati teeknolojii kun sadarkaa murteessaa taheen guddaacha kan jiru yoo tahu, ammallee doolaara biiliyoona 20 baasa.
Teeknolojiin kun, ''faara fuula keenyaa, sochii sagalee, akkaataa adeemsa keenyaa dubbisuun miira keessoo keenya hubachuu danda'a'' jedhu hundeessaa gargaaraa Piroofeesar Keet Kiraawfoord.
''Hojjetaa isa sirrii qacaruuf, dhukkubsataa qorachuuf, barataa daree keessatti barnoota isaa hin hordofne baruuf faayidaarra oolaa jira.''
''Haa tahu malee teeknolojii kana hojiirra oolchuuf hanqinni qabu guddaan, haalli fuula namaa irraa mul'atuufi keessa namaatti waan dhagahamu gidduu hariiroo cimaafi walitti fufaan jiraachuusaaf ragaan hin jiru qorannoo jedhutu jira.
Piroofeesar Keet Kiraawfoord rakkoon teeknolojii kanaa hojii qorannoo xiin-sammuu, Pool Ekmaan isa inni bara 1960tti namni miira fuula irratti mula'atu jaha qofa qaba jedhu irratti hundaa'a jedhu.
Qorannoowwan yeroo adda addaatti ademmsifame garaagarumma guddaa agrsiiseera-karaa miira namaa ibsuutiinis tahe, akkataa namoonni miira namaa ibsaniin jechuu dha.
''Dhimmichi aadaa, haalaafi yerootiin illee daangefamuu danda'a'' jedhu.
AI Now'n dhaabota oomishawwan miira namaa baruu danda'an gurguran akka fakkeenyaatti kaaseera, isaanis deebii kennaniiru.
Dhaabbanni Oksijiin Foorensiik jedhamu oomisha kana poolisiitti gurguruu himeera.
'Dandeettiin miira qaamotaa kanneen akka aarii, dhiphina ykn yaaddoo warra seera raawwachiisaniif roga ittiin qorannoo isaanii bal'isan kennaafii jedhu.'
''Booda teeknolojiiwwan kana karaa itti gaafatamummaa qabuun yoo fayyadamne addunyaa kana iddoo jireenyaaf toltu taasisuu dandeenya,'' jedhu.