Fayyaa: Lilmoon ulfa ittisu dhiiraaf yeroo jalqabaaf qophaa'e milkaa'aa laata?

Hindi mala ulfa ittisuu lilmoo dhiiraaf kennamu akka addunyaatti kan jalqabaati jedhamu jalqabuuf jirti. Haata'u malee, dhimma kana ilaalchisee gaaffileen deebi'uu qaban ammallee akkuma gaafatamaa jiranitti jiru.

Yeroo dheeraatiif dhiironni malawwan ulfa ittisuu lama qofaa fayyadamaa turaniiru.

Isaanis mala kondomii fayyadamuufi mala baqaqsanii wallaanuu 'vaazektoomii' jedhamu ujummoo ittiin sanyiin dhiiraa (ispermiin) gara qaama saalaa dhiiraatti darbu cufuunidha.

Kunniin mala ulfa ittisuu dhiiraa qoricha liqimsuufi laanqessaa (jeel) ammallee hojiirra ni jiru.

Haata'u malee, mala ulfa ittisuu kan dhiiraa marfeen/lilmeen kennamu addunyaatti isa jalqabaati jedhame jalqabuuf akka jirtu Hindiin beeksisaa jirti.

Milkaa'uu danda'u ta'aa laata?

Ogeessa baayoomedikaal injiinar kan ta'aniifi ofitti amanamummaan kan yaadan Suujay Guhaa jedhamantu qorannoo kana gaggeessaa ture.

Ogeessi dhaabbata Deelhii keessatti argamu keessa hojjetuufi umuriin isaa ganna 78 ta'e kun, qoricha marfeen/lilmeen kennamu qopheessan.

Marfeen kun takkaadhuma karaa ujummoo sanyii dhiiraa (ispermii) cidhaanirraa fuudhee gara qaama saalaa dhiiraa geessurratti kan kennamu yoo ta'u, mala salphaa akka dhukkubbiin namatti hin dhaga'amne (anesteezyiyaa) naannoo qaama sana qofaaf gargaaramuun kennama.

Oduu biroo kana waliin walitti dhiyaatan dubbifadhaa:

Qorattoonni akka jedhanitti, malli ittisa ulfaa yeroo dheeraa turu kun akka warra kaanii hormoonii kan hin taane yoo ta'u waggoota 13tiif bu'a qabeessa ta'ee tura.

Waggootaaf erga namarratti yalamee booda, qorichi maqaan isaa Risug jedhamu qophaa'eera.

Risug jechuun ammoo gabaajee 'reversible inhibition of sperm under guidance' ta'uu isaati. Yaaliin qoricha kanaa kutaan lamaffaa ammoo marfee laanqessaa (jeelii) waliin walitti makamuun kan duraan ulfa ittisuuf fudhatame duuba deebisuun akka dhiirri dhala godhachuu danda'u kan dandeesisudha.

Kun hanga ammaatti namarratti yaalamuu baatus lubbu-qabeeyyii biroorratti yaalamuun milkaa'eera.

Malli ulfa ittisuu kun akka warra qaama saalaatti godhatamaniitti dhukkuboota karaa saalqunnamtiitiin daddarban hin ittisu.

"Malli ulfa ittisuu dhiiraaf qopha'e kun sadarkaa idil-addunyaatti isa ol aanaa ta'a. Naga qabeessa, bu'a qabeessaafi kan yeroo dheeraa turudha.

Yeroo dhiyoo keessatti omishamuudhaaf qulqullaa'ee baha jennee abdanna," jedhan Mana Maree Qorannoo Fayyaa Hindiitti dursaan garee qorannoo qorichaa RS Shaarmaa.

Malli ulfa ittisuu dhiiraa kun dhuguma yeroo hin barbaadamnetti duuba deebisuun dhala godhachuun ni danda'amaa kan jedhurratti gaaffileen ni jiru.

"Mala ulfa ittisuu kana yeroo dhala argachuu barbaadanitti duuba deebisuu danda'amuu ilaalchisee qorannoo bal'aa taasisuu barbaada ammall.

Qoricha kana yeroo barbaadametti dhaabuu ykn duuba deebisuu danda'uun isaa akka malli ulfa ittisuu kun bu'a qabeessa ta'uuf murteessaadha," jedhan Yunvarsiitii waashingiteennitti qorataan sirana fayyaa walhormaataa Mikaa'el Iskiiner.

Dr. Guhaan kanarratti walii ni gala. "Ammatti duuba deebisuurratti milkoofneerra jennee afaan guutuun hin dubbannu garuu erga nama irratti yaalamee booda akka milkaa'u nan amana. Sadarkaa ammaa kanarratti qorichi kun vaasektoomiirratti fooyya'insa akka qabatee dhufetti ilaalamuu wayya.

Dhiirota irratti dhukkubbii/godaannnisa hin qabaatu, akkasumas wallaansi baqaqqasanii hodhuun hin jiraatu," jedhu.

Jalqaba bara kanaarra Dr. Shaarmaan waan qorannoo qoricha kanaarratti argatan maxxansanii turan.

Dhiirota 139 fuudhan keessaa kunneen umuriin isaanii 41 gadi ta'eefi yoo xiqqaate ijoollee lama qaban marfeen tokko tokko kennameefi ji'oota ja'aaf hordofamaa turan.

Dhiirota 139 kana keessaa haadhotiin warraa 133n isaanii saal-qunnamtii dhorkaafi of-eeggannoo tokko malee taasisaniin boodallee hin ulfoofne.

Qorichi kun namoota ja'an hafaniif hojjechuu dadhabuun isaa ammoo sababa marfee keessaa "dhimmisuun", ykn ammoo ujummoon sanyii kormaa/ispermii baatu urataa qabaachuu akka malu agarsiisa bu'aan qorannoo kanaa.

Haata'u malee akka qorattoota tokko tokkootti dhimmi kun ammallee qorannoo dabalataafi qulqulluu ta'e barbaada. Yunvarsiitii Oof Waashingiteen, Mana Barumsaa Fayyaatti piroofeara fayyaa kan ta'an Isteefenii Peej hanqinni milkaa'ina qoricha kanaa xiqqaa miti jedhan.

"Miidhaa maddee qabaachuufi hanqina qabaachuun isaa mala vaasektoomiiraa adda isa hin taasisu. Ragaan dabalataa hedduun ni barbaachisa," jedhan Pirof. Peej.

Walumaa galatti, qorannoon barbaachisaa ta'e yaalii sadaffaan taasifame "poozetiiviidah", garuu lakkoofsi namoota fedhaan qorannoo keeatti hirmaatan 139 murtaa'aafi yeroon turtii hordoffii (ji'a ja'aa) "akka istaandaardiiwwan jiru jedhamanitti yoo ilaalamu dheeraa miti."

"Kanaaf, qorichi argame kun waan gara fuula duraatti tarkaanfachiisudha garuu gabaa guddaa jiru keessatti tapha kan jijjiirudha jedhamee hin fudhatamu," jetti.

Qorattoonni Hindii akka jedhanitti Risug yaalii dhala namaarratti marsaa sadiin taasifame kan namoota fedhii isaaniirratti hundaa'e 500 ta'an hirmaachiseen mirkanaa'eera.

Qorannoo bara 1990 moota keessa jalqabee turtii waggoota 30'ttti dhiyaatuuf gaggeeffame kanaan malli ulfa ittisuu bu'a qabeessa ta'e argameera jedhu.

Lilmoon kun gatiin isaas salphaa kan ta'eefi ulfa ittisuudhaan ammoo kan yeroo dheeraa turudha jedhu.

Namoonni fedhiin qorannoo kana keessatti hirmaatan fedhiifi kaka'umsi saalqunamtii isaan qaban akka hin hir'atiiniifi miidhaan maddee guddaa ta'e akka isaan hin mudatiin dubbatu jedha

Qaamni mootummaa Hindiitti qoricha to'atu akka qorichi kun omishamuun gurgurtaaf ummataaf dhiyaatuuf hayyama ni kenna edhamee eegama.

Filannoo mala ulfa ittisuu kan dhiiraa bu'a qabeessa ta'e qabaachuuf amma yeroo isaati. Waggoota hedduuf, ulfa hin karoorfamneen dubartoonni ba'aa guddaa baataa turaniiru.

Qorannoon yeroo ammaa garri caalaan malawwan ulfa ittisuu kan dhiiraa irratti xiyyeeffatee hojjetama jira.

Waggaa 60 dura malli uolfa ittisuu qoricha liqimsaa (kininii) dubartootaas US keessatti jalqabe, yeroo ammaa filannoowwan kudhanii ol ta'an mala ulfa hin barbaachifne ittisuu dubartoonni fayyadaman akka kiniinii, marfeefi kanneen biroo fayyadamuu danda'aniiru.

Qorannoon qorichi dhiirota irratti Dr. Guhaan taaisaa jiru kun deggersa dhaabbilee gara garaatiin US fi Awurooppaa keessatti yaaliin akka irratti gaggeeffamu taasifamaa jira.

Kanaaf dhiiroonni ga'ee isaanii taphatuu laata?

Biyya akka Hindii ol-aantummaan dhiirotaa keessatti cimaa ta'e keessatti mala ulfa ittisuu dhiirri fayyadamu baayyee gadi aanaadha. Akka ragaan mirkanaa'e agarsiisutti, dhiraasaafi niitiin %90 ol ta'an kondomii hin fayyadaman.

Malli ulfa ittisuu dhiirotaa baqasanii wallaanuun vaazektoomii jedhamus baayyee gadi aanaadha biyyattii keessatti. Malli ulfa ittisuu baayyee beekamaan garuu dubartoota akka dhala hin godhanne taasisuudha.

Qorattoonni ilaalchawwan turan guutummaa addunyaatti ni jijiirama jedhanii amanu.

"Ilaalchi akka addunyaatti jijjiiramaa jira. Sababoota dhiironni mala ulfa ittisuu keessatti hin hirmaanneef filannoowwan hedduun waan hin turreef.

Galmi kana irratti hojjechuu filannoo malawwan ulfa ittisuu dhiirotaaf jiru baayyisuudha.

Yoo filannoowwan akkasii jiraatan qofadha kan dhiironni qooda isaanirraa eegamu bahuudhaan bahaa haadha warraa isaanii kan isaan salphisuufii danda'an," jetti Peej.

Qorichi dhiiraaf qophaa'aa jiru Risug jedhamu kun mala ulfa ittisuu dhiiraa milkii qabeessa ta'uu isaa bullee ilaalla.