'I Am Hannah': Diraamaa dhiibbaa hawaasni dubartootarraan ga'u agarsiisu

Maatiin tokko akka dhala godhataniif dhiibbaan bakka hundumaarraa dhufuu danda'a.

Haatiifi abbaan fedhii guddaa dhala-dhalaa arguuf qabanirraa kan ka'een ijoolleen dhala akka godhataniif dhiibbaa namarraan geessisu.

Hiriyoonni ofii yeroo dhiyoo keessa dhala godhatanis dhiibbaa namarratti gochuu danda'u. Namni gara fuula duraatti waliin jireenya dhaabbachuuf yaadanis gaaffiin beellama jaalalaa guyyaa jalqabaa gaafatamu yeroo hedduu dhiibbaa mataa isaa ni qaba.

Kana jechuun namni siinan fuudha ykn sittan heeruma jedhee yeroo waadaa walii galutti dhala godhachuu irrattis dhiibbaa mataa isaa ta'e ni qabaata.

Kana hundumaarra garuu dhiibbaan guddaan hundumaa caalu kan dargaggoonni ofii ofii isaaniin ofirraan ga'anidha jedhama.

Fiilmii 'I Am Hannah' jedhamu Chaanaal 4 irratti darburratti dhimmi yeroo umrii 30n keessa jiran dhala qabaachuufi dhiisuun ka'eera. Fiilmii kana keessatti shamarreen cimtuun Jemaa Chaan jedhamtudha 'I AM Hannah' jechuun kan qooda fudhachuun hojjettu. 'I Am Hannah' Ani Haannaadha akka jechuudha.

Fiilmiin humna guddaa qabu kun walitti fufinsaan of danda'ee TV dubartootaan gaggeeffamuun seenaawwan dubartootaarratti xiyyeeffachuun dhiyaata.

(Kan 'I Am Hannah' jedhu malee kanaan duras, 'I Am Nicola', kkf jechuun maqaa shamarran biroonis dhiyaachaa ture.)

Fiilmii 'I Am Hannah' jedhu keessa, shamarreen Chaan jedhamtu umriin ishee ganna 36 ta'e seenaa dubartootaa umrii isheen keessa jirtu keessa jiran agarsiifti.

Keessumaa dhala godhachuufi dhiisuudhaaf wantota dhiibbaa namarraan ga'an mullisti.

Chaan amala nama baayyisee gaarii ta'e qabduufi namoota Eeshiyaa gara malee sooreyyii ta'an bakka buuti. Akka dubartii gaaffiin karoora maatii ijaarrachuu jalqabuu daddabalee isheef dhiyaatu tokkootti taphatti.

Ergaan fiilmichaas, daawwattoonni haalawwan keessa jiraniifi dhiibbaa isaanitti dhaga'amu akka ilaalcha keessa galchan jajjabeessuudhaaf kan yaadamedha.

"Ilaalchi hawaasa keessatti uumame jiru tokko jira. Innis, dubartiin tokko guutuufi ga'umsa kan qabaattu ijoollee qabaachuudhaan," jetti Tamara Lashchyk barreessituun kitaaba 'Lose the Gum: A Survival Guide for Women on Wall Street' jedhamu.

"Ilaalcha hawaasa keessatti barame kana cabsuun ammoo akka hir'ina guddaatti waan fudhatamuuf dubartiin tokko akka ga'umsa hin qabneetti akka fudhatamtu taasisa.

Hawaasa keessatti dubartiin dhala hin qabne tokko ni jibbamti; ejjennoon akkasii kun ammoo dhaloota dhufaa darbaa keessatti ni mul'ata."

Eebba baniinsa fiilmii kanaa Wiirtuu Chaanaal 4 Landanitti argamurratti Chaan akkas jechuun ibsite: "Wantonni hedduun [diraamaa] kana keessatti mul'atan haasaafi mariiwwan ani hiryyoota koo dubaraa, haadha koo, obboleettii koo waliin qabaataa ture keessaati.

"Ani hiriyyoota dhiibbaa fiilmicha keessatti Haannaan keessa dabarte waliin wal fakkaatu keessa darban baayyeen qaba. Muuxannoon kan dhuunfaa kootii guutummaan guutuuttis kan isheedha jechuu hin danda'u. Garaa garummaan hedduun ni jiraata, garuu akkuma jirutti jireenya qabatamaa keessaa fudhatame."

Chaan akka Haannaa taatee yeroo fiilmii sana hojjettu karaa appilikeeshiiidhaan hiriyyaa barbaadachuutiin dhiirota baayyee waliin wal argiti.

Dhiironni ishee argitu ammoo ijoollee godhachuu irratti ilaalcha garaa garaa qabu. Isheen ammoo filannoowwan kan akka hanqaaquu gadameessa keessaa dhala ta'u dilaleeffachuu Hakiima Walii-galaa (GP) bira deemuun mariyatti.

[Hanqaaquu gadameessa keessaa dhala ta'uu danda'u dilaleeffachuu (freezing her eggs)] fedhii dhala godhachuu dhabuun ogeessa fayyaan wallaansa taasifamudha.

Hanga ammaa maaliif akka bultii ijaarrattee dhala hin godhatiin karaa haadha isheerraa ammoo qorannoo walirraa hin cinnetu ishee mudata ture. "Guyyaa tokko osoo hin beekiin 40 galtee dhala malee hafta," ittiin jetti haati ishee.

"Hariiroon haadhaafi intalaa adda kan ta'eefi jaalalaan kan guutedha garuu wantonni nama haarsanis ni jiru. Tokko waan isa kaaniif gaarii ta'e fedha garuu dhiibbaa guddaa qaba," jetti CHaan.

"Akka ani yaadutti dhiibbaan Haannaarra jiru dhiibbaa diidarraa dhufedha, garuu Haannaan ofuma ishee fedhiiwwan keessoo isheerraan kan ka'een dhiibbaan ofitti fidde ni jira."

Jalqaba waggaa kanaarra, ogeessi qoor-qalbii Paawol Doolaan dubbii Ayyaana Hay jedhamurratti dubbateen falmii baayyee cimaa kaasisee ture. Dubbii dubbate sanarrattis, namoonni kan caalaa gammachuu qabaatan ijoollee ykn haadha/abbaa warraa yoo hin qabaatiidha, jechuun yaada dhiyeesse.

"Tarii [namoota qofaa galan/kofaleessa ta'an] akka gulantaafi dudhaa hawwaasa keessa jiraniif yaaddoo ta'eetti ilaalla ta'a," jechuudhaanis boodarra the Guardian keessattis barreesseera.

"Walumaa galatti, haati warraafi abbaan warraa ijoollee qaban dhimmoota waloo kan isaan caalmaatti qabaatan haadha warraafi abbaa warraa biro ijoollee qaban waliin yommuu ta'u yeroo hedduus warren akkasiitu walii walii isaaniitti madaquu filata."

"Seeraa uumamaa keenyaafi achii dhuftee keenya waan ta'eefis maatiiwwanillee dubartoonni akka ijoollee godhataniif dhiibbaa irratti taasisu.

Namoonni harki caalaan akka ni ta'a jedhanii karoorfataniin yaadu waan ta'eef darbee darbee maal-jedhuufi wal hubannaadhaaf bakka ni kennu. Yaada dubartiin tokko jireenya abbaa manaa malee ykn daa'ima malee filachuu ni dandeessi jedhanii ija jabaatanii hin dubbatan."

Chaan fiilmiin 'I Am Hannah' jedhu dirqama amala namaa jijjiira miti jetti. Garuu namoota hanga ta'an waa gaafachuu danda'uu isaanii akka keessa deebiyanii ilaaluu qaban kakaasuu danda'a jetti.

"Akka ani yaadutti kan hubatamuu qabu dhiirota caalaa waan hedduu kan akka karoorri isaanii maal akka ta'e, ijoollee godhachuu ni fedhuu, ulfaa'uudhaaf ni karoorfatuu kanneen jedhan ilaalchisee dubartootatuu gaafatama," jetti.

"Hanga tokko kan ani yaadu wanti akkasii dhimma nama biroodha waan ta'eef dirqama kana isaan gaafachuun nurra hin jiraatu."

Chaan kanaan dura kan taatee taphatte hedduun isaa jireenya qabatamaa irraa kan fagaatan turan. Isa 'I Am Hannah' jedhu kana keessatti garuu waan jireenya namaa waliin walqabatuufi jiruu keessatti nama mudatudha, jechuun ibsiti.

"Kana Arfaasaa keessa bara darbe turre kan waraabne. Yeroo fiilmicha waraabnee xumurri, akka gogaan koo narraa luqqa'eetti natti dhaga'ame. Guutummaan narvii kootii gadi akka gadi ba'aniitti waan natti dhaga'ameef deemee waan tokko hojjedheen dagachuudhaa yaalaan ture."

"Yeroon daawwadhu, haaraa natti fakkaata. Ani wantan hojjedhe hedduu isaa hin yaadadhun ture. Akka waan baayyee gadi baasetti ilaalame. Irra deebiyee daawwachuudhaan walaba ta'ee qalbii kenuunan ilaale."

Haala kanaan dura hin tureen, Chaan fiilmii 'I Am Hannah' kana keessatti taatoo ta'uun qofa osoo hin taane barreessuudhaanis beekamtii argatteetti. Fiilmichi akka guddataa deemuufis gumaacha guddaa taasifteetti.

"Walabummaan waa uumuu danda'uun kennaa muraasa namaaf kennamudha," jette. "Akka taatoo/fakkaattee taphattuu tokkootti mullata nama ta'ee tokko tajaajilta, kanaaf , guutummaan guutuutti muuxannoo adda ta'edhas," jechuun ibsite.

Kanaaf, namoonni yeroo akka dubartoonni/dhiironni ijoollee godhachuudhaaf karoora qaban gaafatan baayisanii of eeggachuu qabuu?

"Kun tarii, dubartoota tokko tokkoof kan miira tuqudha ykn saalfachiisudha," Lashchyk.

"Haata'u malee, ani akkan yaadutti, dubartiin tokko ofiif mirkaneeffattee ijoollee godhachuu kan hin barbaanne yoo taate, yaadawwan itti dhufan sana dura dhaabbachuudhaaf ofitti amanamummaa gahaa qabchuu dandeessi."

"Ani akka duunfaa kootti akka arabsootti hin ilaalu waan ta'eef namoonni yeroo hedduu waan isaanitti hin dhaga'amneef osoo namaaf of hin eggatiin yeroo yaada kennan jireenya kan isaaniirraa adda ta'eef ilaalcha kennuu dadhabuudha jedheen hubadha."